Roomaa 14 - KITAABA WAAQA1 Nama d'ugefacha laaftu qabu indidiina, ammo waan inni jed'u imorminaani. 2 D'ugefachaani nama toko waan ch'ufa isa inyaachifti ammo nami d'ugefacha laaftu qabu sagaluma laaftu nyaata. 3 Nami waan ch'ufa nyaatu nama waan ch'ufa inyaanne intufatiini; ammalle nami sagale laaftu ch'alla nyaatu nama waan ch'ufa nyaatu intufatiini; wonti akanatiifi Waaqi ya isa ee jed'e fud'ate. 4 Atini eennu kana ka hojattu nama d'ibi qortu? Abba isaa ch'allati jabeennaafi laafinna isaa beekha. Inni injabaata, maro Aabbooni dandae isa jabeesuufi. 5 Nami gari waan guyyaani gari ka d'ibi ira jiru seha, ammo ka gari guyya ch'ufa haga taka seha. Nami ch'ufti aka dansa herega ufi jabeesu male. 6 Nami guyya toko jaba sehu maro Aabbootiifi seha; nami waan ch'ufa nyaatuleeni maro Aabbootiifi nyaata, waan inni ato sagale suni inyaatini Waaqa galata deebisuufi. Nami sagale gari nyaachu diduleeni maro Aabbootiifi dida, innileeni Waaqa galata deebisaafi. 7 Nami ufuma jiraatu injiru, ammalle nami ufuma duu injiru; yo jiraanne Aabboofi jiraanna, 8 yo doonele, Aabboofi doona. Yo jiraanneefi yo doonele duuba nu ka Aabbooti. 9 Wonti akanatiifi Kristoni aka nama jiruufi ka duele abba tahuufi due kae. 10 Tanaafi atini maafi oboleesa kanke qorta? Yokhaani atini maafi oboleesa kanke tuffatta? Nuuni ch'ufti fuula Waaqa dura ejanna, aka inni nu qoru. 11 Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Aabbooni waan jed'u, Waaqi anuma, namale ka d'ibiini injiru, ammalle nami ch'ufti na durati jilbifate aka anini Waaqa hima. 12 Tanaafi nuuni ch'ufti waan tolchine Waaqa durati himachu malle. Wolingufachiisiina 13 Tanaafi duuba, woli qoriiti lakimna. Fulla isii waan kana kutannaa: waan oboleesa keenna gufachiise daba keesa buusa intolchinu. 14 Beekhi anini Aabbo Yeso beekhu aka wonti tokoleeni t'uri inqamne nati hima; ammo yo nami waan wonti toko t'uri qabdu sehe, isaa t'uri qabdi. 15 Yo wonti atini nyaatuu oboleesa kanke d'ukubsite, jaalalti si keesa injirtu. Sagaleeni atini nyaattu nama Kristoni duefi imballeesini! 16 Wonti atini waan dansa seetu maqa hama inhoratiini. 17 Wonti akanatiifi Finni Waaqa waan nyaatani d'uganiiniti, ammo d'ugaafi nagayafi gammada Lubbuuni Qulqullooni namaa kennitu. 18 Nami kara kana gula Kristo hojatu Waaqa gammachiise namale quufsa. 19 Tanaafi nu hojja ch'ufa waan nagaya nu kennaafi ta woli jabeesiti barbaadu malle. 20 Sagalee jettani waan Waaqi tolche iyakina. Sagale gosa ch'ufa nyaachu malani, ammo sagale nama d'ibi daba keesa buuftu nyaachu himmalle. 21 Wonti qajeela aka foonifi daad'iifi waan d'ibi ta oboleesa kanke daba keesa buuftu lagatani. 22 Aada waan kana ta d'ugefattu ufiifi Waaqa ch'allati d'ofad'u. Ayyaana nama suni ka yo waan garaani isaa jaalatu tolche wollaala ufiiti imurre! 23 Ammo yo inni waan nyaatu garaa tokooni inyaanne, Waaqi wollaala iti mura, hojja inni nyaatu, maro d'ugefachaani waan inni tolche suni bira injirreefi. Wonti d'ugefachaani bira injirre ch'ufti daba. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya