Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Roomaa 2 - KITAABA WAAQA

1 Ilaali, jaala kiyya, atini wollaala namati murta? Wonti atini tolchituufi injirtu, abba feetu taanaanile. Yo wollaala namati murte, ammo waan worri tolchu tolchite, atini wollaala ufiti murta.

2 Nu imbeenna, aka yo Waaqi worra waan akana kana tolchu wollaala iti muru inni d'ugaa qabu.

3 Ammo jaala kiyya, wollaala namati murtu suni atileeni intolchita. Waan mura Waaqa duraa baatu ufi seeta?

4 Hegeri arjoomafi naasufi obsa isaa tuffatta. D'uguma arjooma Waaqa, aka inni daba ira si deebisu fed'u, inagarta.

5 Ammo garaani kanke jaba hama. Tanaafi atini qorsuma tante, ta gaafa dalansufi qorsumaani Waaqa ta d'ugaa mullattule, iti darachu jirta.

6 Waaqi nama ch'ufa huji inni tolche gula galata kennaafi.

7 Nami gari waan dansa tolcheti guddinnaafi ulfinnafi jireenna ind'umanne barbaadata: nama akana kana Waaqi jireenna hegeri kennaafi.

8 Nami gari ufo, waan qajeela dideti waan hamtu gula yaa: worra akana kana Waaqi dalansu iti baafata.

9 Worra hameenna tolchu ch'ufa gaargalafi d'ukubsachati eegata, qaraa fiit'e Yahudi eegi suni gosa d'ibi.

10 Ammo Waaqi worra d'uga tolchu guddinnaafi ulfinnafi nagaya kenna, qara Yahudi, eegi suni gosa d'ibi.

11 Wonti akanatiifi Waaqi nama gargari imfiilu.

12 Nami Yahudi intahiini ka Seera Musa inqamne seera male daba tolche bada. Nami ato Seera qabu daba tolchu Seera jalati qorama.

13 Maro Seera d'agayaniifi Waaqa durati d'uga inargatani, ammo maro waan Seeri fed'u tolchaniifi d'uga argatani.

14 Gochiti d'ibiini Seera inqabdu; ammo yo fed'i ufitiini waan Seeri fed'u tolchitu, worrumati seera ufi taha, ato Seera qabaachu dibatele.

15 Adabi worraa aka waan seeri fed'u garaa worraa keesati t'aafani agarsiisa. Qalbiini worraa aka wonti kunini d'uga agarsiifti, waan hojja gari heregi worraa worra himate hojja gari worraa dubbatufi.

16 Duuba Odu Dansa anini odeesu gula, wonti kunini guyya Waaqi, maro Yeso Kristotiifi, waan garaa nama keesa jiru qoru taati.


Waan Yahudifi Seera Waaqa

17 Atini ho? Yahudi ufiini jette; Seera d'aabatte, Waaqa beekha jette ufi guddiftu;

18 waan Waaqi siraa fed'u imbeeta, ammalle aka qajeeluma fohatani, ya Seera iraa baratte;

19 atini aka nama ballaani deemte, nama dukana keesa jiru ifse taatu, ufi beeta.

20 Ammalle aka daalle qajeelchite nama wo imbeennele barsiiftu imbeeta. Ammalle aka Seera keesa hubachaafi d'ugaani jirtu imbeeta.

21 Atini ka nama barsiiftu maafi ufi imbarsiimne? Atini ka inhatina jetteetini nama barsiiftu ma hatta?

22 Ka d'iirafi nad'eeni wolbarate garayu wolintolfati jettu ufi ma tolchita? Atini ka waan harkaani boch'ani jibbite, maneeni waaqa isaani keesa wo hatta?

23 Atini ka Seera Waaqa qaba jette, ufi guddiftu, maafi Seera isa ch'absite Waaqa ch'eersita?

24 Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Maro isani Yahuditiifi gochiti d'ibiini maqa Waaqa arabsiti.

25 Yo Seera guute qabanqabaani tante wo sii baati; ammo yo Seera ch'absite qabanqaba qabachu d'ibaatele womaniti.

26 Yo gochiti d'ibiini ta taka qabanqaba inqabatini Seera Waaqa guute, Waaqi aka nama qabanqaba qabate worra inheregu?

27 Duuba gochiti d'ibiini isani Yahudi qorti. Ato Seera t'aafatani qabanqaba qabatanile, atini Seera ch'absita, ammo worri ato qabanqaba qabachu d'ibaatele Seera jabeesa.

28 Ilaali Yahudiini d'ugaa ta qabanqaba qabate eennu; nama qabanqaba qabate alaani Yahudi fakaatuniti;

29 ammo Yahudiini d'ugaa nama garaani isaa d'ugumaani Yahudi tahu, ka garaani isaa qabanqaba qabate, wonti kunini huji Lubbu Waaqati, huji Seera t'aafaniitiniti. Nami akana kunini Waaqa iraa ulfinna argata nama iraa inargatu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan