Sefania 3 - KITAABA WAAQA1 Gaargala kanke Yerusalemu, dira ch'ubbuuni iraa dabarte, ka Waaqa dide nama ufile dabse. 2 Inni AABBO Waaqa inch'aqamne yokhaani gorsa isaale imfud'anne. Ammalle inni AABBO Waaqa ind'ugeefanne yokhaani qarqaarsale inkad'anne. 3 Jaaroleeni isaa nyeench'a itanu fakaatti; jaallabooti isaa yai beeloofte fakaati, ta sabdoofte lafe haga boriti asi qorattu. 4 Raagooti isaa kiyyibdole, dubbini worraa d'uga inqabdu; qaaloleeni isaa waan qulqullo t'ureesite seera Waaqa yakite fed'i ufii gula tolchiti. 5 Ammo AABBO Waaqi ammalle dira suni keesa jira; waan d'uga male inni waan hamtu intolchu. Diirama ch'ufa ka inoolle dubbi gumi ufii d'ugaani qora; ammo nami d'uga inqamne ka dira suni, guyya ch'ufa ch'eera d'abe waan hamtu tolcha. 6 AABBO Waaqi waan jed'u, Anini gosa gari haguma geetunu ya fit'e; anini dira worraa ya balleese naabofi doofi worrale ona tolche. Diri ya one; karaani duwa — nami tokoleeni ka hafe injiru. 7 Anini waan gumiini tiyya na saalfatte gorsa kiyya fud'atte barsiisa tiyya qaabattu sehe. Ammo yo anini diqo jed'e, akuma qara kaani hameenna ufii tolchani. 8 AABBO Waaqi waan jed'u, Diquma na eega, guyya anini kae gosa ch'ufa himad'u eega. Anini ya kutad'e, aka gosa ch'ufa wolti yaame dallansu tiyya ira buusu. Lafti tunini ch'ufti dallansu tiyyaani baddi. 9 Duuba anini qalbi nama gosa ch'ufa garagalche qulqulleesa, aka worri maqa AABBO Waaqa ch'alla yaamate garaa tokooni isaa hojatu. 10 Lafa Kushi ta ind'iaannele keesa gumiini tiyya ta achi jirtu woini na d'ufti. 11 Gaafasi isani gumiini tiyya waan isani qara na diddanifi deebitani inch'eertani. Anini nama kiyyiba ufi saadu ch'ufa isani keesaa baase, isani deebitani gaara kiyya qulqullo irati mi mata d'aabdani ufi inguddiftani. 12 Anini achiti gumi balchiti, ta ufi inguddimne, ta qarqaarsa naraa fed'attu, lakisa. 13 Nami lafa Israeli keesati hafe waan hamtu nama intolchu, d'arale dubbate nama insobu. Worri, ka woma insodaanne, marrafi bisaani aka dansaa soorate quufa. Faaru gammadaa 14 Worra Israeli, sirba, qilit'ama! Garaa keesani ch'ufaani gammada, worra Yerusalemu! 15 AABBO Waaqi ya d'uga isanii galche; inni nyaapa keesani ch'ufa ya balleese. AABBO Waaqi, hayyuuni Israeli, isani woliini jira, deebitani waan hamtu insodaattani. 16 Guyyaani ind'ufa ka Yerusalemuni, Ee Sioni, sodaatte harki kanke inhollatiini! jed'ani. 17 AABBO Waaqi kanke si woliini jira, irre isaatiini nama dabsata. AABBO Waaqi siraa gammade, jaalala isaatiini jireenna haraa sii keenna. Inni sirbe siraa gammada, 18 akuma nami fulla jilati gammadu. AABBO Waaqi waan jed'u. Anini ya mudamsu gaargalaa isani iraa baase, ch'eera isani iraa fuud'e. 19 Hojja guyyaani sunini d'ufu, anini nama isani dabsu gaargalche, naafa ch'ufa baase worra ka boojianile galcha. Anini ch'eera worraa garagalche guddinna tolcha, duuba nami ch'ufti worra faarsa. 20 Hojja guyyaani sunini d'ufu, anini nama keesani ka boojiani galche, lafa ch'ufa keesa maqa dansa isanii kenne, ammalle hormaata isanii deebisa. Nami dubbi tana jed'e AABBO Waaqa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya