Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Roomaa 6 - KITAABA WAAQA

1 Maani jenna re? Aka eebiti Waaqa iti guddattu daba keesa teenna?

2 Hiyyo, akasiiniti! Nu gara dabaatiini ya doone, akami yoosi haga jirru ch'ufa daba keesa teenna?

3 Isani waan kana imbeetaniniti? Gaafa nu Kristo Yeso keesa batifamne duisa isaa keesa batifamne.

4 Batiso teennaani nu isa woliini doone awaalamne, aka, akuma guddinna Abbatiini Kristo duisa keesaa kaasani, nuleeni jireenna haraani jiraannu.

5 Yo duisa isaatiini nu isaani takaa taane, kaisa isaaleeni takaa taana.

6 Nu waan kana imbeenna: finna keenna dullacha ya Kristo woliini maskali gubbati fannisani, aka jabeenna nafa dabaa balleesani, aka nu iti deebine tissele daba intaane.

7 Wonti akanatiifi eegi nami due nama jabeenna dabaa jalaa baasani.

8 Yo nu Kristo woliini doone ind'ugefanna aka isa woliini jiraannu.

9 Nu imbeenna, aka Kristoni duisa keesaa kae, iti deebie indoone, duisi iti deebie gara isaati jabeenna inqabu.

10 Dooti inni due guyya tokotu gara dabaatiini due; jireenni hareesi inni qabu gara Waaqaatiini jira.

11 Akasuma isanileeni aka nama gara dabaatiini due ammo gara Waaqaatiini jiru ufi herega, Kristo Yeso keesa.

12 Dabi iti deebie nafa keesani imohatiini, aka isani d'araa nafa keesani gula iyaane.

13 Yokhaani mita nafa keesani tokole dabati illakisina, aka waan hamtuuni intolchine. Ammo Waaqaa ufi kenna, aka nama duisa keesaa jireennati kaasani, ammalle mita nafa keesani ch'ufa aka huji dansaani tolchani baasa.

14 Wonti akanatiifi waan isani Seera jala injirre ammo eeba Waaqa jala jirtaniifi dabi isani imohatu.


Tissele d'uga

15 Maani re? Waan nu Seera jala injirre ammo eeba Waaqa jala jirruufi daba tolchina? Hiyyo, akasiiniti.

16 D'uguma isani waan kana imbeetani: yo ee jettani aka tisse nama ch'aqaftani, isani tisse abba suniti, yokhaani tisse dabaati, ta duisaani d'uftu, yokhaani tisse namaa saalfatu ta d'ugaani d'uftu.

17 Ammo galati Waaqa imbadiini! Duri isani tissele dabaati, ammo amma garaa keesani ch'ufaani barsiisa argattani ch'ufa guutani.

18 Daba jalaa baattani tissele d'uga taatani.

19 Anini maro laafinna nafa keesanitiifi akana dubbad'a. Duri isani tissele t'uritiifi ta waan hamtu taatani hameenna jabeesitani. Akasuma ammalle tisse d'uga ufi tolchu maltani, aka qulqulloomtani.

20 Gaafa duri isani tissele daba, isani d'uga ira woma inqabdani.

21 Tanaafi amma waan ch'eera ka tolchitani kana dansooma maani ira argattani? Muummeeni waan kana dua!

22 Ammo amma isani ya daba jalaa baatani tissele Waaqaa taatani; maro waan kanatifi amma jireenni keesani ch'ufti qulqullo, eegi tana jireenna hegeri argattani.

23 Wonti akanatiifi gatiini daba duisa; ammo toli Waaqa jireenna hegeriiti, maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan