Yohana 7 - KITAABA WAAQA1 Eegi suni, Yesoni Galilaya keesa dedeeme; inni Yudea keesa dedeemu imfed'u, maro Yahudiini isa ijeesu feetuufi 2 jilti Yahudi ta Hoosa jed'ani d'iaatte. 3 Duuba oboleyaani isaa waan isaani jette, Armaa kai, Yudea d'aqi, aka jari kankeleeni huji atini tolchitu argu. 4 Nami tokoleeni ka wo d'ossaani tolchu injiru, yo aka nami beekhu fed'e. Yo atini waan kana tolchitu, biyya ufi garsiisi! 5 (Wonti akanatiifi oboleyaani isaleeni isa ind'ugefanne.) 6 Yesoni waan worraani jed'e, Hojjaani tiyya qara ingeenne, ammo hojjaani teesani guyya ch'ufa kurfo jirti. 7 Biyyiti dandeete isani injibitu, ammo na jibbiti, waan anini hameenna worraa himuufi. 8 Isani jila d'aqa, anini jila tana d'aqu ingeenne. 9 Waan kana worrati himnaani, Galilaya keesati hafe. Yesoni jila Hoosa d'aqa 10 Ammo oboleyaani isaa jila d'annaani, innileeni deeme, diidati bahe indeemne ammo d'ossaani deeme 11 Yahudiini jila keesa isa barbaadde waan jette, Inni me? 12 Guddo biyya keesati gungumani maro isatiifi, Nami gari waan jed'e, Inni nama dansa, hagi toko, Akasiiniti, ufuma nama soba jed'e. 13 Ammo nami diideese waan isaa dubbatu injiru, waan Yahudi sodaataniifi. 14 Jilti wod'akoomnaani Yesoni Mana Waaqa d'aqe nama barsiise. 15 Yahudiini mamte waan jette, Kunini qarooma kana eesaa argate, ka nami imbarsiisiini? 16 Yesoni waan jed'eeni, Wonti anini barsiisu tiyyaaniti, ammo ta Waaqa na ergeti. 17 Yo nami fed'i Waaqa tolchu fed'e, aka wonti ani barsiisu gara Waaqati baate yokhaani anumaani dubbad'u gargari imbeekha. 18 Nami qalbi ufiitini dubbatu guddinna barbaada. Ammo anini ka guddinna Waaqa na erge barbaadu ka d'ugaati; ammalle na keesa d'arti injirtu. 19 Musani Seera isanii inkennine? Ammo isani tokoleeni Seera inguuttani. Maafi na ijeesu feetani? 20 Biyyiti waan jetteeni, Atini jinni qabda! Eentu si ijeesu fed'a? 21 Yesoni waan jed'eeni, Anini huji toko tolche ta isani ch'ufa mamsiifte. 22 Musani ya isanii qabanqaba kenne (waan gara Musati baheniti ammo waan gara ababoota teesaniti bahe), duuba isani guyya Sabato qabanqaba namaa qabdani. 23 Yo nami guyya Sabato qabanqaba qabate, aka aada Musa inch'absine, isani maafi nati dalantani, waan anini nama toko guyya Sabato aka dansa fayyiseefi? 24 Nama nafa laaltani inqorina, ammo d'uga gula qora. Yesoni Kristo mo? 25 Worri Yerusalemu ka gari waan jed'eeni, Namichi worri ijeesu fed'u kanayu? 26 Ammo, me ilaala, inni diideese hima, worri woma isaani injed'u. Jari gugurdaani dandae aka inni Kristo imbeekha? 27 Ammo nu nama kana fulla inni bahefi imbeenna; ammo yo Kristoni d'ufu nami tokoleeni ka gara inni bahefi beekhu injiru jed'ani. 28 Ato Yesoni Mana Waaqa keesati nama barsiisuu jiru, inni qonqo olfud'ate waan jed'e, Isani d'uguma na beetani? Ammalle fulla anini bahefile imbeetani? Anini ufiini ind'umne, taatule Waaqi na erge ka d'ugaati, isani isale imbeetani. 29 Anini isa imbeekha, waan ani fulla isaati d'ufe, inni na ergeefi. 30 Jennaani worri waan isaani qabani barbaade, ammo nami tokoleeni harkaani isa intunne waan guyyaani isaa ingayiniifi. 31 Ammo gumi keesa nami hedduuni d'ugefate waan jed'e, Yo Kristoni d'ufe, akheekha d'ibi ka nami kuni tolche ira tolcha? Askartiini Yeso qabu d'ufti 32 Farisayooni gumi waan kana gungumtu d'ageete jennaani qaalole gugurdo woliini askarti isa qabdu ergite. 33 Yesoni waan jed'e, Bulti diqo toko ch'alla isani woliini jira, eegi suni gara nama na erge gala. 34 Isani na barbaaddani, ammo na inargitani, fulla ani jiru dandeetani ind'uftani. 35 Jennaani Yahudiini waan woliini jette, Inni eesa d'aqu fed'a, aka nu ingarre? Inni dira Yuna ka Yahudiini iti godaante d'aqe gosa Griki barsiisu fed'a? jed'ani wolgaafatani. 36 Dubbini inni, Na barbaaddani ammo na inargitani, ammalle fulla ani jiru isani dandeetani ind'uftani jed'e tuni maani? Yaasuma bisaani jireenna 37 Guyya eege, ka jila suni jaba, Yesoni olejate lalabe waan jed'e, Nami yo d'eebote, gara kiyya d'ufe bisaani ha d'ugu. 38 Nami na d'ugefatu, aka t'aafiini jettu, garaa isaa keesaa bisaani jireennati yaa. 39 Dubbi tana Yesoni waan Lubbu jed'e, ta worri isa d'ugefatu argatu. Gaafasi Waaqi Lubbu ufi nama inkennine, wonti akanatiifi Yesoni qara guddinna ufi inarganne. Biyyiti gargari qoodamti 40 Jari gari gumi keesa dubbi tana d'ageennaani waan jed'e, Kunini d'uguma raaga baanani suni! 41 Ka gari waan jed'e, Kunini Kristo! Ammo kad'ibiini waan jed'e, Kristoni Galilaya keesati ind'alatu. 42 T'aafiini, Kristoni d'aloota Daudi keesaa baha, ammalle Bethlehemu, dira Daudi keesati d'alata jettiyu? 43 Tanaafi gumiini maro isatiifi gargari qoodamte. 44 Ka gari sila isa qabu fed'a, ammo nami tokoleeni harkaani isa intunne. Gugurda Yahudi ka ind'ugefanne 45 Duuba askartiini qaalole gugurdofi Farisayooti d'ufte. Worri waan askartiini jed'e, Maafi ind'ufiinaani? 46 Askartiini taani waan jetteeni, Nami tokoleeni ka aka isaa dubbatu injiru. Farisayooni waan jetteeni, 47 Isanileeni ya sobamtani? 48 Nama gudda tokole yokhaani nama Farisayo ka isa d'ugefatu taka agartani? 49 Ammo gumiini daalleeni tuni ta Seera Musa imbeenne ya abaaramte. 50 Nikodemoni ka qara gara isaa d'aqe, ka ammalle worra suni keesa jiru, waan worraani jed'e, 51 Isii aada teenna, ato qara nama dubbi isa d'ageete waan inni tolche inhubatiini wollaala iti imurani? 52 Worri waan jed'eeni, Atileeni nama Galilayati? T'aafi keesa barbaadi, ilaali, Galilaya keesa raagi imbahu. [ Niiti algalooma keesati qabani 53 Jennaani nami ch'ufti worra ufiti gale. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya