Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Roomaa 12 - KITAABA WAAQA

1 Tanaafi oboleyaani tiyya maro naasu Waaqa guddotiifi anini isani kad'ad'a; aka sorio jirtu Waaqaa ufi baasa huji isaa hojad'a isa gammachiisa. Tunini aada d'ugaa ta isani tolfachuu maltani.

2 Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.

3 Maro eeba Waaqi naa kenneefi anini waan isani ch'ufaani jed'u: Ufi saaddani ufi inguddisiina. Ammo herega keesani keesati ufi diqeesa, ammalle nami ch'ufti d'ugefacha Waaqi isaa kenne gula ha ufi qoruuti.

4 Nafi nama mita heddu qaba, ammalle mitaani tunini ch'ufti huji ufi qabdi.

5 Akasuma ato nu nama heddule taane, Kristo keesa nuuni ch'ufti nama toko, ammalle akuma mitaani nafa ch'ufti wolti ejitu, nuleeni wolti ejina.

6 Tanaafi waan qamnu ch'ufaani eeba Waaqi nuu kenne gula hojachu malle. Yo hujiini teenna dubbi Waaqa odeesiti taate, d'ugefacha Waaqi nuu kenne gula odeesu malle.

7 Yo namaa hojanne, aka dansa hojachu malle. Yo nama barsiimne, aka dansa barsiisu malle.

8 Yo nama d'ibi jabeesine, aka dansa jabeesu malle. Nami waan harkaa qabu namaani gahu fed'u ha arjoomaani gahuuni; nami nama dura deemu ha aka dansa dura deemu; nami namaa nahu ha gammadaani nahu.

9 Jaalalti ha waan d'ugaa taatuuti. Waan hamtu jibba, waan dansa jabeesa.

10 Aka oboleyaani Kristo keesa woli jaalad'a, ammalle woli ch'eera.

11 Aka dansa hojad'a, ufuma intataiina. Garaa owaani Aabbo hojad'a.

12 Abdiini teesani gammada isanii kennina, gaargala argattani obsaa, hojja ch'ufa Waaqa yaamad'a.

13 Waan qabdaniini oboleyaani gaargala qabdu qarqaara. Worra keesaniti keessuma bulcha.

14 Worra isani gaargalchu eebisa; ee, eebisa, inabaariina.

15 Worra gammadu woliini gammada, worra bohu woliini boha.

16 Nama ch'ufaani wold'aqa. Ufi inguddisiina, ammo huji isani diqeesitule hojad'a. Qaro ufi insehiina.

17 Yo nami waan hamtu isani tolche waan hamtu isa intolchiina. Waan nami ch'ufti dansa sehu ch'alla tolcha.

18 Haga dandeetani gama keesaniini, nama ch'ufa nagayaani woliini taa.

19 Haalo imbaafatiina, jaalaani tiyya, ammo ha dalansuuni Waaqaa haalo isani baaftuuti. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Anati haalo baasa, Aabbooni akana jed'e jetti.

20 Ammo akuma t'aafiini jettu: Yo nyaapi kanke beela qabaate, nyaachisi; yo inni d'eebu qabaate, bisaani obaasi; yo waan kana tolchite, ch'ile owitu mata isaa gubbati guurta.

21 Hameenni sii indabsatiini, ammo hameenna dansoomaani dabsad'u.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan