Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 13 - Kitaaba Woyyuu


Aminoonii Fi Timaar

1 Ilmi Daawitii Abeseloom obboleettii bareedduu hin heerumne ta Timaar jedhamtu qaba; ilmi Daawitii ka Aminoon jedhamu Timaariin jaalate;

2 inni guddisee waan isii jaalateef hin dhibame; isiin durba waan taateef isii bira gayuu hin dandeenne.

3 Garuu inni goshoo qaroo waa beeku ka Yoonaadaab jedhamu qaba; inni ilma obboleessa Daawitii ka Shaama'aa ture.

4 Innillee isaan «Ati ilma mootichaa taatee guyyama guyya'aan maaf akkana huqqatte? mee natti himi» jedheen; Aminoon «Mucattii obboleessa kiyyaa obboleettii Abeseloomii Timaariin jaaladhe» jedheen.

5 Yoonaadaabillee isaan, «Dhibameera jedhii siree irra ciisi yoo abbee si gaafachu'uuf dhufe ‹obboleettiin tiyya Timaar dhuftee waan nyaadhu uduu ani argu bilcheessitee harka ufiitiin akka afaan na keettu itti naa himi jedhiin› » jedheen.

6 Kanaan maayessa Aminoon dhibameera jedhee ciise; mootichi hennaa isa gaafachu'uuf dhufu «obboleettiin tiyya Timaar dhuftee xoroshoo bixilee lamaa uduu ani argu gootee harka ufiitiin akka afaan na keettu si kadhadha» jedheen.

7 Kanaafuu Daawiti Timaarii mana mootummaa isaa keessa jirtuun «Gara mana obboleessa kee Aminoonii dhaqiitii waan nyaataa godhiif» jedhee nama isi'itti erge.

8 Timaar gara mana obboleessa ufii Aminoonii yoo dhaxxu Aminoon rafee ture; isiin daakuu diqqoo fuutee dukkuuftee uduu inni argu xoroshoo gooteef.

9 Isiin xoroshoo gooteef eelee irraa fuutee dhiyeessiteef inni garuu nyaatuu didee «Nama maraa manaa naa yaasaa'a» jedhe; namoonni maruu hin yaa'an.

10 Achiin maayessa Aminoon Timaariin, «Afaan na keettaa gara golaa fuudhii koottu» jedheen; Timaar xoroshoo goote fuutee gara gola Aminoon jiruu fiddeef.

11 Haga isiin waan inni nyaatu dhiyeessiteef isii qabee «Koottuu woliin rafnaa!» jedheen.

12 Isiinillee deebiftee, «Obboleessa kiyya! wonti akkanaa kun Israa'eliin keessatti waan hin taane waan ta'eef yabo'oo na hin salphisin; waan fafaa kana hin hojjatin;

13 yoo na salphifte ani attamitti ol jedhee banii keessa deema? atillee banii Israa'elii jiddu'utti hin salphatta, kana maraa irra mootichatti yoo himte ana sitti heerumsiisa» jetteen.

14 Inni garuu waan isiin jetteen hin dhageenne; hunnaan waan isii caaluuf hunnaan qabee isii gudeede.

15 Achiin maayessa Aminoon Timaariin asiin dura haga qara jaalate caalaa guddisee jibbee diina itti ta'e; innillee isi'iin, «Ka'ii asii deemi!» isi'iin jedhe.

16 Isiin, «Ani hin bawu; ana manaa na ariinaan waan hamaa duraan hojjatte caalaa hojjatta» jetteen; inni garuu waan isiin isaan jettu dhagayuu dide.

17 Hojjataa ufii waamee «Intala tana na afo'oo baasii balbala itti cufi» jedheen.

18 Isiin uffata babarruu bareedaa uffattee turte uffata akkanaa kana ijoollee durbaatitu uffata; hojjataan isii manaa baasee balbala itti cufe.

19 Timaar mataa ufiititti daaraa firfirsitee uffata bareedaa uffatte san tatarsaaftee mataa qabattee booya'aa deemte.

20 Obboleessi isi'ii Abeseloom, «Obboleessa kee Aminoontu si salphisee? Obboleettii tiyya amma cadhi; obboleessa kee waan ta'eef waan kana garaa kee keessatti hin qabatin» isi'iin jedhe; achiin maayessa Timaar mana obboleessa ufii Abeseloomii hojja ufii teette.

21 Mootichi Daawiti haga waan kana maraa dhagaye guddisee lole. Garuu inni ilma hangafaa waan ta'eef akkasuma waan isa jaalatuuf ilma ufii Aminooniin gaddisiisuu hin barbaanne.

22 Sababaa Aminoon durbummaa obboleettii ufii ka Timaarii balleesseef Abeseloom Aminooniin guddisee jibbeen; deebi'ee waan mishaa ta'ee'e waan hamaa isa woliin dubbachuu hin barbaanne.


Abeseloom Haluu Baye

23 Woggaa lamaan maayessa Abeseloom qachaa Efreemii hulee Ba'aalaaxoor jedhamee waamamutti rifeensa hoolotaa cira'aa ture; achiin maayessa ijoollee mootichaa ta dhiiraa maraa achitti nyaachisu'uuf waame.

24 Abeseloom gara mootichaa dhaqee «Kunoo hojjataan kee rifeensa hoolotaa cira'aara; atii fi hojjattoonni teellee ana garbicha kee woliin akka deemtan si kadhadha» jedheen.

25 Mootichillee Abeseloomiin, «Keessummaan waan sitti baay'atuuf nu marti dhufuu hin barbaachisu.» jedheen. Abeseloom garuu jabeessee isa kadhate; mootichi ammo eebbiseenii hafe; isa woliin hin deemne.

26 Abeseloom mootichaan, «Yoo ufii hafte obboleessi kiyya Aminoon akka nu woliin deemu si kadhadha» jedhe. Mootichi ammo «Inni maaf si woliin deema?» Jedheen.

27 Abeseloom guddisee waan isa kadhateef mootichi Aminoonii fi ijoollee mootichaa maraa akka isa woliin deeman maarre jedhe.

28 Abeseloom nyaachisa mooti'iif barbaachisu qopheessee ture; Abeseloom hojjattoota ufiitiin, «Yoo Aminoon daadhii woyini'ii dhuge; akka machaaye laala'aatii yoo ani isa ajjeesaa jedhee isin ajaje hin sodaatina'aa ajjeesaa jedhee jabeessee isaan seere!»

29 Hojjattoonni Abeseloomii akka Abeseloom isaan ajajetti Aminooniin ajjeesan; ijoolleen mooti'ii maruu ka'anii gaangiin ufii yaabbatanii gulufanii dheessan.

30 Uduu gara manaa deema'aaran karaa irratti «Abeseloom ijoollee mootichaa maraa ajjeeseera isaan keessaa womaa hin hafne» oduun jedhu Daawitiin bira gaye.

31 Mootichi ka'ee uffata ufii biinxee lafatti kufe; hojjattoonni isaa maruu uffata ufii biinxanii ladda isaa dhaabatan.

32 Obboleessi Daawitii ilmi Shaama'aa Yoonaadaab ammo, «Gooftaa kiyya; isaan marti hin duune; Aminoonima callaa ajjeesan; Abeseloom wonti waan kana godhuu karoorfateef hennaa Aminoon obboleettii isaa Timaariin salphise irraa jalqabee waan aareeruuf.

33 Amma ka du'e Aminoonima; ijoolleen mooti'ii maruu du'aniiran jettanii gooftaa mootii kiyya; garaa keessan keessatti akkas seetanii hin yaaddayinaa'a!» jedheen.

34 Abeseloom haga waan kana godheen hin baqate; eedduun tokko hennaa ol jedhee laalu namoonni baay'een duubaan karaa ladda gaaraatiin hennaa dhufan arge.

35 Iyyoonaadaab «Kunoo ijoolleen mootichaa waan dhufaniif wonti hojjataan kee jedhe ta'eera» jedheen.

36 Haga dubbatee fixeen maayessa hennama san ijoolleen mootichaa laagaa ufii ol qabanii booyan; mootichinii fi hojjattoonni mootichaallee guddisanii booyan.

37 Abeseloom ammo baqatee gara mootii Geeshuurii gara ilma Amihuudii gara Taalmaayii dhaqe; Daawiti mucaa ufiitii hennaa maraa booya'aa ture.

38 Abeseloom baqatee gara Geeshuurii dhaqee achitti haga woggaa sadihii taa'e.

39 Daawiti mootichi gadda du'a Aminoonii haga dhiise Abeseloomiin bira dhaqu'uuf guddisee yaade.

Lean sinn:



Sanasan