Zekaria 6 - KITAABA WAAQA1 Anini ammalle olmillad'e, maro tana gaari afuri, ka jiddu gaara sibiila daalacha lama gabahu, arge. 2 Gaari qara fardoole dadaamati hirkisa, ka lameeso guguraatiti hirkisa, 3 ka sadeeso bororati hirkisa, ka afreeso dadaamititi hirkisa. 4 Jennaani anini malaikaani, Aabbo, wonti kunini maani? jed'e gaafad'e. 5 Isiini waan naani jette, Kunini qilleensa afuri, ka ammumatana abba lafa ch'ufa iraa d'ufe. 6 Gaariini fardooleeni guguraatiini hirkiftu mirga qajeele, ka fardo borora ila galchu qajeele, ka fardo daamicha bita qajeele. 7 Fardooleeni daamooti akuma gabaateeni, hurifte lafa keesa yaate sot'e. Malaikaani waan jetteeni, Beena, lafa keesa yaa, soqa, wo barbaada. Duuba worri iti d'aabate. 8 Jennaani malaikaani iyyite waan naani jette, Fardi mirga qajeele yayu dallansu AABBO Waaqaa qabaneese. Aka ruufa hayyumaa Yoshua ira kayani 9 AABBO Waaqi na yaame waan naani jed'e, 10 Waan Heldaifi Tobiafi Yedayaani worri boojiani baasu fud'ad'u, kai, hojuma suni deemi, mana Yosia, ka ilma Sefania, d'aqi. Worri kuni ch'ufti lafa boojiani iti geesani ta Babiloniti dachae. 11 Qarsifi worqi worri d'ufeeni sunini ruufa mid'aasi, mata qaallicha gudda Yoshua, ilma Yehosadaki jed'ani ira kayi. 12 Duuba waan jettuuni, AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Namichi Dame jed'ani sunini aka dansaa fulla jiru suniiti late bahe Mana AABBO Waaqaa jaara. 13 Nami Mana Waaqaa jaare guddinna hayyu argate gosa ufii fidu isuma. Qaallichi toko barch'uma isaa ka hayyu d'aatu eje, wold'agayani woliini taani. 14 Duuba ruufti suni Heldaifi Tobiafi Yedayafi Yosiaa qaabacha taati, Mana AABBO Waaqaa keesa. 15 Nami lafa fagooti d'ufe ijaarsa Mana Waaqaa qarqaara. Eegi jaarani, aka AABBO Waaqi Guddaani na erge beetani. Yo isani seera AABBO Waaqa keesani aka dansaa guuttani, wonti kuni ch'ufti intaati. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya