Yeremia 47 - KITAABA WAAQA1 Ato hayyuuni Misiri dira Gaza had'e imballeesini, AABBO Waaqi waan Filistia tolchani nati hime, 2 waan nani jed'e: Laali, lagi ya mirgaa d'ufe, bisaani lafa ch'ufati fach'aani. Bisaani suni lafafi waan keesa jiratifi dirafi nama keesa taule ch'ufa fud'atani. Nami qarqaarsa kad'ate, nami lafa keesa jiru ch'ufti aka hama boha. 3 Worri kotte fardatifi dibbeesa gaaritiifi girreesa miila isale d'agaya. Abootini garagalte ilmaani ufi infud'attu; harki worraa akanumati naasuuni iraa jiga. 4 Hojaani Filistia balleesani ya geete, ta Tirofi Sidoni qarqaarsa hafe iraa kutani. Ana, AABBO Waaqati, worra Filistia, ka duri lafa Krete ta bisaani jidduuti d'ufe, balleesa. 5 Gaargali hamaani ya worra Gaza qabate, worri Ashkeloni ya ch'allise. Worri Filistia kaani haga yoomi bohu lakisa? 6 Isani bootani waan jettani, goraade AABBO Waaqa! Atini yoomi woi hobaasu lakifta? Qalqala teeti deebii, tai, hafuura baafad'i! 7 Ammo isiini akami hafuura baafati, ka anini huji isiini hojattu kenneefi? Anini yayu Ashkelonifi worra afaani galaana taule, had'i jed'eeni. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya