Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Zekaria 7 - KITAABA WAAQA

1 Ganna afreeso ka haga hayyu Darioni lafa fide, guyya afreeso, ka jia sagaleeso, ka Kisleu jed'ani, AABBO Waaqi qonqo nati erge.

2 Worri Betheli qara Sharezafi Regemmelekifi jara isaanile ya Mana AABBO Waaqa Guddati erge, aka eeba AABBO Waaqa kad'atani

3 gaafi tanale qaalolefi raagoota gaafatani: Nu waan Mana Waaqaa balleesanifi, aka nu ganna heddu jia shaneeso keesa taane, ufi agabsine bohu ya malle?

4 Duuba AABBO Waaqi na yaame waan naani jed'e,

5 Waan atini nama lafatifi qaaloleeni jettu, Gaafa isani jia shaneesotiifi ka torbeeso ufi agabsitani ganna torbatama bootani, isani d'uguma naa jettani akasi taatani?

6 Ammalle gaafa isani nyaattani d'uddani, ufumaafi nyaattani d'uddaniniti?

7 Gaafa diri Yerusalemu waan ch'ufa qabu, ka nami keesa guute, ammalle ka nami hedduuni dira d'aatutiifi arda bitatiifi lafa gamooji ta ila galchu keesa jiru, dubbini tunini dubbi AABBO Waaqi afaani raagoota duritiini jed'eeniti?


Waan worra boojianifi

8 AABBO Waaqi Zekaria yaame waan jed'eeni,

9 Anini duri waan gumi tiyyaani jed'e, D'uga jabeesa, wolqarqaara, wolinaha,

10 haad'a hiyyeesatiifi hiyyeeyifi keessumafi yokhaani nama wo inqamne tokole indabsina. Aka woliyakitani wolballeesitani immalatiina.

11 Ammo gumiini tiyya mataa jabaatte na ch'aqasu didde gurra duufatte

12 garaa ufii aka d'akha jabeesite. Waan worri barsiisa anini duri raagootaani erge ch'aqasu dideefi, anini guddo worrati dallane.

13 Waan worri jecha kiyya ind'agayinifi, anileeni kad'acha worraa d'agayu dide.

14 Aka bubbe anini worra fuud'e lafa nyaapati firfirse. Akanaani lafti worraa dansaani tunini onte badde nama d'abde.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan