Yeremia 20 - KITAABA WAAQA1 Qaallichi Pashuri jed'ani, ka ilma Imeri, ka huji Mana Waaqati gudda, dubbi anini dubbad'e suni d'agaye jennaani, 2 nama yaame, Namicha kana d'aana, d'aatu fullo Benjamini ta Mana Waaqatini olisenaniti jabeesa hid'a jed'e. 3 Boriyya diirama eegi Pashurini hid'aansa suni naraa hiikhe, anini waan isani jed'e, AABBO Waaqi maqa Pashuri suni si inkennine, maqaani inni sii kenne, Mudamsu fulla ch'ufa. 4 AABBO Waaqi waan jed'u, anini maquma sunini siifi jaallani teetile mudamsiisa. Duuba atini iluma teetiini agarta, aka jaalani tante woraana nyaapa isanitini hobaatu. Anini worra Yuda ch'ufa harka hayyu Babiloniti kenna — inni worra gari boojie lafa ufi geese, ka gari hobaasa. 5 Ammalle anini waan diri kuni qabu ch'ufa, horifi mihaafi waan hayyuuni Yuda qabu ch'ufale, harka nyaapa isaniti kenne, nyaapi sunini boojie lafa ufi geesa. 6 Pashuri, sifi worra kankele ch'ufa boojiani lafa Babiloni geesani. Achiti atini doote, sifi jaalani tante ta atini waan d'ara heddu iti odeesite awaalani. Aka Yeremiani AABBO Waaqati gungume 7 Ee AABBO Waaqa, atini na sobde jennaani anini ya sobame. Atini irre nara qabda, tanaafi na dabsate. Nami ch'ufti na goyeese hojja ch'ufa na miid'a. 8 Anini yo dubbad'u ch'ufa iyye waan gaargalafi badii hima. Ee AABBO Waaqa, waan anini dubbi tante odeesufi hojja ch'ufa na goyeesani na koblani. 9 Ammo hojja anini deebie, AABBO Waaqa maqa isatini woma, infagu jed'u, dubbini tante aka ibida na keesati bobeeti. Anini guddo iti game, aka waan isii indubbanne; ammo ufi d'owu dad'abe. 10 Anini nama fulla ch'ufati, mudamsuuni ya lafa qabate! Koota jara gugurdati himna jed'e, Wolti hasaasu d'agaya. Jaalani tiyya ta nati aantuleeni ch'ufti, badii tiyya feete waan jettu, Hegeri isa somne, qamne, haalo iraa baafanna. 11 Ammo ee, AABBO Waaqa, atini ka irreefi jabeenna qabdu kalcha tiyya, tanaafi nami na gaargalchu na dabsachu dad'aba. Worra haga jiru jireenna ch'eersani, waan tokole dabsachu dad'aba. Ch'eera worra haguma jirani inded'ani. 12 Ammo ee AABBO Waaqa gudda, atini d'ugaani nama ilaalate, waan worri garaafi qalbi keesaa qabu beeta. Tanaafi aka atini nyaapa kiyya haalo baafatu na agarsiisi, wonti akanatiifi anini dubbi tiyya yayu siti kennad'e. 13 AABBO Waaqaa sirba! AABBO Waaqa faarsa! Inni worra dabsani harka worra ch'ubbu keesaa baasa. 14 Guyyaani anini d'alad'e ha abaaramu! Guyya haati tiyya na d'alte ha ded'ani! 15 Namicha qonqo aabbotiini d'ufe, atini ya ilmi sii d'alate jed'e isa gammachiise ha abaaraniti. 16 Inni ha dira AABBO Waaqi naasu male balleese fakaatu. Inni ha diirama boha d'agaye, guyya gudda iyyanna woraanaa d'agayuti, 17 waan inni ato anini ind'alatini na inijeesinifi. Sila yo akasi taate awaali kiyya saabuma haad'a tiyyati. 18 Isi, anini maafi saaba haad'a tiyya keesa bahe, d'ipufi gaargala argad'e jireenni kiyyaleeni ch'eeraani hobaa? |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya