Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhata Yohaannisii 12 - Kitaaba Woyyuu


Intalatti'ii Fi Jawwee

1 Malkanni guddaan sami'itti mudhate. Intalattiin aduu uffatte ta addeessa luka isi'ii jalaa qabdu urjii kudha lamaa mataa ufii irratti gonfatte fakkaattu takkatu jira.

2 Isiinillee ulfa dayu'uuf ciniinsu'uun qabamtee dhiphatteetitti iyyite.

3 Malkanni biraallee sami'itti mudhate. Jawween guddaan diimaan mataa torbaa fi gaafa kudhan qaba. Mataa isa irra qoobii torbatu jira.

4 Eegeen isaa urjii sami'ii sadihi keessaa harka tokko gara lafaa gad jisse. Jawweenillee hennaa intalattiin deette daa'ima isi'ii nyaachu'uuf intalattii dayu'uuf taatu san afoo dhaabate.

5 Ilma dhiiraa ka worra Yihuudota hin taane maraa ulee sibiilaatiin bulchu'uuf ta'u deette. Mucaan isi'ii gara Rabbiitii fi gara teessoo isaa ol fudhatame.

6 Intalattiin guyyaa kuma tokkoo fi jahaatamaa achitti akka isii sooran gara hulee Rabbi qopheesseefii gara gammoojji'ii dheessite.

7 Samii irratti lolli ka'e. Mikaa'elii fi Jawween wol lolan, Jawweenillee Maleekkota woliin wol lole; garuu isaan hin dandeenne.

8 Achiin maayessa sami'itti hulee dhaban.

9 Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookaan ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.

10 Kanaan maayessaa laagaan guddaan sami'itti hennaa akkana jedhu dhagaye, «Amma baalliin, fayyinni, hunni, jeennanni ka Waaqa keenna Yesuus Kiristoosiiti. Himattoonni halkanii fi guyyaa Waaqa keenna afo'otti, obboleewwan teenna himatan waan gadi darbamaniif.

11 Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa uf irraa bayan.

12 Kanaafuu isin worri sami'ii fi samii keessa jirtan gammadaa'a, lafaa fi galaana isaan hobbaasi! daabiloos akka barri hagoon hafe beekee, aarii gudda'aan gara keessan waan bu'eeruuf.»

13 Jawweenillee haga akka gara lafaa darbame arge, intalattii ilma dhiiraa deette san ari'e.

14 Isiinillee afoo bofaatii bara, barootaa fi wodhakkaa barootaa gara lafa gammoojji'ii waa itti nyaattuu barartee akka fagaattu koolli bajjaa lamaan gugurdaan kennameef.

15 Bofnillee intalattiin akka lagaan liqimfamtu godhu'uuf bisaan haga lagaa gayu afaan ufii keessaa isii duubatti jisse.

16 Laftillee afaan bantee bisaan jawween afaan ufii keessaa jisse dhugu'uun intalattii san gargaarte.

17-18 Jawweenillee intalatti'iin lolee worra ajaja Rabbii eegan, ka ragaa Yesuusii qaban worra fiixaa isi'ii keessaa hafe woraanu'uuf deemee xidhacha qarqara galaanaa irra dhaabate.

Lean sinn:



Sanasan