Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 1 - Kitaaba WoyyuuDaawiti Du'a Saamu'eelii Dhagaye 1 Saa'ol haga du'een maayii Daawiti worra Amaaleqii ajjeesee deebi'ee guyyaa lamaa Tsiqilaagiin taa'e. 2 Guyyaa sadeesso'ootitti namni tokko qe'ee Saa'oliitii uffata ufii tarsaasee daaraa mataa ufiititti firfirsee ture; gara Daawitii dhufee kallachaan gad kufee simateen. 3 Daawiti, «Eessaa dhufte?» jedhee gaafateen. Innillee, «Qachaa Israa'eliitii dheessee dhufe» jedheen. 4 Daawiti, «Mee waan ta'e natti himi» jedheen. Innillee, «Loltoonni teenna hulee lolaatii hin dheessan; namoota keenna keessaa nama heddutu du'e; Saa'olii fi ilmi isaa Yoonaataanillee du'aniiran» jedheen. 5 Daawitillee gurbicha oduu fideen, «Saa'olii fi ilmi isaa Yoonaataan akka du'e attamitti beette?» jedheen. 6 Gurbichi oduu fide «Ani akkuma tasaa gara gaara Gilbo'a'aa dhufe; Saa'ol eboo ufii irkifatee dhaabatee ture; worri konkolaataa fardaatiin deemanii fi abboonni farado'oo worri diintota isaanii isaan qabu'uuf hennaa itti dhiyaatan arge; 7 Uf duuba midhatee na argee na waame, anillee yaa jedhe. 8 Inni ati eennu? naan jedhe; anillee Amaaleqicha jedhee deebiseef. 9 Inni, ‹Ani du'uuf gaggabeeraa; lubbuun tiyya haga ammaa na keessa jirti, na irra dhaabadhuutii na ajjeesi!› naan jedhe. 10 Anillee haga kufeen maayii akka hin hafne argee irra dhaabadhee ajjeese; gonfoo mataa isaa irraa; bitoo harka isaa irra jiru fuudhee garana gara gooftaa kiyyaa fideera.» 11 Daawitii fi worri isa woliin jiran maruu gaddanii uffata ufii bibbiinxan; 12 Isaan guraade'een waan du'aniif Saa'ol, ilma isaa Yoonaataa, banii Rabbiitii fi worra Israa'elii maraafuu guddisanii gaddanii booya'aa haga galgalaa sooman. 13 Daawitillee gurbicha oduu fideen, «Ati nama biyyamiiti?» jedhe. Innillee, «Ani ilma nama worra Amaaleqiititti galee jiraatu tokkooti» jedhee deebiseef. 14 Daawitillee, «Nama Rabbi dibe ajjeesu'uuf harka kee hennaa hiixattu maaf sodaachuu dhabde?» jedheen. 15 Kanaan maayessa Daawiti worra isa woliin jiru keessaa tokko waamee, «Ajjeesi» jedhee ajajeen; inni hin dhayeen namichillee hin du'e. 16 Daawiti, «Nama Rabbi dibe ajjeeseera jettee afaan keetiin waan ufitti raddeef, ufitti murteessiteerta» jedheen. Daawiti Waan Du'a Saa'oliitii Fi Waan Du'a Yoonaata'aatiif Faarsee Booye 17 Daawiti waan Saa'olii, waan ilma Saa'olii waan Yoonaata'aa faaruu gaddaa kana faarse. 18 Ijoollee Yihuuda'aallee akka barsiisan ajaje; faaruun kun kitaaba yaashaarii keessatti barreeffameera. 19 «Yaa Israa'el! janni kee gaarran gubba'atti woraannamee du'e! jajjaboonni attamitti kufan! 20 Dubartoonni Filisxeemii akka hin gammanne, dubartoonni worra Yihuudii hin taanee akka hin ililfanne, oduu kana Geetiin keessatti hin odeessinaa'a; raasaa Asqaloona'aatitti hin labsinaa'a. 21 «Isin gaarran Gilbo'a'aa! rooba ta'ee'e fixeensi isin irratti hin bu'in! qonni keessan womaa hin biqilchin! gaachenni jajjabootaa achitti waan kufeef; wonteen Saa'olii saayiti'iin waan hin dibamneef 22 Eboon Yoonaata'aa hin ajjeesa, guraadeen Saa'olii ka diina kukkutu jajjaboota dhayee ka caccabsuu fi ka diina ajjeesu ture. 23 «Saa'olii fi Yoonaataan wonti wol ta'aniif waan wol jaalataniif; jireennaa fi du'a isaaniitiin adda hin fooyamne, bajjaan caalaa ariifatan; leenca caalaa jajjaboota turan. 24 «Dubartoota babbareeddan Israa'elii! shinshinii dhiilgee gatii gudda'aa ka isinitti uwwisa'aa tureef Saa'olii uffata keessan worqi'iin bareechisee boyaa'a! 25 «Lola san jiddu'utti jajjaboonni attamitti kufan? Yoonaataan tulluuwwan kee irratti ajjeefamee kufeera. 26 «Obboleessa kiyya Yoonaataa! ani waan keetiif guddisee gadde; ati anaaf jaalalloo turte jaalala guddaa naa qabda ture; jaalalli kee jaalala dubarti'ii caalaa gudda'a. 27 «Jajjaboonni attamitti kufan? meeshaan lolaallee attamitti bade?» |