Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Uumama 1 - KITAABA WAAQA


Odu uumama

1 Gaafa qaraa fiit'e, Waaqi lafafi gubba uume.

2 Gaafasi lafti duwa, fuula inqabdu, aka injirtu, ammalle dukanti d'immu bisaani gubbaa jirti. Irreeni Waaqa guddooni bisaani gubbaa dedeemti.

3 Jennaani Waaqi waan jed'e, Ifsaani ha tahu; duuba ifsaani tahe.

4 Waaqi aka ifsaani suni dansa arge, ifsafi dukana gargari baase.

5 Jennaani Waaqi ifsaani guyya jed'e, dukanaani halkani jed'e. Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya qara.

6-7 Jennaani Waaqi waan jed'e, Wonti bisaani fulla lamati gargari baasa ha taatu. Duuba Waaqi waan suni mid'aase, akanaani bisaani waan suni gubbaa jirafi ka jala jirale gargari baase; duuba akuma suni taate.

8 Waaqi waan bisaani gargari baasa suniini Gubba jed'e. Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya lameeso.

9 Jennaani Waaqi waan jed'e, Bisaani lafa gubbaa jirani ha fulla tokoti wolti deebiani, aka biyyeeni godduuni mullattu; duuba akuma suni taate.

10 Waaqi biyye goddu suniini Lafa jed'e, ammalle bisaani wolti deebiani suniini Baariini jed'e; Waaqi wonti kunini dansa arge.

11 Waaqi waan jed'e, Lafti latte ha mukhaafi marra gosa ch'ufa baaftu, mukha mid'aani killetiifi mich'iraani qabuufi ka inqamnele, duuba akuma suni taate.

12 Duuba lafti latte mukhaafi marra gosa ch'ufa, ka mid'aani killetiifi ka mich'iraani qabuufi ka inqamnele baafte. Waaqi wonti kunini dansa arge.

13 Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya sadeeso.

14 Jennaani Waaqi waan jed'e, Ifsaani ha gubbaa mullattu, aka halkanifi guyya gargari beekhani.

15 Ammalle ifsaani kuni ha gubbaa ifsu, aka lafti ifsa argattu jed'e. Duuba akuma suni taate.

16 Akanaani Waaqi ifsa gugurda lama tolche, adu ta guyya mohatu, jia ka halkani mohatu; ammalle urjile mid'aase.

17 Inni ifsa suni gubbaa kaye, aka lafati ifse

18 halkanifi guyya mohate ifsafi dukana gargari baasu. Waaqi wonti kunini dansa arge.

19 Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya afreeso.

20 Jennaani Waaqi waan jed'e, Bisaani waan lubbu qaba heddu ha d'alani; simpirreleeni ha gubba qilleensa keesa bariftu.

21 Akanaani Waaqi bineensa gugurdafi didiqa ka bisaani keesa galu, simpirre gosa ch'ufale woliini uume. Waaqi wonti kunini dansa arge.

22 Waaqi waan kana ch'ufa eebise waan jed'e, Hora bula, baariini guuta; simpirreleeni, Hora, lafa ira dabra jed'e.

23 Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya shaneeso.

24 Jennaani Waaqi waan jed'e, Horifi bineensi gosa ch'ufa, guddafi diqaleeni, lafa gubbati ha d'alatu. Loonifi bineensa lafa ira lohufi bineensa gosa ch'ufa hedduleeni ha d'alatu; duuba akuma suni taate.

25 Akanaani Waaqi bineensa gosa ch'ufa, ka lafa ira lohufi ka illoonnefi ammalle horile ch'ufa, woliini uume. Waaqi wonti kunini dansa arge.

26 Jennaani Waaqi waan jed'e, Koota, nama mid'aasina fakeennafi akheekha keenna gula, aka inni qurt'umi baariinitifi waan gubbaa barisa ch'ufafi horifi bineensa allaatiifi waan garaani lafa ira lohu ch'ufale mohatu.

27 Akanaani Waaqi fakeenna ufii gula nama uume. Inni nama uwafi nama d'iira uume

28 eebiseefi waan jed'eeni, Ilmaani hora, lafa guuta fida, ammalle qurt'umi baariinitifi waan gubbaa barisatiifi waan lubbu qaba ka deemu ch'ufa mohad'a.

29 Jennaani Waaqi waan jed'e, Anini mukha mid'aani killetiifi ka mich'iraani qabuufi ka inqamnele ch'ufa ya isanii kenne, nyaad'a quufa.

30 Ammo bineensa miilaani lafa ira yaufi ka gubbaa barisufi ka lafa ira lohuleeni, ka lubbu qabu ch'ufti ha marraani fidamu; duuba akuma suni taate.

31 Waaqi wonti inni mid'aase ch'ufti guddo dansa arge. Galgali tahe diiramileeni tahe; kunini guyya jaeeso.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan