Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Uumama 21 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi akuma qara jed'e Sara eebise,

2 isiini garaachoofte jaaruma isaa keesa Abrahamuu ilma d'alte. Guyyuma Waaqi Ind'alata jed'e, ilmi suni d'alate.

3 Jennaani Abrahamuuni maqa Isaaqo baaseefi.

4 Isaaqooni guyya saddeeti bule jennaani Abrahamuuni, akuma Waaqi jed'eeni kaani gula, isa qabanqaba qabeefi.

5 Gaafa Isaaqooni d'alate ganni Abrahamuu d'ibba toko.

6 Saraani waan jette, Waaqi yayu gammachuufi koblaani naa d'ufe. Nami ch'ufti, ka waan kana d'agaye, na woliini kobla.

7 Iti darte waan jette, Eenuti sila Abrahamuuni, Saraani ijoolle inhoosifti jed'aani? Anini jaaruma isaa keesa ilma d'aleefi.

8 Gurbaani guddate, harma ira kutani jennaani guyyuma suni Abrahamuuni jila guddo tolche.


Aka Abrahamuuni Hajirifi Ishmaeli gusse

9 Guyya toko Ishmaeliini, ka Hajiriini, ta gosa Misiri, Abrahamu d'alteefi, Isaaqo much'a Sara woliini tabatani.

10 Saraani ijoolle woliini tabattu agarte jennaani waan Abrahamuuni jette, Tissiti tanaafi gurba isiile nu biraa balleesi. Much'aani isii d'aala hori keeti, ka much'aani kiyya sila d'aalu tokole inargatiini.

11 Waan Ishmaeliini ilma isaa taateefi, wonti kuni Abrahamu garaa d'iibde.

12 Ammo Waaqi waan Abrahamuuni jed'e, Much'afi tissiti teetile iyyaadiini, waan Saraani siini jette ch'ufa tolchi. Wonti akanatiifi atini Isaaqo ira ilmaani heddu argatta.

13 Ammalle anini ilmaani heddu much'a intala tissiti tanati kenna; isiileeni gosa guddo taati. Wonti akanatiifi innileeni ilmuma keeti.

14 Boriyya diirama, Abrahamuuni Hajiri sagaleefi gorjo bisaani miju kenneefi much'a dudda ira kayeefi, Beeni deemi jed'eeni. Jennaani isiini iti d'aabatte, lafa aloo ta Beersheba keesa marte.

15 Bisaani ira hobaani jennaani much'a raasa keesati lakifte,

16 haga ejata d'ibba toko isa hanqatte teete waan ufiini jette, Anini daima kiyya ka duu bira tae ilaani argu indandau jette boote.

17 Waaqi boha much'aa d'agaye jennaani, malaikaani Waaqaa gubbaa Hajiriini dubbatte waan jette, Maanti akana si d'iba, Hajiri? Insodaatini, Waaqi boha much'a diqa ya d'agaye.

18 Kai, much'a fuud'i, bohu d'owi. Anini isa abba gosa guddo tolcha.

19 Waaqi ila isii bane, eela bisaani qabu agarte. Gorjo bisaani guutate much'a d'eebu baafte.

20 Waaqi much'a suni guddise jabeese. Inni lafa aloo ta Parani keesa tae achiti nama adamo jabaa tahe.

21 Ammalle haati intala halkumaa ta gosa Misiri garteefi.


Wold'aqisa Abrahamufi Abimeleki

22 Gaafasi Abimelekifi guddaani askarti isaa, ka Fikoli jed'ani, woliini yaani gara Abrahamu d'aqani waan jed'aniini, Waan atini tolchitu ch'ufa keesa Waaqi si woliini jira.

23 Waan kanafi amma Waaqa durati kakhad'i, aka atini nafi ijoolle tiyya yokhaani ilmaani isii sobde waan hamtu nu intolchine. Akuma anini sii nahe si qarqaare, atileeni naafi lafa ati ke teetu tanale nahi qarqaari.

24 Abrahamuuni waan jed'e, Hayye, ha taatu.

25 Abrahamuuni, Hojattuuni tante eela naraa fud'atte jed'e Abimelekiti hime jennaani

26 inni waan jed'eeni, Anini nama waan kana tolchu imbeekhu. Takale duraani nati inhimne, d'ageetiini tiyyaleeni ammuma.

27 Jennaani Abrahamuuni reefi loonile Abimeleki kenne, duuba worri lachu wold'aqisa woliini tolfate.

28 Abrahamuuni elemiye torba ree keesaa fohe jennaani

29 Abimelekiini, Maani keesaa foote? jed'eeni.

30 Abrahamuuni waan jed'eeni, Elemiye tana torbaani fud'ad'u. Yo elemiye tana fud'atte, atini ya ee jette aka anini eela kana qotad'e.

31 Waan worri lachu achiti wolti kakhateefi fulla suni maqa Beersheba baasanifi.

32 Worri wold'aqisa kana Beershebati woliini tolfate jennaani, Abimelekifi Fikoliini kaani lafa Filistiti galani.

33 Jennaani Abrahamuuni Beersheba keesati d'uurte oobre, fulla mukha suniti AABBO Waaqa, ka haga jiru jireenna jiru, yaamate.

34 Abrahamuuni lafa Filisti keesa bulti heddu tae.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan