Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Yeremia 51 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi waan jed'u, Anini bubbe woi balleesitu lafa Babilonitifi worra isiitiini d'ufa.

2 Anini nama gosa d'ibi, ka aka bubbeeni bua buuyo fuutu, Babiloni fuud'e balleesu, iti erga. Hojja guyyaani badi sunini d'ufu, worri moga ch'ufaani had'e lafa duwa tolcha.

3 Askarti worraa t'iya darbachu d'owa, miha lolaale keeyachu d'owa. Kaima inhambisina, duula worraa ch'ufa hobaasa!

4 Worri mamadae, kara dira keesati hobaa.

5 Anini AABBO Waaqi guddaani worra Israelitiifi ka Yuda illakimne, Ato worri, ana qulqullo Israeliti ch'ubbamele.

6 Babiloni keesaa baqad'a, lubbu teesani baasa! Maro ch'ubbu Babilonitifi induina. Anini amma haalo baafad'e, akuma isii male gaargalchuu jira.

7 Babilonini muduunu worqi, ta harka kiyya keesa jirtu, ta lafa ch'ufa macheesitu. Gochiti ch'ufti daad'i isi d'udde maraati.

8 Diri Babiloni tassa jige bade! Bohafi! Maddaa isaa qorsa iti barbaada, hegeri infayyiti.

9 Nami gosa d'ibi ka achi tau waan jed'u, nu dira Babiloni qarqaaru feene, ammo wonti sunini ya dabarte. Koota, amma lakimne kaane biraa galla. Waaqi yayu Babiloni irre isaa ch'ufaani gaargalche aka male balleese.

10 AABBO Waaqi waan jed'u, gumiini tiyya lalabde waan jettu, AABBO Waaqi yayu d'uga nuu galche, koota, worra Yerusalemu d'anne, waan Waaqi keenna nuu tolche iti himna.

11 AABBO Waaqi yayu hayyoota Medi kaase, waan inni Babiloni balleesu fed'ufi. Aki inni waan worri mana isani qulqullo balleesefi haalo baafatu akasi. Worri lafa had'u waan jed'u. T'iya teesani qarad'a! Wonte teesani kurfeesa!

12 Akheekha naabo Babilonitini ch'absitani garsiisa! Nama lafa eegu heddeesa! Nama lafa tissu tolfad'a! Nama woi gaadu kurfeesa! AABBO Waaqi waan worra Babiloni, Intolcha jed'e ya tolche.

13 Lafti suni galaanafi hori gudda qabdi, ammo guyyaani isii ya alaa hobae, isiini ya badu geete.

14 AABBO Waaqi guddaani maqa ufiitini kakhate waan jed'e, Anini duula guddaani d'ufa ka aka awaanisa d'ufe isani had'e dabsate, geerara galu.


Faaru Waaqaani faarsani

15 AABBO Waaqi jabeenna ufitini lafa uume; qarooma ufitini mid'aase, gubbale ballise;

16 jecha isatini bisaaleeni gubba dibbisani, duumansileeni muumme lafale d'ufe. Inni bokaya keesa angae, bubbele goda isii keesaa gayaase.

17 Nami waan kana arge ch'ufti, daalle woma imbeenne ufi sehe; nami waan harkaani boch'ani kad'atuleeni, maro wonti worri kad'atu suni waan d'ara, ka lubbu inqamne taateefi waan tahu wollaale ufi d'aareefata.

18 Wonti worri mid'aasu sunini waan woma keesa jiraatiniti, waan tufatani miid'u malani; guyya Waaqi qorsumaa d'ufu, imballeesani.

19 Waaqi Yakobo waaqa akasi suniniti isumati waan ch'ufa uume Israeli fohate gumi ufi tolfate. Maqaani isa AABBO Waaqa gudda.


Burrisa AABBO Waaqa

20 AABBO Waaqi waan jed'u, Babiloni atini burrisa kiyya, miha kiyya ka lola ka anini namaani had'u, anini siini lafafi namale balleese,

21 fardoole nama yaabatule hobaase, gaari fardi hirkisufi nama oofule balleese.

22 D'iirafi nad'eenile fit'e, jaarsafi kaimale hobaase, ijoolle d'iiratifi ta dubrale gate.

23 Ammalle tissitufi reele qaqale, worra lafa qotufi fardoole worrale gogorae, nama lafa mohatufi jaarole gugurdole hobaasa.


Aka Babiloni balleesani

24 AABBO Waaqi waan jed'u, Isani inagartani waan anini Babilonifi, nama isii tolchu, maro waan hamtu worri Yerusalemu tolcheefi.

25 Babiloni, atini gaara lafa ch'ufa balleesu fakaata, ammo ato akasi taatele, anini, AABBO Waaqi, nyaapa keeti. Anini si qabe, si ch'ach'abse, sii bulleese daara si tolcha.

26 Deebiani d'akha ona keetile manani injaarani. Atini haga jiru jireenna lafa aloo taata. Nami dubbi suni jed'e ana, AABBO Waaqa.

27 Akheekha diraani haatani garsiisa! Magalata aka gochiti ch'ufti d'ageetu d'aa. Gosa ch'ufa had'iisa Babiloniti kurfeesa! Worra lafa Araratitifi Minitifi ka Ashkenazitini, Had'a jed'a. Worra suni abba duula iti tolcha. Fardoole aka tuuta awaanisaa gabaasa.

28 Gosa ch'ufa had'iisa Babiloniti kurfeesa, hayyoota Meditifi jaaroleefi jara worraa gugurdafi askarti lafa worri mohatu keesa jirtule woliini baasa.

29 Waan AABBO Waaqi aka Babiloni balleese ona nami keesa inteenne tolchu malateefi, lafti hollatte chochoote.

30 Askartini Babiloni yayu had'iisa lakifte maneeni worraa jajabduti hafte. Worri ya ufi jibbaate waan tahu wollaale, irre d'abe, nad'eeni fakaate. Ch'ufana fullo dira ya ch'ach'absani, maneenile ch'ufa ibida iti kayani.

31 Nami qonqo iyyanna woluma duubani d'ufe waan hayyu Babilonitini jed'u, Nyaapi ya dira kanke moga ch'ufaani d'ufe iti ch'abse had'e.

32 Ammalle nyaapi yayu malka galaana qabate, maneeni jajabdu taanile ibida iti naqe, askarti tante mudamsiise.

33 D'iotu nyaapa worra ch'ire akuma mid'aani oobdi keesati d'aanani ira ejaanjata. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa gudda, Waaqa Israeli.

34 Hayyuuni Babiloni dira Yerusalemu had'e, nama isaa nyaate fit'e, akuma okhole aanani fooqise, akuma gorjama liqimse, waan fed'u ch'ufa fud'ate, ka iraa hafele ch'ufa gadigate.

35 Worri Sioni ha akana jed'u: D'iigi keenna gubbaa worra Babiloni ha tahu. Worri Yerusalemuleeni akana ha jed'u, gaargali keenna worra Babiloni ha qabatu.


Aka AABBO Waaqi worra Israeli qarqaaru

36 Tanaafi AABBO Waaqi waan worra Yerusalemutini jed'e, Anini d'iba keesani ya arge, amma isanii dubbad'e, nyaapa keesanile haalo isanii baasa. Anini madda bisaani Babiloni gosse galaana worraale kuta.

37 Lafti sunini badde, ona bineensi ala iti galu ka ilti namaa jibbitu taati. Nami tokoleeni ka iti galu injiru, nami arguleeni nahe mudama.

38 Worri Babiloni ch'ufti akuma nyeench'a itane, akuma kuble nyeench'a gururia.

39 Worri sabdii? Yoosi anini jila worraa tolche, sagale d'aabeefi macheese gammachiisa. Duuba worri d'aqe rafa itumaa deebie lafaa inkau.

40 Anini worra qalmati geesa, aka ilmaani hoolatifi laleesafi Elemiye. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Badi Babiloni

41 AABBO Waaqi waan Babiloni dubbate waan jed'e, Dira gochiti lafa keesa jirti ch'ufti duri faarsite ya had'ani qabani! Babilonini akami waan ilti gosa ch'ufa jibbitu taate!

42 Bisaani baariini yayu Babiloni gubbati fach'aani, d'awani isaanileeni isii ira deebite mullachu d'owarte.

43 Diri isiileeni yayu bade, ona bisaani inqamne ka nami keesa injirre yokhaani ka keesale imbaane tahe.

44 Anini waaqa Babiloni ka Beli, jed'ani balleese waan inni saame guurate ch'ufa iraa buuse, aka gochiti tokoleeni deebite isa iyyaamanne tolcha. Naaboni Babiloni ya ch'ach'abt'e.

45 Gumi Israeli, arti baqad'a! Dallansu tiyya hamtu duraa baqad'a, lubbu ufi baasa.

46 Waan d'ageetani kana jettani, garaa laaftani insodaatina. Ganna ch'ufa woma hareeti d'ageetani — odu had'iisa lafatifi aka hayyooti lafa lafaani woli haatu.

47 Duuba amma hojaani ya geete, ta anini waaqoota Babiloni, ta d'ara, balleese, lafa ch'ufa ch'eerse nama ch'ufa hobaasu.

48 Wonti lafafi gubba jira ch'ufti gammade qilit'amti; hojja worri mirgaa d'ufu Babiloni dabsate balleesu.

49 Babilonini, waan duri lafa ch'ufa keesa nama hobaafteefi, ammo isiileeni badu malte, ammalle maro nama Israeli heddu hobaafteefi balleesu malani. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


D'aamsa Waaqi worra Israeli ka Babiloni jiruti d'aame

50 AABBO Waaqi waan gumi isaa ta Babiloni jirtuuni jed'e. Isani ya lubbu duraa baatani! Woma ineegina, amma kaa, yaa! Ato isani worra keesani ira fago jiraatanile, ana AABBO Waaqafi Yerusalemu qaabad'a.

51 Isani waan jettani, yayu nu arabsani, nu ch'eersani lafaa nu balleesani waan nyaapi fulla qulqullo mana Waaqa keesaa jirtu ch'ufa fud'ateefi nu qarqaarsa d'amne.

52 Tanaafi waan anini jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka anini waan harkaani boch'ani, ka worri Babiloni kad'atu, ch'ufa balleese nami madaleeni ch'ufti lafa suni keesa waachaa yau.

53 Ato Babilonini gubba yaabatte achiti mana jajaba jaarattele, anini inuma nama isi balleesu iti erga. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Badi d'ibi Babiloni qabatu

54 AABBO Waaqi waan jed'u, Waan lafa Babiloni balleesanifi, aka nami bahe iyyu d'agaya.

55 Anini Babiloni balleese, iyyanna isii ch'allisisa. Duuli nyaapaa akuma d'awa baariini worrati baafate, aka male iyye worra had'a.

56 Worri ya Babiloni balleesu d'ufe; askarti isii yayu qabani guube worrale ch'ach'absani. Anini Waaqa waan hamtu balleesu, tanaafi Babiloni waan isii male tolchaafi.

57 Anini nama isii mohatu, jara qaqaroofi jaaroleefi askarti worraale ch'ufa farso iti guure macheesa, worri d'aqe rafa, itumaa deebie lafaa inkau. Nami dubbi tana jed'e ana hayyicha AABBO Waaqa gudda.

58 Naabo jabdu Babiloni butuchani, ch'ufana fullo isii gugurda kaanile gubani, akasiini wonti ch'ufti gubate, hujiini duri gochiti hedduuni hojate taani lafati badi. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa gudda.


Aka d'aamsa Yeremia Babiloniti ergani

59 Serayani, ilmi Neria, ka ilma Maaseya, makala hayyu Sedekia. Duuba ganna afreeso ka Sedekiani lafa Yuda mohate, ka Serayani isa woliini Babiloni deemuu jiru, anini dubbi woi iti d'aame.

60 Anini badi Babiloniti gad'uftufi waan Babilonini taatu d'ibile kitaaba keesati t'aafe.

61 Anini waan Serayani jed'e, Yoyu Babilonini baate, waan kitaaba kana keesa jira ch'ufa lalabi, biyyaa soomi.

62 Duuba Waaqa kad'ad'i, waan jettu, Ee AABBO Waaqa, atini qara, anini fulla tana imballeesa jette, aka wonti lubbu qaba, namaafi bineensale taanaani iti ingalle, ammo haga jiru jireenna ona taatu.

63 Seraya, duuba yo kitaaba kana biyyaa soomte hobaafte, d'akhati hid'i, galaana Frati keesa buusi.

64 Waan jettu, Tunini waan Babiloniti d'ufaati — isiini akana lit'i, deebite oli imbaatu waan AABBO Waaqi badi itiini d'ufufi, isiini akasi taati. Dubbini Yeremia asi buufatti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan