Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Yoshua 1 - KITAABA WAAQA


Aka Waaqi lafa Kanaani seena jed'e

1 Hojattuuni AABBO Waaqa Musani donaani, AABBO Waaqi waan Yoshua, ilma Nuni, ka qara Musa jala hojatuni jed'e,

2 Hojattuuni tiyya Musani ya due: Waan taatu, kai, amma kurfefad'i, siifi gumiini Israeli ch'ufti galaana Yordani taakaa, lafa anini isanii kennuti dabra.

3 Akuma anini Musani jed'e, fulla miili keesani bahu ch'ufa anini ya isanii kenna.

4 Seeri lafa teesani haga lafa aloo gara bitaati eje, lafa gareeni ta Lebanoni mirgati eja; haga galaana Frati, gara ila boru, lafa gosa Hiti, haga Baariini Gudda gara ilaaduti eja.

5 Haga atini jirtu nami tokoleeni dandae si dura ineju. Akuma Musa wahelche sillee wahelcha; anini waan sii tolcha jed'e inuma tolcha, ammalle si illakisu.

6 Ilaafini garaa jabaad'i wonti akanatiifi siti worra kana dura deeme, lafa duri anini ababoota isaani inkennaafi jed'e kennaafi.

7 Amma ilaafini, aka dansa garaa jabaad'i, Seera hojattuuni tiyya Musani sii kenne ch'ufa guuti. Seera suni diqole iraa ingorini, aka wonti atini tolchu feetu ch'ufti sii guutamtu.

8 Dubbini kitaaba Seera tunini afaani si imbuini. Halkani guyya soomi, qalbi keesa keeyad'i, waan keesati t'aafani ch'ufa guuti, jabeesi, akanaani karaani kanke qajeele, wonti atini tolchitu ch'uftu sii guutamti.

9 Anini qara ilaafini, garaa jabaad'i siini injenne? Sodaate garaa ilaafini, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi kanke, fulla atini deemtu ch'ufa sii wahelcha.


Aka Yoshuani waan biyyiti tahu malte iti hime

10 Jennaani Yoshuani jaarole mataa wolti yaame waan jed'eeni,

11 Olla keesa yaa, biyyaani, woreega tolfad'a jed'aani; wonti akanatiifi eegi guyya sadi galaana Yordani taakitani lafa AABBO Waaqi isanii kennu fud'attani.

12 Yoshuani waan gosa Reubenitifi ta Gaditifi ta Manase ta haga garitini jed'e,

13 Dubbi hojattuuni AABBO Waaqa Musani isaniini jed'e qaabad'a: woni inni jed'e, AABBO Waaqi keesani teeso isanii tolche, lafa tana isanii kenna.

14 Nad'eeni teesanifi ijoolle teesanifi horiini keesani ch'ufti ha lafa Musani galaana Yordani gama kanati isanii kenneti hafaniti. Ammo d'iirti lolaa ch'ufti kurfefate woraana guurate, ha gosa isanii dura galaana Yordani taakite qarqaartuti,

15 haga worri lafa AABBO Waaqi gama suniti keenneefi fud'atuti. Eegi Waaqi gosa Israeli ch'ufa teeso kenneefi, duuba dandeetani lafa teesani tana, ta hojattuuni AABBO Waaqa Musani gama kanati isanii kenne keesa qubatani.

16 Worri waan Yoshuani jed'e, Waan atini taha jette ch'ufa intaana, fulla atini d'aqa jette ch'ufa ind'anna.

17 Akuma Musa ch'aqamne sille ch'aqamna: AABBO Waaqi, akuma Musa wahelche sillee wahelchina!

18 Nama dubbi tante dide, waan atini tolchi jette tokole tolchu dide inijeesani. Ilaafini garaa jabaad'i.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan