Yihudaa 1 - KITAABA WAAQA1 Maqaani kiyya Yuda, hojattu Yeso Kristotiifi oboleesa Yakobo; gara worra Waaqi yaame, ka jaalala Abba Waaqa keesa taufi ka qorqorti Yeso Kristo jala jiruti tatabe tana t'aafa. 2 Naasufi nagayafi jaalala guddisa argad'a! Waan worra dubbi d'ara barsiisu 3 Jaalaani tiyya, anini guddo herege aka waan baafama nuuni ch'ufti woliini qamnu isani t'aafu; duuba tatabe tana ya isanii t'aafe aka isani jabaattani, d'ugefacha Waaqi gumi isaa ch'ufa maro tokotu kenne jabeesitani badi d'owartani. 4 Wonti akanatiifi nami gari ka Waaqa imbeenne, ato nu imbeekatiini ya jiddu teenna seene, aka d'araa ufi guutatu, dubbi eeba Waaqa gaargalche Yeso Kristo Aabbo keenna tokochale dide. Duri duri t'aafiini qulqullooni qorsuma worri argatu tana fadde. 5 Ato isani waan kana ch'ufa aka dansa beetanile, anini aka Aabbooni gosa Israeli lafa Misiri keesaa baase, ammo eegi suni worra isa ind'ugefatiini ch'ufa balleese isani qaabsiisu fed'a. 6 Malaikoota fulla ufi lakifte fulla isi himmalini yaate qaabad'a. Waaqi worra ya haga jiru jireenna haada sibiilatiini dukana lafa jala keesati hid'e aka guyya jaba ka wollaala iti murani eegattu. 7 Sodomafi Gomorafi dira lafa suni ch'ufa qaabad'a! Worri dira suni waan malaikaani taate tolche, sharmut'omafi hameenna taka inargiini gula yae: Duuba gaargala ibida argate aka akasiini nama ch'ufaa gorsa tahu. 8 Worri Waaqa imbeenne ka baanani kunileeni akasuma taha, oobju keesa nafa ufiti dabe, jabeenna Waaqa tuffate, guddinna gubba ka jabeenna qabu arabse. 9 Malaikaani guddooni Mikaelileeni waan akana kana taka intolchine. Gaafa inni reefa Musa irati Sheet'anaani woldidani, Mikaelini Sheet'ana arabsu dide waan jed'eeni, Aabbooni si gorsinna! 10 Ammo worri kunini waan inhubanne arabsa, ammalle wonti worri aka bineensa suufe beekhu waan worra balleesa ch'alla. 11 Gaargala worraati! Ya kara Kainini deeme fud'atani; ya maro horitiifi akuma Balaamu wollaala gula badani; ya aka Korani lole lolani ufi balleesani. 12 Ammalle worri farso ch'eera foko male d'uge, jila teesani t'ureesa, worri ufi ch'alla qorqorata. Worri aka dumansa bokaya inqamne, ka bubbeeni d'oofte jira. Aka mukha ch'aamsaale mid'aani imbaamne jira mukha buqisani goge fakaata. 13 Aka d'awa baariini jira, hujiini worraa hamtuuni aka homachaa mullati. Aka urji ch'eetu jira, Waaqi ya fulla dukana sipeti haga jira jireenna teesuma worraa mid'aase. 14 Henoko, ka d'aloota torbeeso Adamu gulati, duri waan worra fage waan jed'e: Ilaala, Aabbooni malaika ufi qulqullo kunki hedduuni woliini d'ufa, 15 aka nama ch'ufa qoru, aka nama Waaqa imbeenne ch'ufa wollaala iti muru, maro huji hamtu worri tolcheefi, ammalle maro dubbi hamtu worri Waaqaani jed'eefi! 16 Worri kunini hojja ch'ufa gungumeti woli himata, fed'i garaa hamtu gula yaa. Worri waan fed'u argatu ufi guddise nama soba. Gorsaafi barsiisa 17 Ammo waan kana qaabad'a, jaallaani tiyya! Waan ergattuuni Aabbo keenna Yeso Kristo duri isaniti himte qaabad'a. 18 Worri waan isaniini jed'e, Gaafa muummeeni d'iaatte, nama isani kobluti d'ufa, ka d'araa ufi hamtu ch'alla gula yaau. 19 Worri kunini gargari nama qooda, aka fed'i nafa worra gula iyaanne. 20 Ammo isani, jaallaani tiyya, d'ugefacha teesani qulqullo jabeesa gula yaa. Jabeenna Lubbu Qulqullotiini Waaqa kad'ad'a, 21 jaalala Waaqa keesa taa, ato Aabbo Yeso Kristo ka naasu ufitiini jireenna hegeri is isanii kennu eegattanu. 22 Worra garaa lama qabuu naha: 23 ibida keesaa worra baasa. Nama d'ibile ch'ufaa naha, ammo sodaad'a, woya dabi worra t'ureesele jibba. Kad'acha Waaqaani faarsani 24 Gara isaa ka dandae jigu isani d'owe, wollaala male gammadaani guddinna isaati isani geesu. 25 Waaqa tokocha, Qarqaarsa keenna, Aabbo keenna Yeso Kristo keesa, guddinnaafi ulfinnafi humnafi jabeenni ka duriitifi ka ammalleeni ha tahu, ammafi hegerile! Amini. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya