Yeremia 45 - KITAABA WAAQA1 Ganna afreeso ka Yehoiakimuni ilmi Yosia, lafa Yuda mohate, Barukuni waan anini iti hime ch'ufa t'aafe. Jennaani anini waan jed'eeni, 2 AABBO, Waaqi Israeli, waan siini jed'u, Baruku, 3 Atini, anini ya ufi jibbaad'e! AABBO Waaqi yayu gaargala kiyya nati guddise na laalefachiise, anini ya ooa d'aqe ufi jibbad'e boqota inqabu ufiini jetta. 4 Ammo anini, AABBO Waaqi, waan jaare ch'ach'abse, waan oobrele buqisuu jira, waan kana anini lafa ch'ufa keesati tolcha. 5 Atini waan guddo barbaadachuu jirta? Imbarbaadatini. Anini badii nama ch'ufati d'ufuniti jira. Ammo atini fulla baatu ch'ufa lubbu teetiini inuma baata. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya