Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Roomaa 9 - KITAABA WAAQA

1 Wonti anini jed'u kunini waan d'ugaati; anini ka Kristoti, inkiyyibu. Qalbiini tiyya, Lubbu Qulqullo keesa, aka anini inkiyyimne nati himti.

2 Lalefachaani tiyya waan guddo, d'ukubsachaani tiyyaleeni inhobaatu, maro gosa tiyya ta d'iigafi nafa kiyya.

3 Maro worraatiifi anini sila aka Waaqi na abaarre, Kristoni woli hanqannu fed'a.

4 Worri gumi Waaqi fohate; ilmaani ufi worra tolche, guddinna ufi worra woliini qoodate; wold'aqisa ufi worra woliini tolche Seera kenneefi; kad'acha d'uga qabani; ya kakhu Waaqa argatani;

5 worri d'aloota jaarole duriiti, Kristoleeni d'aloota gula gosa worraati. Waaqa ka waan ch'ufa fidu haga jiru ha guddisani! Amini.

6 Anini, kakhuuni Waaqa ya badde injed'u; wonti akanatiifi gochiti Israeli ch'ufti worra Waaqi fohateniti.

7 Yokhaani d'alooti Abrahamu ch'ufti ijoolle Waaqatiniti; wonti akasiitifi Waaqi waan Abrahamuuni jed'e, Ijoolle Isaaqo ch'allati ilmaani tante taha.

8 Tanaafi ijoolleeni aada nama gula d'alatte ta Waaqatiniti; ammo, ijoolleeni kakhu Waaqatiini d'alatte aka d'aloota d'uga heregani.

9 Waaqi akana kakhate, Yo hojjaani geete anini gadeebie Saraani ilma d'alti.

10 Tana ch'allaaniti. Ilmaani Rebeka lamaani abba toko, qabdi abaabo keenna Isaaqo.

11-12 Ammo Waaqi aka ilmaani lamaani tana keesa, hujiini isaa gurba tokooni guutamtu, gurba toko fohate waan haad'aani jed'e, Angafati maand'icha hojata. Waaqi maro waan dansa gurbaani tolcheefi isa infohanne ammo fed'uma ufitiifi fohate.

13 Akuma t'aafiini jettu, Anini Yakobo jaalad'e Esau jibbe.

14 Maani jenna re? Waaqi d'uga imbeekhu? Hiyyo, akasi injennu.

15 Wonti akanatiifi inni waan Musani jed'e, Anini nama fed'u naha, nama fed'u qarqaara.

16 Tanaafi wonti nami tolchu yokhaani fed'u woma keesa injirtu, ammo naasu Waaqaati waan ch'ufa dura jira.

17 T'aafiini waan Faraoni jettu, Anini maro waan kanatifi hayyu si tolche, aka jabeenna kiyya si garsiise maqa kiyya lafa ch'ufa barsiisu.

18 Tanaafi Waaqi nama fed'u naha, nama fed'ule mata jabeesa.


Dalansufi naasu Waaqa

19 Hegeri atini waan naani jettu, Yo wonti kunini d'uga taate, Waaqi akami wollaala namati mura? Eentu dandae waan Waaqi fed'u dida?

20 Ammo, atini eennu kana, ka Waaqaani akana jettu? Eeleeni faara nama isi d'aeeni, Maafi akana na d'oofta injetti?

21 Nami eele suni d'au, akuma fed'u d'oqe tolcha, yo fed'e eele lama d'oqe tokooni mid'aasa, yo fed'e ta gati guddo yokhaani ta gati diqo mid'aasa.

22 Wonti Waaqi tolcheleeni akasuma. Inni dalansu ufi agarsiise jabeenna ufi nama beesisu fed'e. Tanaafi inni eele iti dalane diquma imballeesini suni guddo obseefi.

23 Ammalle inni durooma guddinna ufi mullisu fed'e, ka eele ta inni nahufiti naqani, worra inni kurfeese aka guddinna ufi qooduufi.

24 Worri inni yaame nuu, Yahudi ch'alla keesaaniti ammo gosa d'ibile keesaa yaame.

25 Wonti akanatiifi inni kitaaba Hosea keesati waan jed'u: Worra kiyya intahiini, Kiyya jed'e yaama, gosa duri injaalanne, Bad'aasoole jed'e yaama.

26 Fulluma duri, isani worra kiyyaaniti jed'aniti, achiti Ilmaani Waaqa Jiru jed'aniini.

27 Isayani waan Israeli dubbate waan jed'u: Ato gochiti Israeli haga maansa afaani galaana geetele, haguma diqa toko ch'allati baafama;

28 wonti akanatiifi Waaqi d'iotu lafa ch'ufa wollaala iti mure balleesa.

29 Akuma duri Isayani jed'e, Ato sila Aabbo Waaqi guddaani ilmaani teenna hambisu baate, nu ya arra kale worra Sodoma taane worra Gomora imfakaatini.


Waan Israeliini d'uga inarganneefi

30 Maani jenna re? Wonti nu jennu tana: Gochiti d'ibiini ta d'uga imbarbaanne maro d'ugefachatifi d'uga argatte;

31 ammo Israeliini, ta Seera Waaqaatiini d'uga barbaadde d'uga inarganne.

32 Maafi akana? Maro waan tolchani d'ugefachaani intolchiini ammo hujiini tolchanifi. Tanaafi worri gufu d'akhaa,

33 ta t'aafiini baantuti gufata: Ilaali, anini Sioni keesa d'akha nami iti gufatu kaya, d'akha irati jigani. Ammo nami isa d'ugefatu inch'eeru.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan