Tiitoo 2 - KITAABA WAAQA1 Ammo atini, waan barsiisaani d'ugaa feetu barsiisu malte. 2 Jaaroleeni, Ufi iwolaaliina, qalbi horad'a, ufi qorqorad'a; d'ugefacha dansaafi jaalalafi obsa horad'a jed'iini. 3 Akasuma jaarole nad'eenileeni, Aka nad'eeni jireenna qulqullo qabdu taha jed'iini. Nama hamattani yokhaani tisse farsole intahiina jed'iini. Waan dansa barsiisu malte 4 aka nad'eeni kaima jaalala d'iirsatiifi ta ijoolle ufi baratte, 5 ufi qorqoratte qulqulloomte, hallaqoomafi adabaani d'iirsa ufi saalfattu, aka nami tokoleeni hameenna dubbi Waaqa indubbanne. 6 Akaskasuma kaimaleeni, Ufi qorqorad'a jed'iini. 7 Atini akheekha huji dansa waan ch'ufa keesati worraa tahi. Barsiisa tante jabeesi, aka dansa barsiisi. 8 Dubbi dansa ta nami dandae intufanne dubbad'u aka nyaapi kanke waan nuuni jed'u, d'abe ch'eeru. 9 Tisseleleeni ha abbooti ufi guutte waan tolchitu ch'ufaani gammachiiftu. Ammalle dubbi afaani keesa deebifte, 10 abbooti woma dura inhatiini. Ammo ha dansoomafi d'uga garsiisani, aka barsiisa Waaqa Qarqaarsa keenna, waan tolchani ch'ufa keesati, d'ugeesitu. 11 Wonti akanatiifi Waaqi ya eeba ufi, maro baafama nama ch'ufatiifi, mullise. 12 Eebiti sunini waan nuuni jettu, waan hamtu ka Waaqi infeenefi d'araa nafa lakisa, ufi qorqorad'a, qajeela, lafa tana keesa jireenna Waaqi fed'u keesa taa. 13 Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu. 14 Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu. 15 Waan kana nama barsiisi, jabeenna kanke ch'ufaani nama si ch'aqasu ch'ufa jabeesi, gorsi. Nami tokoleeni si intufatiini. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya