Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Sefania 1 - KITAABA WAAQA

1 Tunini dubbi AABBO Waaqaa, ta Sefania, ilma Kushi, ka ilma Gedalia, ka ilma Amaria, ka ilma Hezekiati d'ufte, gaafa Yosiani, ilmi Amoni, hayyu Yudaa.


Guyya AABBO Waaqi wollaala namati muru

2 AABBO Waaqi waan jed'e, Anini waan lafa gubba jira ch'ufa lafa ira balleesa —

3 namafi bineensafi simpirrefi qurt'umile. Anini worra ch'ubbu gaargalche badi itiini d'ufa. Ammalle nama ch'ufa balleesa, tokoleeni ka hafu injiru. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.

4 Anini nama Yerusalemu keesa taufi ka Yudale ch'ufa nyaapa iti tahe waan waaqa Baali jed'ani ka hafe ch'ufa balleese, maqa qaalole worra ta d'ara sunile deebiani inqaabatani.

5 Anini ammalle nama mana ufii kore adufi jiafi urji kad'atu imballeesa. Ammalle nama na durati maqa kiyyaani gajed'e kakhate ammo eegi suni garagale maqa waaqa Milkomu jed'aniini kakhatule balleesa.

6 Ammalle anini worra garagale na gula yau dide, ka nati d'ufe qarqaarsa naraa imfed'anne, imballeesa.

7 Guyyaani AABBO Waaqaa yad'iaate, guyyaani inni wo tolchu; duuba isa durati indubbatiina, ch'allisa. AABBO Waaqi kurfefachuu jira, aka gumi isaa aka aka sorio qaqalu.

8 AABBO Waaqi waan jed'u, Guyya sorio suni anini hojattufi ilmaani hayyutiifi worra gaad'a gochiti d'ibiini keeyattu naqatu ingaargalcha.

9 Ammalle anini nama aka nama Waaqa d'uga imbeenne kad'atu, ka wo hate nama ijeese mana abba isaa waan saamateeni guutu, ingaargalcha.

10 AABBO Waaqi waan jed'u, Guyya suni isani qonqo iyyanna Balbala Qurt'umi jed'aniti d'ageetani. Ammalle isani boha gama dira Yerusalemu hareesa keesati d'ageetani dibbeesa gara kubile d'ageetani.

11 Hojja waan kana d'ageetani, isani ka gama dira dullacha keesa teetani, boha iyya, wonti akanatiifi bunnat'uuni ch'ufti hobaate, nami qarsiini bunaqu ch'ufti lafa ira bada!

12 Gaafasi anini ifse fuud'e dira Yerusalemu soqe nama ufi d'aabate ufumaa tae kiyyibe, garaa ufii keesati Waaqi waan hamtufi toltu intolchu ufiini jed'u, ingaargalcha.

13 Hori worraa iraa saamani mana worrale ch'ufa balleesani. Worri haguma jiru mana jaarate kana keesa intau yokhaani oobru zabibu ta oobratani tana daad'i iraa ind'ugani.

14 Guyyaani jabaani AABBO Waaqaa ya d'iaate — arifate d'ufu jira! Guyyaani sunini guyya laalala taha, askartiini jannileeni guyya suni ufi jibbaatte iyiti!

15 Guyyaani sunini ka dallansu, ka gaargalafi d'ipu, ka balleesafi badi, ka dukanaafi bolgoda, ka dumansaafi huri,

16 guyya magalata lolaa d'aani askartiini dira jajabaafi doofi d'ed'eertu iyyite haatu taha.

17 AABBO Waaqi waan jed'u, Anini gaargala namatiini d'ufa, aka nami ch'ufti balla tahe jaanjuru. Waan worri nati ch'ubbamefi, d'iiga worraa aka bisaani lafati jissani, reefa worrale aka d'oqe lafati d'opani.

18 Guyya AABBO Waaqi dallanu, qarsifi worqiini worraleeni dandeete worra imbaaftu. Lafti ch'ufti dallansu isaatiini gubati. Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa yoosu maro tokotu hobaasa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan