Roomaa 10 - KITAABA WAAQA1 Oboleyaani tiyya, garaani kiyya yo sila gochiti tiyya ch'ufti baafamte guddo gammada! 2 Anini aka worri Waaqa guddo jaalatu d'uga intahaafi. Ammo beekha gulaaniti. 3 Worri kara Waaqi d'uga namaa hereguuni imbeekhu, ya kara ufi mid'aafachu barbaadani; tanaafi kara Waaqi d'uga namaa hereguuni ya didani. 4 Wonti akanatiifi Kristoni ya Seera muumme baase, aka nami d'ugefatu ch'ufti d'uga argatu. Baafami ka nama ch'ufaati 5 Wonti Musani t'aafe ta aka nami Seera guutu d'uga argatu tana: Nami waan Seeri jed'uuni tolchu injiraata. 6 Ammo d'ugaani nami d'ugefate argattu waan jettu, eennuti gubba d'aqa injed'ina (aka Kristo gadi buusani). 7 Yokhaani eennuti boola keesa seena injed'ina (aka Kristo duisa keesa kaasani). 8 Wonti isiini jettu tana, Dubbini Waaqa d'aatu tante jirti, hid'i tante gubbafi garaa kanke keesa jirti, dubbi d'ugefacha ta nu odeesinu. 9 Yo atini afaani kanketiini, Yesoni Aabbo jette, ammalle aka Waaqi duisa keesaa isa kaase d'ugefatte imbaafamta. 10 Wonti akanatiifi yo nami garaa ufitiini d'ugefate d'uga argata, afaani ufitiini himate baafama. 11 T'aafiini waan jettu, Nama isa d'ugefatu tokole inch'eersani. 12 Wonti akanatiifi jiddu Yahuditiifi gosa d'ibile wolhanqooni injirtu; Waaqi Aabbo, inni nama ch'ufa imohata, nama isa yaamatu ch'ufa ineebisa. 13 Akuma t'aafiini jettu, Nami Aabbo yaamatu ch'ufti imbaafama. 14 Ammo yo qara ind'ugefatiini, akami isa yaamatani? Yo dubbi ind'agayiini, akamiini d'ugefatani? Yo dubbi iti inodeesiini akamiini d'agayani? 15 Dubbi akamiini odeesani yo nama odeesu inergiini? Akuma t'aafiini jettu, Miili worra odu dansa odeesu akami mid'aaga! 16 Ammo nami ch'ufti Odu Dansa imfud'anne. Isayani waan jed'e, Aabbo, eentu dubbi teenna d'ugefate? 17 Tanaafi d'ugefachaani yo dubbi d'agayani d'ufti, dubbi yo waan Kristo hasaani d'agayani. 18 Ammo woni anini gaafad'u, Worri dubbi d'uguma ind'ageenne? Laki, ya d'agayani, akuma t'aafiini jettu: Qonqooni isaani lafa ch'ufa keesa deemte, dubbini isaani muumme lafa geete. 19 Ammalle woni anini gaafad'u, Gochiti Israeli imbaranne? Musani qara waan jed'u: Anini gosa gosa intahiini fuud'e isani akasiini, obsa d'owa. Gosa daalliti fuud'e isani dalansiisa. 20 Ammalle Isayani guddo garaa jabaate waan jed'u: Worra na barbaaduti injirreti na arge, worra na ingaafanneti mullad'e. 21 Ammo waan Israeli inni waan jed'u, Anini harka kiyya guyya toko ch'ufa gosa inch'aqamne ta dubbi ind'ageenne dura qabad'e. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya