Yona 2 - KITAABA WAAQA1 Duuba Yonaani, ka garaa qurt'umi taani keesa jiru, AABBO Waaqa ufii kad'ate waan jed'e: 2 Ee AABBO Waaqa, anini garaa qurt'umi keesa si yaamannaani atini na jalaa owaatte; anini ka boola Ekhera keesa jiru, siti bohe jennaani atini na d'ageete. 3 Atini d'immu baariini qile keesa na buufte, ka bisaani gama ch'ufa na marsani, fach'aafi d'aawaani bisaani na gubbaa baate. 4 Jennaani anini waan jed'e, Yayu fuula kanke duraa na balleesani, anini amma akami dandae deebie mana kanke qulqullo ilaani arga? 5 Bisaani nati baafatani, diquma na illiqimsiini; buuyooni bisaani keesati baatuleeni matati na mamarati. 6 Anini hidda gaareeni, fulla lafa balbalti isii haga jiru jireenna imbanamneeni bahe. Ammo, ee AABBO Waaqa kiyya, atini d'immu suni keesaa na fuute, lubbu na baafte. 7 Anini ufi jibbaad'e aka duu ufi arginaani, ee AABBO Waaqa, si qaabad'e, si yaamad'e; jennaani atinileeni mana kanke qulqullo keesaa na d'ageete. 8 Worri waan harkaani boch'ani, ka woma keesa injirre, kad'atuleeni, yayu si lakise si gula deemu dide. 9 Ammo anini si faarse, sorio sii baase, waan siti kakhad'e ch'ufa guuta. Ka nama baasu AABBO Waaqa ch'alla! 10 Jennaani AABBO Waaqi qurt'umi taanini, Yona ufi keesaa diddisi jed'e, duuba isiini lafa goddu irati isa ufi keesaa diddisite. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya