Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 2 - Kitaaba Woyyuu


Faatee Haanna'aa

1 Haannaan, «Garaan kiyya Rabbitti gammade, ulfinnaan waan ol na qabeef waan inni na baraareef, ani diintota kiyyatti hin kolfa.

2 «Woyyuun akka Rabbii hin jiru, ka akka Waaqa keennaa qajeelaan hin jiru; si malee Woyyuun hin jiru;

3 Hin booninaa'a; uf jaja'aallee hin qaaqinaa'a; Rabbi waan beekaa ta'eef, Rabbi waan namni hojjatu maraa waan beekuuf madaalee murteessaa; dubbiin uf jaju'uu afaan keessanii hin bayin.

4 Woraana worra jajjaba'aa cabseera, worri dadhaban hunna argatanii jabaataniiran.

5 Worri quufanii turan beelayanii nyaataaf uf gurguran, worri beelayanii turan quufan; dhabduun torba deettee, haati ijoollee baay'ee deette, hojja ufii hafte.

6 Rabbi hin ajjeesa; hin jiraachisalle'e; gara ibidda asaabaa hin buusa hin baasalle'e.

7 Rabbi hin duroomsa; hin hiyyoomsalle'e; nama salphisa, hin kabajjalle'e.

8 Rakkattoota worra jajjabaa woliin teessisu'uuf, hulee salphinnaatii isaan kaasa, teessoo ulfinnaa isaanii kenna, hiyyeeyyii daaraa keessaa kaasa; bu'uurri biyya lafaa ta Rabbii waan taateef, isii irratti adunyaa uume.

9 «Rabbi miila woyyootaa hin eega; cubbamtoonni ammo cadhisanii dukkana keessa jiraatan; namni hunna ufiitiin waan hin jabaanneef.

10 Worri Rabbiin morman hin bututan; samii irraa isaanitti gigissa; adunyaa maraa irratti hin murteessa; mooti'iillee hunna kenna Masihichallee ulfinnaan kabajja» jettee Rabbiin kadhatte.

11 Kanaan maayessa Hilqaanaan gara mana ufii Raama'atti deebi'ee gale; daa'imni isaa Eelii gadicha afo'otti Rabbii hojjata'aa ture.


Hujii Hamaa Ijoolleen Eeli'ii Hojjatan

12 Ijoolleen Eeli'ii waan raankee ta'aniif Rabbiin hin beekan turan;

13 Seerri worra gadoota ta'anii banii biratti akkana ture; hennaa namni maruu ciincaa dhiyeessee foon affeelan, gadicha hojjatu qadhabaa sibiilaa ka fooniin qaban ka quba sadihii qabu qabatee dhufee,

14 qadhabaa san keree sibiilaa, xuwwe'ee fi keree keessa kaaya; yookaan waan qadhabaan sun qabee baase maraa gadichatu fudhata; hennaa worri Israa'elii ciincaa ufii qabatanii dhufanillee isaan maraa irrattuu akkasuma godhan.

15 Hennaa ciincaa dhiyeessan cooma ciincawu, ka gadichaa hojjatu dhaqee nama ciincaa dhiyeessuun «Foon dheedhii malee ka affeelame waan gadichi hin jaalanneef foon wodduuf natti kenni» jedhaan.

16 Namichi ammo «Cooma haa ciinceessanii achiin maayessa waan barbaadde fudhatta» yoo jedhuun, ka gadichaa hojjatu sun ammo hin ta'uu ammuma natti kenni; yoo didde hunnaan fudha!» jedhaan.

17 Namoonni waan kennaa Rabbii tuffataniif cubbuun ka'imman sanniinii Rabbiin afo'otti guddisee guddaa ture.


Saamu'eel Seeloo Keessatti

18 Saamu'eel daa'imumma'atti Efuudii uffatee Rabbii hojjata'aa ture.

19 Haati isaa hennaa ciincaa Rabbii ciinceessu'uuf wogga wogga'aan abbaa worraa ufii woliin baatu, uffata laafaa mishaa talbaa irraa hojjatame isaa fiddi turte.

20 Eeliin Hilqaana'aa fi haadha manaa isaatiin, «Bikka isiin kennaa addaa kana Rabbii kennite dubartii tana irraa Rabbi fiixaa sii haa kennu!» jedhee isaan eebbise; Achiin maayessa isaanillee gara mana ufii deebi'an.

21 Rabbi Haannaa yaadannaan ulfooftee ijoollee dhiiraa sadihii fi durba lama deette; daa'imni Saamu'eelillee Rabbii hojjata'aa guddate.


Eeli'ii fi Ilmaan Isaa lamaan

22 Eeliin haga jaare, waan hamaa ilmaan isaa Israa'eliin irratti gootuu fi dubartoota daasee wol gayi'ii keessatti tajaajilan woliin akka seebaran dhagaye.

23 Innillee «Waan hamaa isin hojjattan kana banii kana maraa irraa waan dhagayeeruuf maaf waan akkanaa kana hojjattan?

24 Ijoollee tiyya! banii Rabbii keessatti waan cubbuu hojjattaniif, oduun waan keessaniif na bira gaye misha'aa miti deebitanii waan kana hin hojjatinaa'a!» isaaniin jedhe.

25 Namni yoo nama yakke, murtee Rabbitu kenna; namni yoo Rabbiin yakke garuu eentu jidduu seenee araarsa? isaan garuu waan gorsa abbaa ufii hin dhageenneef Rabbi isaan ajjeessuu fedhe.

26 Daa'imni Saamu'eel Rabbii fi nama afo'ottillee guddata'aa gaachenallee argata'aa deeme.


Raaga Waan Maatii Eeli'iitiif Dubbatame

27 Namni Rabbii gara Eeli'ii dhufee «Rabbi akkana siin jedha ‹Hennaa ati biyya Misirii mana Fari'ooniititti garbicha taatee jirtu ani mana abbeetiititti mudhadhe.

28 Gosa Israa'elii maraa keessaa akka gadicha naa ta'uuf, hulee ciinca'aa kiyyatti akka ciinceessuuf, akka hixaana naa aarsuu fi uffata ulfinnaa na afo'otti akka uffatu ufiif isa filadhe kennaa ciinca'aa ka ijoolleen Israa'elii ijoollee abboota tee ta duraatiif dhiyeessitu sii kenne.

29 Kenna'aa fi ciincaa kiyya ka ani akka naa dhiyeessaniif ajaje isin maaf salphiftan? Ijoolleen tee waan ciinca'aaf dhiyaatu mishaa irraa fudhatanii furdatu'uuf nyaatan ati na caalaa maaf isaan kabajjite?›

30 Kanaafuu Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha ‹Maatiin keetii fi maatiin abbeetii ka duraa bara baraan akka naa hojjataniif waadaa galee ture, amma garuu akkas hin ta'u; worra na kabajje ani hin kabajja; worri na tuffate hin tuffataman wonti akkanaa kun na biratti hin ta'u.

31 Ani maatii kee keessaa namni tokkollee gara umurii jaarrumaa akka hin geenne si'ii fi maatii mana abbeetii hennaan balleessu gayeera.

32 Hulee ani itti Waaqeffamutti rakkoo guddaa argita; gosa Israa'elii biratti yoo ka wonti mishaan hojjatamu ta'ellee maatii kee keessaa namni umurii dheeraa jiraatu hin argamu.

33 Isinii worra hulee ciinca'aa kiyyatti hojjattan keessaa namni ani uduu isa hin balleessine dhiisu, ka si boochisuu fi ka si gaddisiisu ta'a; maatiin mana keetii maruu umurii dargaggumma'aatitti lolaan dhuman;

34 Wonti kun akka malkata sii ta'u ijoolleen tee lamaan Afiniinii fi Finihaas guyyama tokko du'an.

35 Ani gadicha amanamaa akka yaada kiyyaa naa hojjatu fooyadha; ani fiixaa jabaatee dhaabatu kennaaf; inni mootii ani muude afo'otti hojjata.

36 Namni fiixaa kee keessaa lubbu'uun jiraatu maruu gara gadicha sanii dhaqa'aa isaa sagada'aa isa irraa yabo'oo birri'ii fi nyaata naa kenni»› jedha'aa kadhata.

Lean sinn:



Sanasan