Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Uumama 6 - KITAABA WAAQA

1 Eegi nami hore heddate dubrale d'ale,

2 ilmaani Waaqa toko aka dubarti namaa mid'aadu agarte jennaani ta feetu fuute.

3 Jennaani AABBO Waaqi waan jed'e, Lubbuuni tiyya ta nama jiraachiiftu haga jirtu nama keesa inteetu; wonti akanatiifi nami foonuma, armaa achi ganna d'ibbafi diddama indabru.

4 Gaafasifi eegi sunile worra gugurda toko lafa jira, ka haga woi gagahu, ka dubarti namaatiifi ilmaani Waaqaa d'alte. Worri worra jajaba duri, ka lafa keesati gurra qabu.

5 AABBO Waaqi aka hameenni namaa lafa ira dabre, ammalle heregi garaa worraa hojja ch'ufa hama arginaani,

6 waan qara worra duri lafa irati mid'aaseefi gaabe. Inni guddo iraa laalefate

7 waan jed'e, Anini nama uumefi bineensafi simpirreefi bineensa garaani lafa ira lohule ch'ufa lafa keesaa balleesa; waan waan kana ch'ufa mid'aaseefi ya gaabe.

8 Ammo AABBO Waaqi ammalle Nuhu maache guddo iraa gammade.


Odu Nuhu

9 Tunini odu Nuhufi worra isaa. Nuhuuni nama d'ugaati, bara suni nami wollaala inqamne isa ch'alla. Inni Waaqaani wold'aqani woliini taani.

10 Nuhuuni ilmaani d'iira sadi qaba, Shemufi Hamufi Yafethi.

11 Duuba Waaqa durati lafti hammaatte nami wolhad'e wolsaame.

12 Waaqi aka lafti hammaatte, hameenni suni nama seene balleese arge.

13 Jennaani Waaqi waan Nuhuuni jed'e, Anini la buufad'e, aka nama ch'ufa balleesu; wonti akanatiifi lafti ya hammaatte, nami wolhad'e wolsaame, tanaafi worrafi lafale imballeesa.

14 Hobolo guddo mukha jabaani jaari, garaa keesa kuta heddu iti tolchi, waan bisaani dandaani iraani inseeneeni keesafi alalleni d'oobi.

15 Aki atini isi jaartu akana: lafa ira d'eerinni d'und'uma d'ibba sadi, ballinni d'und'uma shantama, oli d'eerinni d'und'uma sodoma.

16 Hobolo suni gubbaa jaari duuchi, fiit'eeni hoboloo ha qota isii d'und'uma tokooni ira d'eerattu. Hobolo keesati balbala mid'aasi, ammalle fulla keesati galani sadi wolgubbaa jaari.

17 Duuba anini bokaya guddaani d'ufa, aka lolaani lafati fach'ae waan lubbu qaba ka lafa jira ch'ufa balleesu. Wonti lafa gubbaa jira ch'ufti indooti,

18 ammo anaafi si wolti kakhanne wold'aqisa woliini tolfanna. Niiti teeti, ilmaani teetifi nad'eeni worrale guuri, hobolo duuda.

19 Waan lubbu qaba ch'ufa, d'alafi korma, fuud'i, hoboloti naqi, aka lubbu baaftu.

20 Simpirre gosa ch'ufatiifi bineensa garaani lafa ira lohufi ka illoonnele, ka gosa ch'ufa lama lamaani siti gad'ufani, aka dua d'owartu.

21 Ammalle sagale gosa ch'ufa ta nyaatani fuud'i olkayi, aka isiini liqimsa namaatiifi ta bineensale taatu.

22 Nuhuuni waan ch'ufa, akuma Waaqi jed'eeni, tolche guute.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan