Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 30 - Kitaaba WoyyuuLola Worra Amaaleqiitiin Lolan 1 Daawitii fi namoonni isa woliin deeman guyyaa sadeesso'oo gara Tsiqilaagii hennaa deebi'an worri Amaaleqootaa kutaa biyya gara kibbaatii fi Tsiqilaagii duulanii lolanii ibiddaanillee guban. 2 Dubartootaa fi worra achi jiran maraa diqqaa irraa haga gudda'aa booji'anii fudhatanii deeman malee nama tokkollee hin ajjeefne. 3 Hennaa Daawitii fi namoonni gara qachatti'ii dhufan ammo qachattii ibiddaan gubanii haawwonni manaa ta isaanii, ijoolleen isanii ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'amaniiran. 4 Daawitii fi namoonni isa woliin deeman laagaa ol qabatanii guddisanii booyan. 5 Haawwonni manaa ta Daawitii lamaanuu Akinaahomii Iyiziraa'elittii fi Abigiyaan ta Naabaaliin gosa Qarmeloosii irraa du'e booji'amanii turan. 6 Namoonni maruu waan ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'amaniif jireenni isaanii isaanitti hadhaayeeruuf Daawitiin dhaga'aan dhayaa'a waan jedhaniif Daawiti guddisee gadde; inni garuu maqaa Rabbii Waaqa ufiitiin jabaate. 7 Daawiti Abiyaatarii gadicha ilma Abemelekiitiin «Efuudii naa fidi» jedhe; Abiyaatarillee Efuudii Daawitii fide. 8 Daawiti ammo «Saamtota tanniin hordofee isaan qabuu?» jedhee Rabbiin gaafate; Rabbillee, «Boojuu kee hin deebifattaa ka'ii hordofi!» jedheen. 9 Kanaaf Daawitii fi loltoonni dhibba jaha gayan gara laga Beesoorii hennaa gayan isaan keessaa gariin achuma turan. 10 Namoonni dhibba lamaa guddisanii waan dadhabaniif laga Beesoorii ceewuu hin dandeenne kanaaf achitti hafan; Daawitii fi namoonni isaa dhibbi afurii ammo jara hordofan. 11 Ka'imticha biyya Misirii tokko arganii gara Daawitii fidan waan nyaatuu fi bisaanillee hin kennaniif. 12 Daraaraa muka hurbu'uu lama kennaniif; ka'imtichi haga nyaateen maayessa hin jajjabaate; achiin dura guyyaa sadihii fi halkan sadihii midhaanii fi bisaan womaa afaaniin hin qabne. 13 Daawiti ka'imticha saniin, «Ati hojjataa eennuuti? eessaa dhufte?» jedhee gaafate; ka'imtichi, «Ani nama Misiriiti hojjata Amaaleqicha tokkooti; ani dhukkubsannaan guyyaa sadihiin dura gooftaan kiyya na gatee deeme. 14 Uduu kun hin taane biyya Yihuuda'aa ta gara dhiyaa jirtu lafa Keertootaatii fi lafa Kaaleebii Tsiqlaagiin itti duullee ibiddaan gubneerra» jedheen. 15 Daawiti isaan, «Gara hulee saamtonni jiranii na geessuu dandeettaa?» jedhee gaafate; ka'imtichillee, «Akka na hin ajjeefne dabarsitee gooftaa kiyyatti akka na hin kennine naa kakadhu; gara isaanii si geessaa» jedheen. 16 Achiin maayessa Daawiti hennaa hulee jarri jirtu geessu isaan hulee sanitti faca'anii nyaata'aa dhuga'aa boojuu guddaa biyya Filisxeemiitii fi biyya Yihuudotaa ka booji'an maratti gammada'aa turan. 17 Daawiti halkan san irraa jalqabee haga bariisaa san galgalaa isaaniin lola'aa ture; namoota dhibba afurii ka gaala yaabbatanii jalaa baqatan malee dhiirti tokkollee jalaa hin baane. 18 Daawiti waan worri Amaaleqii fudhatan maraa harkaa dachaase haawwota manaa lamaan ufiillee eda'ee deebise. 19 Wonti tokkollee uduu hin dhidhatin Daawiti namoota isa faanaa deemanii waan worri Amaaleqii booji'an maraa deebiseef. 20 Daawiti sa'oolee, hoolotaa fi re'iin maraa hin fudhate; worri Daawitiin woliin deeman «Horiin kun horii Daawiti booji'e!» jedhan. 21 Daawiti deebi'ee gara namoota dhibba lamaa worra guddisanii dadhabanii laga Beesooriititti isa biraa hafaniiranii dhaqe; isaanillee Daawitii fi namoota isa woliin jiran reebbachu'uuf bayan; Daawitii fi namoota isa woliin jiran gara jaraa dhiyaatanii isaan gaafatan. 22 Garuu worra Daawitiin woliin deeman keessaa namoonni hammeeyyiinii fi namoonni amala badaa qaban, «Isaan nu woliin waan hin deemneef isaan maruu dubartoota ufiitii fi ijoollee ufii fudhatanii haa deemanii malee boojuu nu deebifanne keessaa tokkollee hin kenninuu» jedhan. 23 Daawiti garuu, «Obboleewwan tiyya! lakkaa mootee Rabbi nuu kenne kanaan waan akkanaa hin hojjatinaa'a; inni nu eegee saamtota nutti ka'anillee dabarsee harka keenna jala galcheera. 24 Wonti isin jettan hin ta'u! qoonni worra lola dhaqaniitii fi worra mi'a biratti hafanii wol qixxee qoodamtan» jedhe. 25 Daawiti guyyaa sanii jalqabee haga ammaatitti dubbii san worra Israa'eliitii seeraa fi ajaja godhee dhaabe. 26 Daawiti deebi'ee gara Tsiqilaagii hennaa dhufe wonta saaman irraa jaarsota Yihuuda'aa worra fira isaa ta'aniif kennaa ergee «Kunoo kennaan kun wonta diintota Rabbii irraa booji'amee isiniif ergame» jedhe. 27 Achii boojuu san worra Beeteelii fi worra Raamootii, worra gara kibbaa, worra Yaatirii, 28 Worra Aro'eerii, worra Siifmootii, worra Eshtemo'a'aaf, 29 Worra Qarmeloosii worra qachoota Yiraahimi'eliitii fi Qeenaawota keessa jiranii, 30 Worra Heerma'aa, Worra Boorsaanii, worra Ataakii, 31 worra Keebroonii, akkasuma worra hulee inni namoota isaa woliin keessa jiraata'aa ture maraafuu erge. |