Uumama 5 - KITAABA WAAQA1 Maqaani ilmaani Adamu kana. (Waaqi, gaafa qara nama uume, fakeenna ufii gula mid'aase. 2 D'iirafi uwale uume, eebiseefi Nama jed'e maqa baase.) 3 Adamuuni ganna d'ibbafi sodoma gahe jennaani ilma waan ch'ufaani isa fakaatu d'ale maqa Sethi baaseefi. 4 Eegi suni Adamuuni ganna d'ibba saddeeti d'ibi tae, 5 ijoolle d'ibi d'ale, ganna d'ibba sagalitiifi sodomati due. 6 Sethiini ganna d'ibbafi shani tae, ilma isaa Enoshi d'ale. 7 Eegi suni ganna d'ibba saddeetitiifi torba tae, ilmaani d'ibile d'ale, 8 ganna d'ibba sagalitiifi kud'ani lama gahe due. 9 Enoshiini ganna sagaltama tae ilma isaa Kenani d'ale. 10 Eegi suni ganna d'ibba saddeetitiifi kud'ani shani tae ilmaani d'ibile d'ale. 11 Duuba ganna d'ibba sagalitiifi shaniti due. 12 Kenaniini ganna torbatama tae ilma isaa Mahalaleli d'ale. 13 Eegi suni ganna d'ibba saddeetitiifi afurtama tae ilmaani d'ibile d'ale, 14 duuba ganna d'ibba sagalitiifi kud'ani gahe due. 15 Mahalaleliini ganna jaatami shani tae ilma isaa Yaredi d'ale. 16 Eegi suni ganna d'ibba saddeetitiifi sodoma tae ilmaani d'ibile d'ale, 17 ganna d'ibba saddeetitiifi sagaltami shani gahe due. 18 Yarediini ganna d'ibba tokotifi jaatami lama tae ilma isaa Henoko d'ale. 19 Eegi suni ganna d'ibba saddeeti d'ibi tae ilmaani d'ibile d'ale, 20 ganna d'ibba sagalitiifi jaatami lama gahe due. 21 Henokooni ganna jaatami shani tae ilma isaa Methusela d'ale. 22 Eegi suni Henokooni Waaqaani wold'aqani ganna d'ibba sadi woliini taani, ijoolle d'ibi d'ale. 23 Haga ganna d'ibba saditiifi jaatami shani 24 Waaqaani wold'aqani woliini taani; jennaani akanumati lafaa d'abani, waan Waaqi isa fud'ateefi. 25 Methuselaani ganna d'ibba tokofi saddeetami torba tae ilma isaa Lameki d'ale. 26 Eegi suni ganna d'ibba torbatiifi saddeetami lama tae ilmaani d'ibile d'ale, 27 ganna d'ibba sagalitiifi jaatami sagali gahe due. 28 Lamekiini ganna d'ibba tokotifi saddeetami lama tae ilma d'ale, 29 maqa Nuhu baase waan jed'e, Lafuma AABBO Waaqi abaare keesati gurbaani kunini huji teenna jajabdu nuu laafisa. 30 Lamekiini ganna d'ibba shanitiifi sagaltami shani tae, ilmaani d'ibile d'ale. 31 Duuba ganna d'ibba torbatiifi torbatami torba gahe due. 32 Eegi Nuhuuni ganna d'ibba shani gahe, inni ijoolle d'iira sadi d'ale, ta Shemufi Hamufi Yafethi jed'ani. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya