Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhata Yohaannisii 1 - Kitaaba Woyyuu

1 Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kennee fi ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.

2 Inni dubbii Rabbiitii fi waan Yesuus Kiristoosii waan arge maraa rage.

3 Barri waan dhiyaateeruuf worri dubbii raagaa kana dubbisan, worri dhagayanii fi worri waan isa keessatti barreeffame eegan eebbifamtoota.


Nagaya Woldaa Kiristaanaa Torbaaf Ergame

4 Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture; ka ammallee jiru; ka dhufu'uuf ta'uu fi Ayyaanota torban teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa,

5 akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,

6 Rabbii Abbaa isaatii akka hojjannuuf jeennata Abbaa isaatii gadicha akka taanu nu taasisee, baraa haga bara baraa ulfinninii fi hunni isaa haa ta'u! Amiin.

7 Inni duumessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin.

8 Ka jiru, ka ture, ka dhufu, ka maraa danda'u Waandhi Gooftaan, «Alfa'aa fi Oomeegaan Ana!» jedha.


Yesuus Manaabaan mudhate

9 Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jeennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbiitii fi waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.

10 Ani guyyaa Goofta'aa Ayyaana Rabbiitiin guuttamee ture; laagaa guddaa xurumbaa fakkaatu uf duubatti dhagaye.

11 Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelfiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.

12 Laagaa natti dubbatu argu'uuf uf irra midhadhe;

13 Baattuuwwan ibsaa worqi'ii torba arge. Baattuuwwan wodhakka'atti waan ilma namaa fakkaatu arge; innillee uffata dheeraa haga lukaa gawu uffatee sibiila worqi'ii qomatti hidhateera.

14 Inninii fi rifeensi mataa isaa akka rifeensa hoola'aa adi'i; akka barada'aa addaata; ijji isaallee akka arraba ibiddaati.

15 Lutti isaa waan akka sibiila ibiddaa keessatti diimeeffame fakkaata. Laagaan isaa akka laagaa bisaan gudda'aati.

16 Harka isaa ka mirgaa irraa urjiiwwan torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya; fuulli isaa akka aduu guddiftee iftuuti.

17 Ani hennaa isa arge akka nama du'ee ta'ee luka isaa jalatti kufe. Harka mirgaa na irra kaayee akkana naan jedhe.

18 Hin sodaatin; ka duraatii fi ka dhumaa jiraataan anaa. Du'ee ture; kunoo baraa haga bara baraa ani jiraata'a; furtuu du'aatii fi ka asaabaallee hin qaba.

19 Eeganaa ka argite, ka amma jiru ka asiin maayii ta'u'uuf ta'ullee barreessi.

20 Hiikkaan dhossaa urjii torbaatii fi baattuu worqi'ii ka harka kiyya ka mirgaa irratti argite kana. Urjiin torban Maleekkaa woldaa Kiristaana torbaati. Baattuun worqi'ii torban tokkummaa woldoota Kiristaana torbaati.

Lean sinn:



Sanasan