Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Uumama 2 - KITAABA WAAQA

1 Akanaani uumami lafafi gubba ch'ufumanu qit'ae.

2 Guyya torbeeso Waaqi huji ufii ch'ufa hobaamnaani boqote.

3 Duuba Waaqi guyya torbeeso eebise guyya jaba tolche; wonti akanatiifi Waaqi gaafasi huji uumama ch'ufa hobaase boqote.

4 Uumami lafafi gubba akasiini tahe. Gaafa AABBO Waaqi lafafi gubba uume,


Oobru Edeni

5 lafti marrafi gurbile inqabdu, yokhaani mid'aani tokoleeni imbaane; wonti akanatiifi AABBO Waaqi taka iti irroomne, nami lafa qotuleeni injiru.

6 Ammo hojja ch'ufa lafti oldabante, dabaani, fulla ch'ufa gahe lafa ch'ufa jiise.

7 Jennaani AABBO Waaqi biyye lafa iraa fuud'e nama tolche, hafuura jireennaa funaaniti afuufe, nami suni sunumaani jiraate lubbu argate.

8 Jennaani AABBO Waaqi lafa Edeni ta ilaboru jirtu keesati oobru fach'aase, nama mid'aase suni keesa kaye.

9 Inni mukeeni guddo ilti namaa jaalattu, ta mid'aani isii guddo sagale dansaa oobru suni keesati baase; ammalle wod'aka oobru suni keesati mukha jireennatiifi mukha waan dansaafi hamtu ch'ufa nama hubachiisu baase.

10 Galaani toko lafa Edeni keesaa bahe oobruti yae, achi keesati d'anqu afuri gargari bahe galaana afuri tahe.

11 Maqaani galaana qara Pishoni, inni ka lafa Habila, ta worqi qabdu, maru.

12 (Worqiini lafa suni qulqullo, ammalle qumbifi d'akha diima ch'ulkichati lafa suni jira.)

13 Galaani lameeso maqaani Gihoni, inni ka lafa Kushi maru.

14 Galaani sadeeso maqaani Tigrisi, inni ka lafa Ashuru ilaboru yau; ka afreeso maqaani Frati.

15 Jennaani AABBO Waaqi nama kaani fuud'e oobru Edeni keesa kaye, aka inni qote jabeesu.

16 Ammalle waan jed'eeni, Mid'aani oobru tana ke jira ch'ufa nyaad'i,

17 ammo mid'aani mukha waan dansaafi hamtu ch'ufa gargari nama hubachiisu inyaatini, yo nyaatte guyyuma suni doota.

18 Jennaani AABBO Waaqi waan jed'e, Nami kunini ka koba tau dansaniti, wahela isaa male tolchaafi.

19 Duuba inni biyye lafaa fuud'e bineensafi simpirre gosa ch'ufa mid'aase namichatiini d'ufe, aka maqa inni baasufi laalu; tana gula bineensi ch'ufti maqa argate.

20 Duuba namichi horifi simpirreefi bineensa ala ch'ufa maqa baaseefi; ammo waheli isaa male keesaa d'abe.

21 Jennaani AABBO Waaqi aka jaba isa rafise, duuba ato inni rafu, ch'inaacha isaa toko keesaa fuud'e, fulla suni akuma duriti deebise.

22 Duuba ch'inaacha keesaa fuud'ani kaani nama uwa tolche namichatiini d'ufe.

23 Jennaani namichi waan jed'e, Eegi ufi jibbaad'e, lafe lafe tiyya keesaa baate, yokhaani fooni fooni kiyya keesaa bahe ya argad'e; uwa isiini jed'ani, waan isiini d'iira keesaa baateefi.

24 Tanaafi d'iirti abbaafi haad'a ufii lakifte niiti ufitiini takaa taati, worri lamaani nafa takaa taha.

25 Namichafi niitiini qulla yaani, ammo gaafasi waan ch'eera imbeekhani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan