Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Yohana 12 - KITAABA WAAQA

1 Guyya jaa jila Pasaka durati, Yesoni Bethania d'ufe, fulla Lazaroni ka inni duisa keesaa kaase jiru.

2 Achiti sagale d'aabaniifi, Marthani isa gololchite; Lazaroni Yeso woliini tae sagale nyaate.

3 Jennaani Mariamuni kiila toko ka d'ad'a qayya dansa qabu, ka gati guddo, fuute miila Yeso dibde, rifeensa mata ufiitini iraa haat'e. Urgaani d'ad'a suni mana suni ch'ufa qabatte.

4 Duuba jara Yeso keesa, nami toko ka Yuda Iskariote jed'ani, ka isa gurguru fed'u, waan jed'eeni,

5 D'ad'a qayya kana maafi shilingi kunki sadi gurgurani hiyyeeyii inqoonne?

6 Inni dubbi tana naasu hiyyeeyitiifi injenne, ammo waan inni hattu tahe, hori subbati naqani guuratuufi jed'e.

7 Yeso waan jed'e, Isi lakisi, isiini waan kana ha haga na awaalaniti olkeetuuti.

8 Hiyyeeyi guyya ch'ufa wolumaani jirtani, ammo anini guyya ch'ufa isani woliini injiru.


Mariacha ijeecha Lazaro

9 Yahudiini hedduuni aka inni achi jiru d'ageennaani, Yeso ch'alla ilaalu ind'umne, ammo aka Lazaro, ka inni duisa keesaa kaase, argitu d'ufte.

10 Tanaafi qaaloleeni gugurdooni aka Lazarole ijeeftu mariatte.

11 Maro isatiifi Yahudiini hedduuni d'ufte Yeso d'ugefatte.


Yesoni Yerusalemu seena
( Matayo 21.1-11 ; Mariko 11.1-11 ; Luka 19.28-40 )

12 Boriyya, gumiini guddooni ta jila d'ufte, aka Yesoni Yerusalemu d'ufu d'ageennaani,

13 damele meet'i guuratte, fuula keesa isa d'ufte, ch'aarte, waan jette Waaqa faarsa, nama maqa abbootiini d'ufu Waaqi ha eebisu! Hayyu Israeli Waaqi ha eebisu.

14 Yesoni bukhura harre arginaani yaabate, akuma t'aafiini jettu,

15 Insodaatini, dira Sioni! Ilaali, hayyuuni kanke bukhura harre yaabate gara kanke d'ufu jira.

16 Waan kana jari isaa gaafasi inhubanne; ammo eegi Yesoni guddinna ufiitini gubbaati gale, aka t'aafiini tuni waan isaa dubbate, ammalle aka waan kana isaa tolchani qaabatani.

17 Gumiini ta gaafa inni Lazaro awaala keesaa yaame duisa keesaa kaase isa woliini jirtu taani waan gaafasi agarte ch'ufa odeesite.

18 Wonti biyyiti fuula keesa isa yaateefi waan akheekha inni tolche d'ageeteefi.

19 Duuba Farisayooni waan woliini jette, Ilaala, aka isani woma indandeenne, biyyiti ch'ufti la isa gula yaate.


Grikiini Yeso barbaaddi

20 Nami gari ka aka Waaqa kad'atu jila d'aqe gosa Grikiiti.

21 Jari kunini gara Filipo d'ufe (inni nama Bethsaida ka Galilaya) isa kad'ate waan jed'eeni, Aabbo, sila Yeso argu feena.

22 Filiponi gara Andarea d'aqe isati hime, Andareafi Filiponi Yesoti himu d'aqani.

23 Yesoni waan jed'eeni, Guyyaani Ilmi Nama guddinna argatu ya d'ufe.

24 D'uguma waan anini isaniini jed'u, yo gumani dargaye toko lafa bue shame male, kobuma ufi taa, ammo yo shame biqile mid'aani heddu baasa.

25 Nami lubbu ufi jaalatu ind'aba; nami lubbu ufi jibbu, lafa tana keesati, jireenna hegeritiifi lubbu ufi olkeyata.

26 Nami sila na hojatu ha na gula d'ufu; fulla anini jiru hojattuuni tiyyaleeni jirti jira. Nama na hojatule Abbaani kiyya inguddisa.


Yesoni waan duisa ufi dubbata

27 Garaani kiyya ammatana herega gaargala qaba anini maani jed'a? Aabbo, gaargala kana keesaa na baasi jed'a? Hiyyo. Ammo maro gaargala kanatifi anini guyya kana gahe.

28 Aabbo, maqa kanke guddisi! jed'a. Jennaani qonqooni toko gubbaa d'ufte waan jette, Anini yayu guddise, ammalle iti deebie guddisa jette.

29 Gumiini ta achi ejaanjitu waan jette, Waaqi ya mandie. Ta gari, Malaikati isaani dubbate jette.

30 Ammo Yesoni waan jed'e, Qonqooni tuni maro tiyyaafi ind'umne, ammo maro teesaniifi d'ufte.

31 Ammatana qorsumaati lafa tana jira; ammatana gudda lafa tana balleesani.

32 Anileeni, yo lafa tana oli na fuud'ani, nama ch'ufa ufiti hirkisa.

33 Wonti inni waan kana jed'eefi aka duisa inni duu garsiisu.

34 Gumiini waan jetteeni, Nu yayu Seera keesati soomne aka Kristoni haga hegeri tau. Atini akami Ilma Nama lafa tana olfuud'u malani jette re? Ilmi Nama kunini eennu kana?

35 Yesoni waan jed'eeni, Ifsaani haga diqa toko ch'alla isani woliini jira; ato ifsa qabdanu yaa, aka dukanti isani ind'aqamne. Nami dukana keesa deemu gara deemu imbeekhu.

36 Ato ifsa qabdanu, ifsa suni d'ugefad'a, aka ilmaani ifsaa taatani. Yesoni waan kana dubbannaani kae worra duraa d'okhate.


Yahudi ta ind'ugefanne

37 Ammo ato inni akheekha heddu worra durati tolchele, worri isa ind'ugefanne,

38 aka dubbini raagi Isayani dubbate guutamtu ta, Aabbo, eennuti d'aamsa keennaa d'ugefate? Jabeenni Aabbo eennuti mullate? jette.

39 Maro waan kanatifi d'ugefachu dad'abani, waan Isayani ammalle dubbate waan jed'e,

40 Inni la ila worraa duuche, qalbi worra d'owe, aka worri ila ufiitini arge, qalbi ufitiini barate, gara ingalle, aka anini worra fayyisu.

41 Wonti Isayani dubbi tana jed'eefi, waan inni guddinna isaa arge waan isaa dubbateefi.

42 Taatule nami gugurdaani hedduuni Yeso d'ugefate; ammo maro Farisayo sodaataniifi inhimanne aka mana Waaqa iti kad'atani seenu worra ind'owarre.

43 Wonti akanatiifi worri saadu Waaqa iraa ta namaa fed'a.


Dubbi Yesotiini nama qorani

44 Yesoni qonqo olfud'ate waan jed'e, Nami na d'ugefatu, na ind'ugefatu, ammo ka na erge d'ugefata.

45 Nami na ilaalu ka na ergele ilaala.

46 Anini lafa tanati aka ifsa tahu d'ufe, aka nami na d'ugefatu dukana keesa inteenne.

47 Yo nami toko dubbi tiyya d'agaye inguunne, anini wollaala iti imuru. Wonti akanatiifi anini wollaala namati muru ind'umne, ammo nama baasu d'ufe.

48 Nami na dide dubbi tiyya imfud'anne, nama iti muru toko qaba. Dubbi anini jed'e suniti guyya muumme wollaala iti mura.

49 Anini yaada kiyyaani indubbanne, ammo Abba na ergeti seera nati kenne waan ani dubbad'uufi waan ani jed'u na jechisiisa.

50 Ammalle aka seeri isaa jireenna hegeri namaa kennu imbeekha. Wonti anini dubbad'u kuni waan Aabbooni, Dubbad'u naani jed'e.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan