Roomaa 11 - KITAABA WAAQA1 Anini isani gaafad'a duuba, Waaqi ya gumi ufi dide? Hiyyo, akasiiniti. Nafi kiyya gosa Israeliti, d'aloota Abrahamu, balbala Benjamini. 2 Waaqi gumi ufi indinne, ta inni haguma qarati fohate. Waan t'aafiini jettu inuma beetani, aka Eliyaani fuula Waaqa durati Israeli himatu: 3 Aabbo, worri ya raagoota tante fit'e, fulla sorio irati sii baasani ch'ach'absani; naa ch'allati hafe, ammalle nale ijeesu fed'ani. 4 Waaqi maani isaani jed'e? Anini nama kunki torba ka waaqa d'ara ka Baali jed'ani inkad'atiini qaba. 5 Hojja tanale akasuma: gumi diqo toko ta Waaqi fahateti jira, maro naasu isaatiifi. 6 Fohachaani isaa waan naasu isaati, waan worri ufiini tolfateeniti. Yo fohachaani Waaqa waan nami tolchu barbaadde, yoosi naasuuni isaa d'uganiti. 7 Maani re? Gochiti Israeli waan barbaadde inarganne. Gumi diqo toko ta Waaqi fohateti waan barbaadde arge; jari kaani ch'ufti yaamicha Waaqati duudaa tahe. 8 Akuma t'aafiini jettu, Waaqi ya qalbifi garaa worrale daalleese; guyya kanale ilaani lafa inargani, gurraleeni woma ind'agayani. 9 Ammalle Daudiini waan jed'u, Jila worra keesati worra qaqabani hid'inna, ha jiganiti, ha gaargalchaniti! 10 Ilti worra ha dukanooftuti, aka lafa ingarre; ammalle gaargali ha dudda worra ch'absuuti. 11 Woni anini gaafad'u: Gaafa Yahudiini gufate isiini ya jidde badde? Hiyyo akasiiniti. Maro worri dabeefi baafami ya gosa d'ibiti d'ufe, aka akasiini Yahudiini worra qot'iftu. 12 Yo Yahudiini daba tochinaani eeba guddooni lafati d'ufte, ammalle laafte ch'ubbu tolchinaani durooma guddaani gosa d'ibii d'ufte, deebiini worri Waaqati deebiu eeba hagami guddoti! Baafami ka gosa d'ibiti 13 Anini amma isani gosa d'ibiti dubbachu jira: haga anini hojattu gosa d'ibi tahu anini huji tiyya inowisa. 14 Hegeri gochiti tiyya na qot'ifte kara kanaani anini worra garile baasa. 15 Wonti akanatiifi gaafa worra didani, lafti ch'ufti Waaqaani wolti araaramti. Tanaafi gaafa worra fud'atani maal taati? Worri dueleeni injiraata. 16 Yo qit'a qara bukheesani Waaqaa kennani, yoosi qit'aani ch'ufti ka isaati; ammalle yo hidda mukha Waaqaa kennani, dameleeni tami isaati. 17 Damele ejersa oobru keesa jiru ta gari ya ch'ach'absani, dame ejersa raasa keesa jiruti mat'ansani. Isani gochiti d'ibiini aka ejersa raasa jiru jirtani, amma jireenna lubbu dureesa ka Yahudi qoodattani. 18 Tanaafi amma worra aka damele ch'absani intufatiina. Akamiini ufi guddiftani? Isani akuma damele jirtani; hidda inqabdani, hiddati isani qaba male. 19 Ammo isani waan jettani, Damele ch'ach'absani akasiini fulla isii nuu kennani jettani. 20 Tunini d'uga. Maro worri ind'ugefatiiniifi ch'ach'absani, ammo isani fulla teesani maro d'ugefattaniifi keesa teetani. Waan kanaafi ufi inguddisiina, ammo sodaad'a. 21 Waaqi Yahudiyu ta aka dame mukha jirtu illakimne, waan inni isani lakisu seetani? 22 Armati aka Waaqi naasufi jabeenna qabu ingartani. Inni worra jige ingaargalcha, ammo isanii naha, yo isani naasu isaa gula yaatani; ammo yo isani gula iyaane, isanileeni inch'abdani. 23 Yahudi, yo garaa laafte d'ugefatte, fulla isiiti deebisani, waan Waaqi worra deebisu dandaufi. 24 Isani gochiti d'ibiini aka damele ejersa raasa keesa jiru, ta ch'ach'absani jirtani, ammo aada male isani ejersa oobru keesa jiruuni wolti mat'antani. Yahudiini aka mukha oobrani kana jirti; tanaafi guddo Waaqaa laaftu, aki inni damele mukha kana ta ch'ach'absani ka d'ibiti mat'ansu. Naasu Waaqa gara nama ch'ufa 25 Waan d'ossani toko ta d'ugaati jira, oboleyaani tiyya, anini aka isani baratani fed'a. Anini isanii guddo qaro ufi seetani infed'u. Wonti kunini tana: mata jabeenni gosa Israeli waan haga hegeri taatiniti ammo eegi gochiti d'ibiini ch'ufti Waaqati deebitu inhobaa. 26 Israeliini ch'ufti kara kanaani baafamti. Akuma t'aafiini jettu, Qarqaarsi Sioni keesaa d'ufa, inni hameenna ch'ufa d'aloota Yakobo keesaa baasa. 27 Anini wold'aqisa kana worra woliini tolcha, gaafa anini daba worra iraa fuud'u. 28 Maro isani gosa d'ibitiifi Yahudiini waan Odu Dansa diduufi nyaapa Waaqati. Ammo maro Waaqi ababoota worrati jed'e worra fohateefi worri jaallaani isaati 29 Waaqi qalbi ufi worra fohate eebise iraa garaingalfatu. 30 Ammo isani gochiti d'ibiini duri Waaqa diddani, amma ya naasu Waaqa argattani maro Yahudiini diddeefi. 31 Akasuma, waan isani naasu argattaniifi, Yahudiini amma Waaqa ch'aqasu diddi, aka worrileeni amma naasu Waaqa argatu. 32 Wonti akanatiifi Waaqi nama ch'ufa ya ch'ubbu worraa keesati hid'e aka nama ch'ufaa nahu. Waan faaru Waaqa 33 Duroomi Waaqaa waan gudda! Qalbifi hubachaani isaa waan guddo! Eentu waan inni muru beekha? Eentu kara isaa hubata? 34 Akuma t'aafiini jettu: Eentu qalbi Aabbo beekha? Eentu dandae isa gorsa? 35 Eentu taka woi isaa kenne, aka inni galata deebisuufi? 36 Waan ch'ufa isati uume, wonti ch'ufti maro isaatiifi jirti, ammalle isaani jirti. Guddinni gara Waaqa haga hegerile ha jiraatuuti! Amini. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya