Yeremia 6 - KITAABA WAAQA1 Worra Benjamini, baqad'a, lubbu ufi baasa! Yerusalemu keesaa baqad'a! Tekoa keesa magalata d'aa, Beth-Hekeremu keesa goola ibidaa old'aaba. Waan hamtufi badiini gara mirgati d'ufuu jirti. 2 Diri Sioni mid'aaga, ammo imballeesani, 3 hayyooti achiti waaro d'aabati, duula ufi woliini. Worri dira marse fulla, fed'uti waaro d'abate, 4 waan jed'u, Yerusalemu had'iisa kurfaa! Kurfefad'a, nu guyya guddaani haana! Ammo duuba eege waan jed'ani, ya ture, lafti ya galgaloofte, gaadisi galgalaleeni ya d'eerate. 5 Nu halkaniini haane, fulla dira suni jajabdu balleesina. 6 AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Mukha ch'ira, waan ira ejaanjitani dira Yerusalemutini haatani jaarad'a, Dira kana balleesu malani, waan nami isa keesati guddo woli dabseefi. 7 Akuma eeli bisaani qullo maddu akasuma Yerusalemuni hameenna isii hama madditi. Dira suni keesati waan nama woldide woli balleesu d'agayani — wonti anini keesati argu madaafi d'ukuba. 8 Worra Yerusalemu, wonti kunini ha gorsa isanii taatu, yokhaani anini isani biraa deeme dira keesani lafa gamooji ta nami keesa inteenne, tolcha. Aka Israeliini Waaqa didu 9 AABBO Waaqi guddaani waan nani jed'e, Akuma oobru zabibu mid'aani ch'ufa iraa guurani, akasuma Israeli waan isiini qabdu ch'ufa iraa guurani. Akasuma isanileeni, ato qoomni qabdanu, haga dandeetani nama baasu maltani. 10 Anini waan jed'eeni, Eenuti na jalaa qaba, yo anini worraani dubbad'e gorse? Worri mata jabaate, dubbi tante ch'aqasu didde; worri dubbi tante goyeese kobla. 11 Dallansuuni atini worrati dallantu nale gubde, obsa na d'owarte, ee AABBO Waaqa. Jennaani AABBO Waaqi waan nani ned'e, Anini dallansu tiyya ijoolle kara keesa teteetufi kaima wolti bahuti buusa. D'iirsaafi niiti fuud'ani, jaarole hobaatele itiini d'aabatani. 12 Maneeni worraa nama d'ibii kennani, oobrufi nad'eeni worrale akasuma kennani. Anini worra lafa tanaa gaargalchu fed'a. 13 Nami ch'ufti, diqaafi guddaleeni kara dabaatini beese horachu fed'a; raagootafi qaaloleleeni sobde biyya dabsiti. 14 Worri aka waan madaani worra kiyya tararo woi taate, lafa nageenni bad'aad'a jed'a, ka ufiftu nageenni injirre. 15 Worri waan hamtu kana tolche jennaani ya ch'eere? Hiyo, worri diqole inch'eere, fuuli worraa diqole ingolgolomne. Tanaafi akuma nami duri bade, worrileeni bada; gaafa anini worra gaargalche, muummeeni worraa suni. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa. Aka worri Israeli kara Waaqa didu 16 AABBO Waaqi waan gumi isaatini jed'e, Fulla woldeenna karaa ejaanja wo ilaala kara dullachaafi kara iraa dansa gaafad'a! kara suni gula yaa, nagaya argattani. Ammo worri waan jed'e, Hiyo nu kara suni gula iyyaanu. 17 Jennaani AABBO Waaqi nama qonqo magalata eegu tolche. Ammo worri waan jed'e, Nu inch'aqamnu. 18 Tanaafi AABBO Waaqi waan jed'e, Gosa ch'ufa, ch'aqasa, waan gumiini tiyya taatu arga. 19 Ee lafa ch'aqasi! Waan worri woi malateefi anini badi itiini d'ufa; wonti akanatiifi worri dubbi tiyya dide seera kiyya ch'abse. 20 Anini hit'aana worri lafa Shebati fuud'e naa d'ufunifi qayya lafa fago ka worri naa d'ufuuni maani iraa qaba? Anini waan worri naa baasu dide, sorio worrale jibba. 21 Tanaafi anini worra kana gufachiise buusa. Abbootifi ilmaani gugufatte, jaalanifi nami alaaleni hobaa. Nyaapa mirgaa d'ufe 22 AABBO Waaqi waan jed'u, Me ilaala, duuli mirgaa d'ufuu jira; gochiti jabduuni fago teetu lola kurfefachuu jirti. 23 Worri t'iyaafi woraana ufi fud'ate, ka hameenna male diqole naasu inqamne d'ufuu jira. Worri aka d'awa baariini dibbisa; yo farda isani yaabate ga d'ufu. Worri ya lola kurfae, Yerusalemu had'u d'ufe. 24 Worri Yerusalemu waan jed'u, Nu odu worraa ya d'ageenne. Naasuuni ya harka nuraa jissite, woma fuud'u nu d'owarte; lalalaafi d'ukubsachani ya nu qabate, aka niiti d'aluu jirtu. 25 Nu kara gula, yokhaani ala keesa deemu sodaanna; wonti akanatiifi nyaapi keenna woraana harkaa qaba, moga ch'ufa nu mudamsiisa. 26 AABBO Waaqi waan gumi isaatini jed'u, ch'arqi naqad'a, daara keesa gangalad'a. Akuma ilma tokocha bohani, laalefad'a, boha, wonti akanatiifi nami isani balleesu fed'u tassa isaniti d'ufe isani had'a. 27 Ee Yeremia, akuma sibiila ilaalani gumi tiyya ilaali, waan isiini keesa jirtu hubad'i. 28 Worri ch'ufti ya mata jabaate, na dide; mata jabeenni worraa akuma sibiila diimatifi guraacha jira. Worri ch'ufti nama waan hamtu tolche, fulla ch'ufaa yae nama nyaatu. 29 Buufaani guddo ibida buufa aka akasiini sibiila gubani, ammo worra kiyya qulqulleesitini woma imbaatu, wonti akanatiifi ch'ubbuuni worra keesaa imbaamne. 30 Worra sunini, booru woma keesa injirre jed'aniini, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi, ya worra dide. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya