Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 21 - Kitaaba Woyyuu


Fiixaan Saa'olii Du'aan Adabaman

1 Bara Daawiti bulchu woggaa sadihii guutuu beelatu ture; sababaa kanaaf hennaa Daawiti Rabbiin kadhate Rabbi «Saa'olii fi maatiin isaa namoota Gabaa'oonii ajjeesanii yakkaniiran» jedhee deebiseef.

2 Akkuma beekkamu namoonni Gabaa'oonii namoota Israa'eliitii miti; worri Israa'elii worra Gabaa'oonii eegu'uuf waan waadaa galaniif worra gosa Amoorotaa irraa fooyamanii hojjuma ufii jiraatan; Saa'ol garuu guyyaa baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa wol geettii qabanitti isaan fixu'uuf yaadee ture.

3 Kanaafuu Daawiti namoota Gabaa'oonii waamee «Namoota Rabbii akka eebbiftan bikka yakka dura isin irratti raawwatamee san gumaa isinii deebisuu waan barbaaddan maal akka isinii godhu feetan?» isaaniin jedhe.

4 Namoonni Gabaa'ooniillee, «Lolli nu Saa'olii fi maatii isaa woliin qabnu waan birri'ii fi worqi'itti bikkamuu miti; biyya kana gosa Israa'elii keessaa nama tokkollee ajjeesuu hin barbaannu» jedhaniin. Daawitillee «Maal akka isinii godhu barbaaddan ree?» isaaniin jedhe.

5 Isaan mootichaan, «Saa'ol sirima nu fixu'uuf nu keessaa namni tokkollee biyya Israa'elii keessa hulee kamittuu lubbu'uun akka hin jiraanne barbaadee ture.

6 Kanaafuu fiixaa Saa'olii keessaa dhiira torbaa nuu kenni nullee isaan qachaa Gibi'a'aa ta Rabbi Saa'oliin irratti muudee moosise keessatti Rabbiin afo'otti isaan fannifnaa» jedhaniin. Mootichillee, «Isinii kenna» jedhe.

7 Mootichillee waadaa Rabbii ka ilma Saa'olii Yoonaata'aa fi Daawitiin jidduu jiruuf Memfiboostee ilma Yoonaataa ilma Saa'oolii hambise.

8 Garuu mootichi ijoollee lamaan Ritsifaan Saa'olii deette Hermoonii fi Memfiboostee ijoollee shanii ta Meeroobe gosa Maalaataayii Beerzeel mucattii Esdiri'eelii ta Saa'olii deette fuudhee namoota Gabaa'ooniititti isaan kenne;

9 isaanillee namoota kanniin gaara irratti Rabbiin afo'otti fannisan; namoonni torbanuu hennaa garbuun haamamu ajjeefaman.

10 Achiin maayessa Ritsifaan mucattiin Iyyooheelii ta Saa'ol mata gala itti galu uffata gaddaa uffattee, hennaa midhaan itti haamamu irraa jalqabee haga roobni roobuu midhaan dhagaa irratti aftee guyyaa akka simbirti hin nyaanne halkan ammo akka bineensi hin nyaanne dhoogga'aa turte.

11 Waan mucattiin Iyyooheelii Ritsifaan ta Saa'ol mata gala itti galu hojjatte Daawititti himan.

12 Daawiti gara Gilbo'aa dhaqee lafee Saa'oliitii fi ka ilma Saa'olii Yoonaata'aa fuudhe guyyaa baniin Iyyaabisii lafee argan guyyaa worri Filisxeemii Gilbo'atti Saa'oliin ajjeesan reeffa isaanii raasaa Beetisaaniitii hatan.

13 Daawiti lafee Saa'olii ka Yoonaata'aatii fi reeffa nama torbaa wolitti qabe.

14 Achiin maayessa lafee Saa'oliitii fi lafee ilma Saa'olii ka Yoonaata'aa pheelaa biyya Biiniyaamii awwaala abbaa isaa ka Qiisii biratti awwaalanii waan mootichi jedhe maraa raawwatan; Achiin maayessa Rabbi kadhaa waan biyyaatiif isa kadhatan dhagaye.


Worra Filisxeemii Jajjabaa Woliin Wol Lolan
( Sen. 1ffaa 20:4-8 )

15 Worra Filisxeemiitii fi worra Israa'elii jidduu lolatu ture; Daawiti fi loltoonni isaa worra Filisxeemiitiin wol lolanii Daawiti dadhabe.

16 Namni gosa Raffaayimii ka Yishibibnoob jedhamu jabaan tokko Daawitiin ajjeesuu yaade; meeshaan lolaa ka inni hidhate haarofni ulfaatinni isaa saqilii sadihii fi wodhakkaa ture.

17 Garuu Abiisaa ilma Tsuuriya'aatitu du'a isa oolche; inni worra Filisxeemii dhayee ajjeese; achiin maayessa namoonni Daawitii, «Ati ibsaan worra Israa'elii akka hin banne ammaa achi nu woliin lolaaf hin baatu» jedhanii kakataniif.

18 Achiin maayessa hulee Goob jedhamu irrattillee worra Filisxeemiitiin wol lolan; Sebokaayi namni gosa Kuusa'aa Saafinii nama gosa Raaffaayimii ajjeese.

19 Akkasuma lafa Goob jedhamtu irratti worra Filisxeemii woliin wol lolan; hennaa san ilmi Ari'aargii Eeliyaan nama gosa Geetii ka soomayyuun isaa haga muka woyaa dhooftuun woyaa itti martu gayu harkaa qabu Goliyaadiin ajjeese.

20 Achiin maayessa gosa Geetii irratti lolatu ka'e; achi nama dheeraa harkinii fi lutti isaa caaccuu woliin quba diddamii afurii qabutu ture; inni garuu nama gosa Raaffaayimii keessaa dhalate.

21 Hennaa inni worra Israa'eliitiin lolu'uuf itti miixe Yoonaataan ilma obboleessa Daawitii Saamaan isa ajjeese.

22 Namoonni jajjabaan arfan ta worra Geetii namoota gosa Raaffaayimiiti; isaan maraa Daawitii fi loltoota isaatitu ajjeese.

Lean sinn:



Sanasan