Yeremia 50 - KITAABA WAAQA1 Wonti dira Babilonitifi nama isa ke tau tolchani, ka AABBO Waaqi nati d'aame, kana: 2 Odu tana gosa ch'ufati hima, odeesa! Akheekha woi garsiisa, odu tana odeesa, ind'ossina, Babiloni ya balleesani! Waaqa isii, ka Merodaki jed'ani, ya fafalaansani! Waaqoota Babiloni ya ch'eersani, akheekha hama worri kad'atu ya ch'ach'absani! 3 Gochiti mirgaa baate ya d'ufte Babiloni haate balleesite ona tolchite. Namaafi bineensi keesaa baqate, wonti tokoleeni ka iti gala injirtu. Aka worri Israeli deebiu 4 AABBO Waaqi waan jed'u, Yo guyyaani sunini gahu, worri Israelitiifi ka Yuda bohaa d'ufe, ana Waaqa isaani barbaada. 5 Worri kara Sioni gaafate achi yaa. Duuba worri wold'aqisa jiru jireenna ka na woliini tolfate kaani, deebie inch'absu. 6 Gumiini tiyya hooliye tissituuni kara iraa gorsite gaara irati balleesite fakaati. Worri gaareeni ch'ufa ira yayae, worra ufi gara wollaala. 7 Nami worra argu ch'ufti worra had'a. Nyaapi isaani waan jed'u, Worri kunini AABBO Waaqati ch'ubbame, tanaafi wonti nu worra tolchine hamtuniti. Ababooti worraa AABBO Waaqa abdate, worrileeni sila AABBO Waaqa iraa goru himmalle. 8 Worra Israeli, lafa Babiloni keesaa baqad'a. Lafa worraa keesaa baha, nama qara ka lafa suni keesa bahu taha! 9 Anini gosa jajabdu mirgaa jirtu kaase, Babiloni haasisa. Worri had'iisaa ejaanje, lafa had'e dabsata. Worri sunini guddo t'iyaani woi had'u beekha, yo darbatu woma ind'abu. 10 Babiloni insaamani, nami saamuleeni waan jed'u ch'ufa guurata. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa. Aka Babiloni balleesani 11 AABBO Waaqi waan jed'u, Worra Babiloni, isani gosa tiyya saamtani, tanaafi gammadani qilit'amtani, akuma looni mid'aani biilatini d'aanani yokhaani akuma farda imimsu yaatani. 12 Ammo dira keesani gudda kana balleesani ch'eersani. Babilonini gadii lafa ch'ufa taati, isiini lafa gamooji ta bisaani inqamne taati. 13 Maro dallansu tiyyatifi nami tokoleeni Babiloni keesa intau; isii ona tolchani, nami d'aatu dabru ch'ufti rifate maadefata. 14 T'iyole ch'orora ejaanja, had'iisa Babiloniti kurfefad'a, dira marsa. Waan Babilonini ana AABBO Waaqati ch'ubbamteefi t'iya teesani ch'ufaani had'a. 15 Gama ch'ufaa iti iyya! Babilonini amma ya harka kennate. Naabo isa ya ch'absani balleesani. Anini worra Babiloni haalo baafachuu jira, tanaafi isanileeni haalo baafad'a, akuma worri nama d'ibi tolche, worrale tolcha. 16 Lafa suni keesati mid'aani fach'aasanifi ka muratanile d'owa. Nami gosa d'ibi ka achi keesa tauleeni nyaapa dira suni had'u sodaate lafa ufiti gala. Aka worri Israeli deebiu 17 AABBO Waaqi waan jed'u, Worri Israeli hooliye nyeench'i had'e gargari firfirse fakaata. Qara hayyu Ashuruti worra had'e, eege hayyu Babiloni ka Nebukadreza jed'aniti lafele worraa annifata. 18 Tanaafi anini, AABBO Waaqi guddaani Waaqi Israeli, Nebukadrezafi lafa isale gaargalcha, akuma anini qara hayyu Ashuru gaaragalche. 19 Anini worra Israeli lafa isaniti deebisa. Worri sagale gaara Karmeli irati baatefi ta lafa Bashani keesati baatele nyaate. Ammalle mid'aani lafa Efraimutifi ta Gileadi keesati bahale haga fed'u nyaata, 20 hojja guyyaani sunini gahu, Israeli keesati ch'ubbu tokole inargani, Yuda keesale hameenni injiru; wonti akanatiifi anini worra hambise kana ch'ubbu isani inaraaramafi, nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa. Gaargala Waaqi Babilonitini d'ufu 21 AABBO Waaqi waan jed'u worra Merathaimutifi worra Pekodi had'a, fit'a, hobaasa. Waan anini isaniini jed'u ch'ufa tolcha. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa. 22 Iyyanna lolaatifi balleesa nama balleesani lafa keesati d'agayani. 23 Babilonini qara lafa ch'ufa burrisaani tumte, ammo amma tana burrisa suni ya ch'absani! Waan lafa suni tolchani arginaani gochiti ch'ufti iraa rifate. 24 Babiloni, atini na haate, ammo amma ya t'urura anini si kaye ato imbeekhini keesa seente. 25 Anini fulla miha kiyya ka lola iti olkayani bane, dallansu tiyya keesa alati baase; wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi guddaani Babiloni keesa huji qaba. 26 Moga ch'ufaa had'a fulla mid'aani isii iti olkayani ch'ufa ch'absa bana! Waan saamtani aka mid'aani wolti tuula! Lafa balleesa! Woma inhambisina! 27 Askarti worraa ch'ufa qaqala, hobaasa! Worra Babiloni ya badiini qabatte! guyyaani worra gaargalchani ya gahe. 28 (Nami Babiloni keesaa baqate Yerusalemu d'ufe waan jed'u, AABBO Waaqi keenna ya worra Babiloni haalo baafate, waan worri nama Waaqa qulqullo balleesefi.) 29 T'iyoleeni, Babiloni had'a jed'a. Nama t'iyaafi guubeeni woi had'u beekhu ch'ufa yaama. Dira marsa, nama baqachu fed'u, d'owa. Waan isiini tolchite isumati deebisa, woma isiini nama tolchite isiile tolcha; wonti akanatiifi isiini ana, qulqullo Israeliti kiyyibde. 30 Tanaafi nama isi ka kaima ch'ufa kara dira keesati fit'ani, askarti isii ch'ufale guyya suni fit'ani. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa. 31 Babiloni, kiyyibi ya sira dabre, tanaafi anini, AABBO Waaqi guddaani, nyaapa siti tahe! Hojaani anini si gaargalchu ya geete. 32 Gochiti teesani kiyyibduuni gugufate jidde, nama tokole ka olfud'u d'abdi. Anini dira keesani ch'ufa ibida iti kaye, waan d'aatu jira ch'ufa balleesani. 33 AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Worra Israelitiifi ka Yuda ya dabsani. Nami worra qabe ch'ufti guddo worra tisse gad'iisu dide. 34 Ammo nami worra baasu jaba; maqaani isaa AABBO Waaqa gudda. Isumati worraa dubbate nagaya lafatini d'ufe, ammo gaargala worra Babilonitini d'ufa. 35 AABBO Waaqi waan jed'u, Dooti ha lafa Babiloni qabatu! Dooti ha nama isiitiifi nama isi mohatufi worra isii qaqaro qabatuuti. 36 Dooti ha raagoota isii kiyyibdole qabatuuti worri akami daalle! Dooti ha askarti isii qabatuti worri akami mumudama! 37 Fardoole isiitiifi gaari fardi hirkisule balleesa! Dooti ha askarti worri beeseeni bitatele qabatu worri akami lalaafa. Waan worri qabu ch'ufa saama, balleesa. 38 Oolaani ha iti buute, galaani isii ch'ufti gogoguti. Babilonini lafa akheekha waaqoota d'ara ka nama mudamsiisa qabdu, ka biyya daallese. 39 Bineensa alaatifi worabesafi urunguti Babiloniti gala. Nami tokoleeni deebie keesa intau haga jiru jireenna. 40 Akuma anini duri Sodomafi Gomorafi dira d'aatu ch'ufa balleese, Babilonile balleesa. Nami deebie iti ingalu. Nami dubbi tana jed'e ana; AABBO Waaqa. 41 Nami lafa mirgati d'ufuu jira, gochiti jabduuni fago teetu; hayyooti hedduuni lola kurfefachuu jirti. 42 Worri t'iyaafi goraade fud'ate d'ufuu jira, worri hamama naasu inqamne. Worri hojja farda isaani yaabate gulufu aka d'awa galaana dibbisa. Ammalle worri kurfo jira, aka Babiloni had'u. 43 Hayyuuni Babiloni odu suni d'ageennaani nahe harki iraa jige. Isa ya laalalafi d'ukubsachani aka niiti ch'ininfatu qabate. 44 Akuma nyeench'a badda Yordani keesaa bahe lafa doti marra qabdu d'ufu, anini AABBO Waaqi d'ufe, worra Babiloni tassa dira isaani keesaa baqachiisa. Duuba nama anini fohad'eti lafa mohata. Nami na gahu lafa keesa injira? Nami woi na gaafatu injira? Nami lafa fidu, ka dandae nani morku injira? 45 Tanaafi mala anini dira Babiloniti malad'eefi waan anini nama isaa tolchu fed'u ch'aqasa. Ijoolle worraale alati hirkisani, nami ch'ufti iraa rifata. 46 Gaafa Babiloni balleesani dibbeesi isii lafa ch'ufa chochoose. Qonqo iyyanna gosa d'ibiti d'agayani. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya