Uumama 15 - KITAABA WAAQA1 Eegi suni Abramuuni qonqo AABBO Waaqa ta daayya keesa iti d'ufte d'agaye. Qonqooni suni waan jette, Abramu, insodaatini, anini wonte sii tahe waan guddo sii tolcha. 2 Ammo Abramuuni waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, wonti guddooni ati na tolchitu maani naa baati, ka anini ilme inqamne? Ufuftu nami na d'aalu Eliezeri ka gosa Damaski. 3 Ati ijoolle tokole naa inkennine, amma nami na d'aaluyu tissuma tiyya. 4 Jennaani inni qonqo AABBO Waaqa ammalle d'agaye ta, Namichi kunini si ind'aalu, ilmuma kanke ka atini d'altuti si d'aala isaani jette. 5 AABBO Waaqi isa alati baase waan jed'eeni, Me, gubbaa ilaali, yo dandeete urji tana ch'ufa hedi; ilmaani tante hagasi geeti. 6 Abramuuni AABBO Waaqa d'ugeefate, maro d'ugefacha isaatiifi AABBO Waaqi isa maache nama d'ugaati isa herege. 7 Jennaani AABBO Waaqi waan jed'eeni, Anini AABBO Waaqa, ka lafa Uru ta Kaldayo keesaa si baase lafa tana sii kenne. 8 Jennaani Abramuuni waan jed'eeni, Ee Waaqa Gudda, anini akamiini beekha, aka lafti tuni tiyya taatu? 9 Inni waan jed'e, Goromsa tokofi reeti tokofi elemo toko, ka ch'ufti ganna sadi, sabaliisa gudda tokofi diqa toko natiini kooti. 10 Abramuuni waan kana ch'ufa Waaqatini d'ufe qale, fooni fulla lama ta haga taka gargari qoode gama gama naqe, ammo fooni simpirre gargari inqoonne. 11 Allaatini iti buute, ammo Abramuuni iraa gusse. 12 Aduuni d'iu geennaani hiribi guddaani Abramu qabate, hiriba suni keesa inni guddo nahe rifate. 13 AABBO Waaqi waan jed'eeni, Hubad'u, ilmaani tante lafa imbeenne keesati keessuma taate, tisse tolchani, haga ganna d'ibba afuri aka taka inargini gaargalchani. 14 Ammo anini gosa worra tissele tolchite wollaala iti mure gaargalcha; ilmaani tante, gaafa achii baatu, hori guddaani baati. 15 Atini ammo ganna heddu teete, gaafa dootu awaala dansa argatta. 16 Eegi d'aloota ababoota tanteeti ilmaani tante lafa tanati deebiti, wonti akanatiifi anini gosa Amori lafa tana keesaa imbaasu, haga ch'ubbuuni worraa guddatte guyyaani ani worra gaargalchu gahuuti. 17 Eegi aduuni d'iite lafti dukanoofte, eele ibidaa ta aara qabdufi ifseeni bobeetu mullatte jiddu fooni kaani baate. 18 Hojuma sunii achumati AABBO Waaqi Abramuuni wold'aqani waan jed'eeni, Anini lafa tana ch'ufa d'aloota keeti kenna, galaana Misiriti asi haga galaana gudda ka Frati jed'ani, 19 lafa worra Keni, ta Kenizi, ta Kadmoni, 20 ta Hiti, ta Perizi, ta Refai, 21 ta Amori, ta Kanaani, ta Girgashi, ta Yebusi ch'ufa kennaafi. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya