Zekaria 2 - KITAABA WAAQA1 Daayya d'ibi keesa anini nama haada woini biimani harkaa qabu arge. 2 Duuba anini, Eesaa deemta? jed'e gaafad'e. Inni, Yerusalemu d'eerinnafi ballinna isii biimu deema naani jed'e. 3 Jennaani anini malaika qara naani dubbate, ta durati hiit'e malaika d'ibiini dubbattu arge. 4 Ta qara taani waan ta lameesotiini jette, Utaali, namicha kaima ka haada woini biimani harkaa qabuuni waan jettu, Taka tana diri Yerusalemu kunini guddate, namafi saileeni guute, naabole iti jaaru dad'abani. 5 Ammalle AABBO Waaqi waan jed'e, Anini naabo ibida tahe dira kana marse guddinna kiyya ch'ufaani keesa qubad'a. Aka worra boojiani ch'ufaani, worrati gala jed'ani 6-7 AABBO Waaqi waan gumi isaatiini jed'e, Anini qara lafa ch'ufati isani bitineese, ammo ammatana, isani worri boojiani, kakaa, lafa Babiloni keesaa baqad'a, Yerusalemuti gala. 8 Nami isani tuqe ya guma ilaa naa tuqe. Jennaani AABBO Waaqi Guddaani d'aamsa kanaani gara gosa gumi isaa saamte na erge waan jed'e. 9 AABBO Waaqati isani had'e, nami duri isanii hojate garagale isani saama. Hojja woni kunini taate, nami ch'ufti aka AABBO Waaqi Guddaani na erge beekha. 10 AABBO Waaqi waan jed'e, Gammada, sirba, worra Yerusalemu! Anini d'ufe isani keesa qubad'a! 11 Gaafasi gochiti hedduuni AABBO Waaqati d'ufte gumi isaa taati. Inni isani keesa tae, duuba isanileeni aka inni isaniti na erge beetani. 12 Ammalle AABBO Waaqi lafa isaa qulqullo keesa Yuda d'aale Yerusalemu fohata. 13 Nami ch'ufti AABBO Waaqa durati ch'allisa, wonti akanatiifi inni Mana ufii qulqullo keesaa kae d'ufuu jira. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya