Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 24 - Kitaaba Woyyuu


Daawiti Banii Laakkaye
( Sen. 1ffaa 21:1-27 )

1 Rabbi hennaa lammeesso'ootiif worra Israa'eliitiin lolee Daawitiin, «Deemiitii worra Israa'eliitii fi worra Yihuuda'aa laakkayi!» jedhee isaan irratti muude.

2 Kanaaf mootichi Iyyoo'aabiin, «Worra si woliin jiran ka loltoota ajajan, laakkobsa bani'ii beeku'uuf Daanii jalqaba'aatii haga Beersaabeehii banii keessa deema'aatii laakkayaa'a» isaaniin jedhe.

3 Iyyoo'aab mootichaan, «Ijji mootii kiyyaa uduu argu, Rabbi Waandhi kee banii amma jiru irratti dachaa dhibbaa haa eda'u garuu mootichi gooftaan kiyya maaf waan kana jaalata?» jedheen.

4 Waan mootichi jedhe Iyyoo'aabii fi worri loltoota ajaju fudhatanii worra Israa'elii laakkayu'uuf mooticha biraa deeman.

5 Laga Yoordaanosii ceeyanii ladda qachaa Iyyaazeerii ta dhooqa Gaadii jirtu gara kaabaatiin Ero'eeritti quphatan.

6 Achiillee gara Gala'aadii biyya Tabaasoonii Adaasaayii dhaqanii gara Daaniyaaniillee gayan; gara Siidoona'aallee hin naannayan.

7 Gara kushee worra Xiroosii worra Eewwotaatii fi gara qachaa worra Kana'aanii maraa dhaqanii Yihuudaa gara kibbaatiin Beersaabeehiin keessa lufan.

8 Biyya maraa keessa naannayanii ji'a sagalii fi guyyaa diddamaan maayessa gara Yerusaalemii deebi'an.

9 Iyyoo'aab laakkobsa bani'ii laakkayee mootichatti kenne; Israa'eliin keessatti worri guraade'een lolan namoonni jajjabaan namoota haga kuma dhibba saddeetii turan; namoonni Yihuuda'aa ammo haga namoota kuma dhibba shanii turan.

10 Garuu Daawiti haga banii laakkayeen maayessa nayee, «Rabbii kiyya! Ani waan godhe marattuu si yakkeera, yabo'oo Waaqa kiyya! dogoggora guddaa waan hojjadheeruuf cubbuu garbicha keetii akka dhiiftu si kadhadha» jedheen.

11 Daawiti hennaa ganamaan ka'u, dubbiin Rabbii gara Gaadii raatticha Daawitii ka akkana jedhu dhufe.

12 «Deemii Daawitiin, ‹Rabbi akkana jedha waa sadihii si afoo kaaya, waan si afoo kaawu sanniin keessaa kamiin akka si irratti raawwadhu tokko keessaa filadhu› jedhii itti himi» jedheen.

13 Gaad gara Daawitii dhaqee, «Biyya keetitti beelli haga woggaa sadihii haa dhufuu? mo'o, diintonni tee haga ji'a sadihii si haa ari'anii; mo'o, balaan biyya kee irratti guyyaa sadihiif haa ta'uu? ka na ergetti maal akka deebisu yaadii qoradhuu natti himi» jedheen.

14 Daawiti Gaadiin, «Ani waan guddisee rakkata'aaruuf, araarri isaa waan guddaa ta'eef ka harka namaa irratti kufee mannaa ka harka Rabbii irratti kufe naa woyya» jedheen.

15 Kanaaf Daawiti balaa filate, hennaa qamadiin haamamu balaan banii jiddu'utti ka'ee nama kuma torbaatamaa ajjeese.

16 Maleekkaan Rabbii Yerusaalemiin balleessu'uuf hennaa harka ufii hiixate, Rabbi waan hamaa saniif gaddee maleekkaa banii fixa'aaruun, «Amma hin gayaa harka kee deeffadhu» jedheen; hennaa san Maleekkaan Rabbii Oorii nama gosa Iyyaabuusiitii fi Oobdii bira ture.

17 Daawiti hennaa maleekkaa banii dhaya'aaru arge Rabbiin, «Ani hin yakke; hujii dabaa hojjadhe; garuu baniin kun maal balleesse? balaan kun anaa fi mana abbaa kiyyaa irra akka ta'u si kadhadha» jedhee dubbate.


Daawiti Hulee Ciinca'aa Ijaare

18 Gaafa san Gaad Daawitiin bira dhaqee, «Ka'ii oobdii Oorna'aa nama gosa Iyyaabusiititti hulee ciinca'aa Rabbii ijaari» jedheen.

19 Daawiti akkuma Gaad isatti himetti dubbii Rabbiitiif ajajamee baye.

20 Oornaan ol jedhee yoo laalu mootichinii fi bulchoonni ka gara isaa dhufa'aaran argee, mooticha afo'otti gad jedhee nagaya gaafate.

21 Oornaan, «Mootii kiyya! maaf garana as dhufte? jedhee gaafate; Daawiti, «Rabbi akka balaa banii irraa kaasu, Oobdii kee si irraa bitee hulee ciinca'aa Rabbiif hojjachu'uuf dhufe» jedheen.

22 Oornaan Daawitiin, «Akkuma mootichi gooftaan kiyya fedhe hulee ciinca'aa Rabbiif haa ijaaruu; waan hulee ciinca'aa irratti ciinca'aaf dhiyaatan sangoonni kunniin hin jiran, wonti qoraan ta'u, qambarri isaan itti xamadamanii fi munni midhaaniin dhayan maruu kunooti» jedheen.

23 Oornaan, «Mootii kiyya! Oornaan waan kana maraa mootichaa kenna» jedheen; Oornaan mootichaan, «Rabbi Waandhi si irraa haa jaalatu» jedheen.

24 Mootichi Oorna'aan, «Gati'iin si irraa bita malee akkanaan si irraa hin fudhadhu, ciincaa Rabbii Waaqa kiyyaaf dhiyeessu gatii malee hin dhiyeessu» jedheen; achiin maayessa Daawiti Oobdi'ii fi sangoota saqilii shantamaan bite.

25 Achitti Daawiti hulee ciinca'aa Rabbiif hojjatee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyinnaa dhiyeesse; Rabbillee waan inni biyyaaf kadhate dhagayee balaa worra Israa'elii irraa dhoogge.

Lean sinn:



Sanasan