Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Yohana 5 - KITAABA WAAQA

1 Eegi waan kana jila Yahuditi jira, duuba Yesoni Yerusalemu d'aqe.

2 Yerusalemu keesa, d'aatu Fullo Ree jed'ani, haro tokoti jira, ta daargula shani qabdu, ta afaani Ebraniatiini Bethzatha jed'ani.

3 Achi keesa gumi nama fayya d'abeefi ballafi naafafi ka kokotaeti ch'iisa. [Aka bisaani woch'ani eegani,

4 waan maro gari malaikaani Aabbo haro suni keesa seente bisaani woch'isifitufi, nami fayya inqamne ka eegi bisaani woch'ani qara haro suni seene d'ukuba taatefu infaya.]

5 Nama tokoti jira ka ganna sodomi saddeeti fayyad'abaani ch'iise.

6 Yesoni isa arge, aka inni guyya heddu achi ch'iise beennaani, Fayyu feeta? jed'e gaafate.

7 Namichi fayya inqamne kaani waan jed'eeni, Aabbo, anini nama yo bisaani woch'ani keesa na buusu inqabu; ato anini iti hirkifad'u, nami d'ibiini na durati seena.

8 Yesoni waan jed'eeni, Kai, itille tante fud'ad'u, deemi.

9 Namichi kaani hojuma suni fayye, itille ufi fud'ate iti d'aabate. Guyyaani suni guyya Sabatooti.

10 Duuba Yahudiini waan namicha kaaniini jette, Guyyaani kuni guyya Sabatooti, aki atini itille tante baate deemtu fullaaniti jette.

11 Ammo inni waan jed'eeni, Namichi na fayyise waan naani jed'e, Itille tante fud'ad'u, deemi, naani jed'e.

12 Worri waan jed'eeni, Nami, Itille tante fud'ad'u deemi siini jed'e suni eennu?

13 Namichi fayyisani kaani nama isa fayyise imbeekhu, wonti akanatiifi maro gumiini achiti baateefi Yesoni yayu deeme.

14 Eegi suni Yesoni namicha kaani Mana Waaqa keesati arge waan jed'eeni, Me ilaali, la fayyite. Iti deebite daba intolchiini, aka waan hagana ira hamtu inarganne.

15 Namichi kaani deeme Yahuditi hime, aka nami isa fayyise Yeso.

16 Waan kanaafi Yahudiini Yeso gaargalchite, maro inni waan kana guyya Sabato tolcheefi.

17 Ammo Yesoni waan worraani jed'e, Abbaani kiyya hojja ch'ufa hojata, anileeni hojja ch'ufa hojachu male.

18 Waan kanaafi Yahudiini haga qarale ira isa ijeesu feete, waan inni seera Sabato ch'alla ch'abseniti ammo Waaqi Abba kiyya jed'eefi, akanaani qit'e Waaqa ufi tolcheefi.


Jabeenna Ilma Waaqa

19 Duuba Yesoni waan worraani jed'e, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Ilmi dandae ufiini woma intolchu, yo waan Abbaani tolchu argu male. Ilmi waan Abbaani tolchu ch'alla tolcha.

20 Wonti akanatiifi Abbaani ilma jaalata, waan ufi tolchu ch'ufa isa agarsiisa, ammalle huji guddo ta tana ira garsiisa, aka isani mamtani.

21 Akuma Abbaani nama due kaase jiraachisu, Ilmileeni akasuma nama fed'u jiraachisa.

22 Abbaaleeni nama tokole inqoru, ammo waan qorsuma ch'ufa yayu Ilmati kenne,

23 aka nami ch'ufti Ilma guddisu akuma Abba guddisani. Nami Ilma inguddimne Abba isa erge eesaa fuud'e guddisa?

24 D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.

25 D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Hojjaani ind'ufti, amma ya d'ufte, ta worri due qonqo Ilma Waaqa d'agayu, duuba ka d'agayu injiraata.

26 Akuma Abbaani jireenna ufi keesaa qabu, akasuma inni Ilmale tolche aka jireenna ufi keesaa qabaatu.

27 Inni yayu jabeenna qorsuma kenneefi, waan inni Ilma Nama taheefi.

28 Waan kana himmamiina; guyyaani ind'ufa ka nami awaala keesa jiru ch'ufti qonqo isaa d'agaye

29 awaala keesaa yau, nama waan dansa tolche kaasani jireenna kennaniifi, ka waan hamtu tolche kaasaniti wollaala iti murani.


Waan Yeso d'ugeesani

30 Anini dandae ufiti woma intolchu: aka Waaqi nati himu gula qora; qorsumaani tiyya ta d'ugaati; wonti akanatiifi anini fed'i tiyya inbarbaadu ammo fed'i abba na erge barbaada.

31 Yo anini ufi d'ugeese, dubbini tiyya d'ugaaniti.

32 Ammo nama na d'ugeesu toko jira, d'ugeesani inni na d'ugeesu tama d'ugaati, anini imbeekha.

33 Nami isani nama iti ergitani Yohana; innileeni d'uga suni la d'ugeese.

34 D'ugeesani nami na d'ugeesu woma keesa injirtu, ammo aka isani baafamtaniifi, anini waan kana dubbad'a.

35 Yohanani ifse bobeete ifsitu, isani haga bulti diqo ifsa isatiini gammadu feetani.

36 Anini d'uga ta haga Yohana ira jirtu qaba: hujiini anini tolchu ta Abbaani Tolchi naani jed'e, isiini naa dubbatte, aka Abbaani na erge agarsiifti.

37 Abbaani na erge naa d'ugeesa. Isani qonqo isaa taka ind'ageenne yokhaani bifa isaa taka inagarre;

38 ammalle waan nama inni erge d'ugefachu diddaniifi, dubbi isaa ta garaa keesani keesa teetu inqabdani.

39 Isani T'aafi keesa barbaaddani waan isi keesa jireenna hegeri argattani ufi seetani. Ammo T'aafinu naa d'ugeesiti!

40 Taatule isani, aka jireenna argattani, nati d'ufu diddani.

41 Anini guddinna nama iraa imbarbaadu.

42 Ammo anini isani beekha, aka isani jaalala Waaqa garaa keesani keesa inqamne.

43 Anini maqa Abba kiyyatiini d'ufe, ammo isani na fud'achu diddani; hojja nami d'ibiini maqa ufiitini d'ufu inuma fud'attani.

44 Isani akami dandeetani d'ugefattani, ka guddinna wolira argattani, ammalle guddinna Waaqa tokocha iraa d'ufu barbaadu diddani?

45 Waan anini Aabbooti isani himad'u insehiina; nami isani himatu toko jira, Musa, ka isani abdattani.

46 Yo Musa d'ugefattani, sila dubbi tiyyale d'ugefattani, waan inni odu tiyya t'aafeefi.

47 Ammo yo isani waan inni t'aafe d'ugefachu baatani, akami dubbi tiyya d'ugefattani re?

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan