Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Tiitoo 3 - KITAABA WAAQA

1 Gumi teetiini, Dubbi jara lafa fidutiifi ta worra gugurda ch'aqasa, guuta, waan dansa ch'ufa tolcha jed'i qaabsiisi.

2 Hameenna nama tokole indubbatiina, ammo hojja ch'ufa nagayafi jaalafi adaba dansaani nama ch'ufa woliini taa jed'iini.

3 Wonti akanatiifi nuleeni duri daalle, dubbi inch'aqamne, ta wollaala tolchitu. Nu tissele d'araa nafatiifi gammada gosa ch'ufaa taane. Jireenna keenna ch'ufa daallumafi d'iibi keesa teenne. Nami hedduuni nu jibbe, nuleeni worra jibbine.

4 Ammo naasufi jaalalti Waaqa Qarqaarsa keenna mullannaani,

5 inni nu baase. Maro huji dansa nu hojannefiniti, ammo maro naasu isaatiifi nu baase, Lubbu Qulqullooni nu d'iqe, isiini d'aloota hareesafi jireenna haraa nuu kennite.

6 Wonti akanatiifi Waaqi guddiseti Lubbu ufi nura buuse, maro Yeso Kristo Qarqaarsa keennatiifi,

7 aka maro eeba isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne jireenna hegeri ka nu abdannu argannu.

8 Jechi kunini ka d'ugaati. Anini sii waan kana aka dansa jabeesitu fed'a, aka worri Waaqa d'ugefatu ch'ufti huji dansa jabeese hojatu. Wonti kunini waan dansa, nama ch'ufayu ira jirti.

9 Ammo wolmormiti daallumatiifi maqa heddu ka ababootatiifi woldidiisafi had'iisa waan seera lakisi. Wonti kunini ch'ufti woma tokole imbaatu.

10 Nama gargari nama baasu maro lama gorsi, duuba iti deebite maqale ind'aiini.

11 Nami akana kunini hama, dabi isaatu aka inni wollaala qabu agarsiisa.


D'aamsa nagaya

12 Yo anini Artema yokhaani Tikiko siti ergu, jabaad'u, Nikopoliti nati kooti, anini ya aka haga bulti qabanna achi tau heregad'e.

13 Zena, nama seeratiifi Apolo haga dandeetu qarqaari, aka worri imaltu ufi yau, waan worri fed'u ka woreega ch'ufa kenniifi.

14 Biyya teenna aka huji dansa tolchani aka waan fed'ani argatani barsiisi, ufuma intataiina jed'iini.

15 Jari na woliini jiru ch'ufti nagaya d'aama. Jaalaani teenna ta d'ugefatte nagaya nu fuud'i. Eebiti Waaqa isani ch'ufa woliini jiraatiinna.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan