Roomaa 8 - KITAABA WAAQA1 Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi. 2 Wonti akanatiifi seeri Lubbu, ka jireenna maro Kristo Yesotiifi nuu kennu, ya seera dabaatiifi ka duisa jala naa baase. 3 Waan seeri maro laafinna nafatiifi tolchu dad'abe, Waaqi ya tolche. Inni daba nafa nama keesa jiru wollaala iti mure, Ilma ufi erge, ka nafa namatiini d'ufe sorio daba balleesitu tahe. 4 Wonti Waaqi waan kana tolcheefi, aka waan d'uga ka Seeri fed'u nuu tolchani, nu ka ammatana nafa gula iyaane ammo Lubbu gula yaanu. 5 Worri waan nafa gula yau waan nafa herega. Worri waan Lubbu gula yau waan Lubbu herega. 6 Nami waan nafa heregu indua, ammo nami waan Lubbu heregu jireennafi nagaya argata. 7 Tanaafi nami waan nafa heregu nyaapa Waaqaa taha; inni Seera Waaqa inguutu, guutule indandau. 8 Worri herega nafa gula deemu Waaqa dandae ingammachiisu. 9 Ammo isani herega nafa gula iyaatani, ammo herega Lubbu gula yaatani, yo d'uguma Lubbuuni Waaqa isani keesa jiraatte. Nami Lubbu Kristo inqamne ch'ufti ka isaatiiniti. 10 Ammo yo Kristoni isani keesa jiraate, ato dabi nafa keesani ijeesele d'ugaani lubbu teesani jiraachifti. 11 Yo Lubbuuni Waaqaa ta Yeso duisa keesaa kaafte isani keesa jiraatte, yoosi ka Yeso duisa keesaa kaase nafa keesanile jireenna inkenna, Lubbuuni isaa ta isani keesa jirtuuni. 12 Tanaafi oboleyaani tiyya, nafi keenna woma nura inqabu, aka nu fed'i isaa gula yaanu. 13 Wonti akanatiifi yo fed'i nafa keesani gula deemtani indootani; ammo yo Lubbuuni nafa keesani ijeeftani injiraattani. 14 Worri Lubbu Waaqa gula yau ilmaani Waaqaati. 15 Lubbuuni Waaqi isanii kenne sunini tisse isani intolchitu ammalle isani insodaachiiftu; ammo Lubbuuni ilmaani Waaqa isani tolchiti, ammalle jabeenna Lubbutiini Waaqati boonne, Aabbo, Aabbo jenna. 16 Lubbuuni Waaqa lubbu teennaani taka taateti, Worri kunini ilmaani Waaqa jette nu d'ugeesiti. 17 Waan nu ijoolle isaa taaneefi eeba inni ijoolle ufiiti kennu ind'aalla, ammalle Kristo woliini waan Waaqi isaa olkaye d'aalla; wonti akanatiifi yo nu Kristo woliini gaargalle guddinna isaa eegi tana qoodanna. Guddinna hegeri 18 Waan anini sehu, gaargali nu amma argannu kunini guddinna nu hegeri argannuuni wolti ind'ufu. 19 Uumami ch'ufti haga Waaqi ilmaani ufi mullisuuti abdi guddooni eega. 20 Wonti akanatiifi uumama ch'ufa ilaallaani, Woma imbahu jed'ani. Inni maro fed'i ufitiiniti, ammo maro Waaqi akasi fed'eefi akana tahe. Ammo abdi tanati jira: 21 uumama ch'ufaa guyya toko tissooma shama keesaa baasani, balchooma dansa ka ilmaani Waaqa qabdu argata. 22 Nu imbeenna, aka haga amma uumami ch'ufti aka nad'eeni ch'ininfattu d'ukubsatu. 23 Uumama ch'allaaniti, nu ka mid'aani qara ka Lubbu qamnu, nuleeni, ato aka Waaqi d'ufe ilmaani isaa nu tolfate nu baasu teteenne eegannu imboonayu. 24 Nu abdiini baafamne; ammo yo waan abdannu arganne, wonti sunini iti deebite abdi intaatu. Eentu waan ilaani argu abdata? 25 Ammo yo waan ingarre abdanne, obsaani eeganna. 26 Akasuma Lubbuleeni d'ufte nu qarqaarti, ato lalaafo taanele. Nu aka kad'achu malle imbeennu; Lubbuti Waaqa nu kad'ata, waasa nami dandae afaaniini injenneeni. 27 Ammalle Waaqi, ka garaa nama ch'ufa argu, herega Lubbu imbeekha. Wonti akanatiifi Lubbuuni waasaani Waaqa kad'atti maro gumi isaatiifi ammalle fed'i isaa gula. 28 Nu imbeenna, aka waan ch'ufa keesati Waaqi worra isaa jaalatu, ka inni fed'i ufitiini yaame, waan dansa tolchuufi. 29 Worra duri Waaqi fohate inni ya olkaye aka ilma isaa fakaatu aka oboleyaani hedduu ilmi angafa tahu. 30 Tanaafi Waaqi worra duri olkaye kaani yaame; yaamicha ch'allaaniti ammo d'uga heregeefi; d'uga ch'alla inherenneefi ammo guddinna ufile worraa qoode. Jaalala Waaqa Kristo Yeso keesa 31 Ka waan ch'ufa garru, nu maani jenna? Yo Waaqi gama keenna jiraate, eentu dandae nu dabsata? 32 Inni Ilma ufile nu ind'owanne, ammo nu ch'ufaa baase! Inni ka Ilma ufi nuu kenne, waan nu feenu ch'ufa tolaani nuu inkennu? 33 Eentu gumi Waaqi fohate himata? Waaqi, Worri wollaala inqabu ya jed'e! 34 Eentu dandae wollaala worrati mura? Kristo Yesoni la due, ammalle la duisa keesaa kaasani harka mirga ka Waaqa teesisani; inni Waaqa nu kad'ata. 35 Eentu dandae jaalala Kristo keesaa nu baasa re? Gaargalafi hameennafi d'aanichafi beelafi hiyyumafi lubbufi duisileeni indandaa? 36 Akuma t'aafiini jettu, Maro kanketiifi lubbuuni guyya ch'ufa nu bira ejiti, aka hooliye qalmaa geesani nu tolchani. 37 Hiyyo, waan kana ch'ufa nu maro nama nu jaalatuufi dabsanna! 38 Anini imbeekha, aka wonti tokoleeni dandeete jaalala isaatiini gargari nu imbaamne: duisafi jireennileeni; malaikafi jabeenni gubbaa jiruleeni; waan ammatiifi ka hegerileeni; 39 lafa gubbatiifi lafti gadileeni — wonti tokoleeni ta jaalala Waaqaatiini gargari nu baaftu injirtu, ta maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi teenna taate. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya