Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Ergaa Yaaqoob 2 - Kitaaba Woyyuu


Nama Wol Caalchisuu Irraa Uf Eegi

1 Obboleeyyan tiyya! Waan amantii kabajjamaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii qabattaniif, fuula namaa laala'aa wol hin caalchisinaa'a.

2 Namni uffata bareedaa uffatee, qubee worqi'ii godhatee, wol gayii keessan yoo seenee fi hiyyeessi uffata xurii uffate ammo yoo seene,

3 Ka uffata bareedaa uffate laaltanii, «Ati hulee mishaa kana taa'i» yoo jettaniin; hiyyeessa uffata xuri'ii saniin ammo, «Ati achi dhaabadhu yookaan luka kiyya jala taa'i» yoo jettaniin,

4 Ufii wol qooda'aartanii mii? Abboota seeraa ka yaada hamaa qaban ta'uu keessanii mii?

5 Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a! Rabbi akka amanti'iin dureeyyii ta'anii fi akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeeyyii adunyaa tanaa filateeraa mii?

6 Isin ammo hiyyeeyyii salphiftan; Dureeyyiin worra isin dhiphisuu mii? Worri gara mana murti'ii isin harkisan isaanii mii?

7 Worri maqaa mishaa ittiin waamamtan arabsan isaanii mii?

8 Akkuma kitaabni woyyuun, «Hiriyyaa kee akka uf jaalattutti jaaladhu» jedhu seera mooti'iillee yoo raawwattan waan mishaa gootan.

9 Afoo namaatitti ammo yoo ka nama wol caalchiftanii, cubbuu hojjata'aartan. Seerrillee akka nama yakkamaa tokkootitti isinitti murteessa.

10 Namni seera maraa eegee tokko yoo cabse eennullee yoo jiraate maraanuu yakkamaa ta'a.

11 Ka «hin seebarin» jedhe akkasuma «hin ajjeessin» jedheera. Uduu hin seebarrellee deebiftee yoo nama ajjeefte seera irra darbiteerta.

12 Akka worra seera wolabummaa kennu afo'otti dhiyaattanii murtii argattanitti dubbadhaa'a; hojjadhalle'e.

13 Ka namaan hin araaramne, murtii araara hin qabnetu isa eeggata. Araarri murtii injifata.


Amanti'ii Fi Hujii

14 Obboleeyyan tiyya! «Amantii qaba» jedhee garuu namni huji'iin hin mudhifne yoo jiraate bu'aa maal isaa qabaa? Amantiin isa fayyisuu danda'aa?

15 Namni tokko isin keessaa obboleessaa fi obboleettii waan nyaatanii fi waan uffatan dhabaniin,

16 «nagayaan deemaa'a; quufaa ibidda oo'ifadhaa'a! quufaa'a!» uduu isaaniin jettanii waan nafa isaaniitiif barbaachisu yoo hin kennineef bu'aa maal isaanii qaba?

17 Eegasuu amantiin huji'iin hin mudhanne yoo jiraatte amantiin sun ta duute.


Ka Dhageette Hujii Irra Oolchi

18 Haa ta'uu ammo namni tokko, «Ati amantii qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantii kee huji'iin adda baasii natti mudhis; ani amantii kiyya huji'iin si mudhisa» jedha.

19 Rabbi akka tokko ta'e ati hin amanta. Waan mishaa garuu jinniinillee akkasuma hin amana; hin sodaata.

20 Ati nama gowwaa'a! amantii huji'iin addaan baye ka du'e akka ta'e beekuu feetaa?

21 Abbaan keenna Abrahaam ilma ufii Yisaaqiin hennaa ciinca'aaf dhiyeesse huji'iin qajeelaa hin taanee?

22 Amantiin hujii woliin akka wol gargaara'aa ture, amanti'iin hujiin akka raawwatame argitaa?

23 Kitaabni, «Abrahaamillee Rabbitti amanee qajeellummaa ta'ee laakkayameef» ka jedhe raawwatamee jaalallo Rabbii jedhame.

24 Namni amantii calla'aan uduu hin taane huji'iin akka qajeelaa ta'e argitaniirtan.

25 Akkasuma seebartuun Ra'aab ammo ergamtoota simattee karaa biraatiin hennaa ergite, huji'iin qajeeltuu hin taanee?

26 Akkuma foon lubbuu irraa baye ka du'e ta'e, akkasuma ammo amantiin huji'iin adda fooyame ka du'e.

Lean sinn:



Sanasan