Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Roomaa 1 - KITAABA WAAQA

1 Maqaani kiyya Paulo, hojattu Kristo Yesotiifi ergattu Waaqi fohate yaame, aka Odu isaa Dansa odeesu.

2 Odu Dansa tana Waaqi duri afaani raagootatiini kakhate t'aafi qulqullo keesati t'aafani.

3 Isiini waan Ilma isaa Aabbo keenna Yeso Kristo himti: inni d'aloota nafatiini ilma Dauditi,

4 ammo gara Lubbu Qulqullo gula aka inni Ilma Waaqa jabeennaani nama agarsiisani, waan duisa keesaa isa kaasaniifi.

5 Maro isaatiifi Waaqi na fohate ergattu maro maqa Kristotiifi na tolche, aka gosa ch'ufa d'ugefachiise fud'achiisu.

6 Yo gosa ch'ufa jed'ani, isani worri Rumileeni, ka Yeso Kristoni yaame jara ufi tolche, worra suni keesa jirtani.

7 Tanaafi anini gara gumi Rumi keesa jirtu ta Waaqi jaalate nama ufi tolfateti t'aafa: Waaqa Abba keennatiifi Aabbo Yeso Kristoni nagaya isanii kennina.


Galata deebisani

8 Qaraa fit'e anini Waaqa kiyya Yeso Kristo keesa galata deebisa, maro isani ch'ufatiifi, waan lafti ch'ufti d'ugefacha teesani d'ageeteefi.

9 Waaqi anini irre tiyya ch'ufaani hojad'e Odu Dansa Ilma isaa odeeseeti naa d'uga. Waaqi aka anini

10 hojja kad'ad'u ch'ufa isani qaabad'u imbeekha. Anini Waaqa kad'ad'a aka fed'i isaa gula inni na dandeesise, anini amma gara keesani d'ufu.

11 Wonti akanatiifi anini guddo isani argu fed'a, aka kenna Lubbu ta isani jabeesitu isanii kennu.

12 Wonti anini jed'u tana, anaafi isanileeni wolqarqaarra: d'ugefachaani tiyya isani qarqaarte, teesanileeni na qarqaarti.

13 Waan kana qaabachu maltani, oboleyaani tiyya: anini maro heddu imaltu gara keesani d'ufu fed'e, ammo hojja ch'ufa woiti na d'owe. Ya jiddu teesanile nama d'ugefachiisu fed'e, akuma gosa d'ibi keesa tolche.

14 Nami ch'ufti gati nara qaba, nama aada beekhufi ka imbeennele, ka woi beekhufi ka woma imbeennele.

15 Tanaafi anini isani worra Rumile Odu Dansa guddo iti odeesu fed'a.


Jabeenna Odu Dansa

16 Wonti akanatiifi anini Odu Dansa iraa inch'eeru: isiini jabeenna Waaqa ka worra d'ugefate ch'ufaani baasani, qaraa fiit'e Yahudi eegi suni gosa d'ibi.

17 Wonti akanatiifi Odu Dansa keesa Waaqi kara inni d'uga nama hereguuni agarsiisa: karaani suni d'ugefacha ch'alla. Akuma t'aafiini jettu, Nami Waaqi maro d'ugefachatifi d'uga hereguufi injiraata.


Ch'ubbu nama ch'ufa

18 Dalansuuni Waaqa ya mullatte gubbaa gadi buute, daba worra hamama ch'ufa ira buute. Worri hameenna ufitiini d'uga mullachu d'owa.

19 Wonti akanatiifi wonti nami waan Waaqa beekhu dandau ch'ufti diida keesa teeti Waaqati worra beesise.

20 Haga Waaqi lafa uume jabeenna isaa ka hegeretiifi, waaqoomi isaaleeni, ato ilaani argu baatani, ya waan inni tolche keesa aka dansa mullate.

21 Worri Waaqa imbeekha, ammo ulfinna isaa male kennuufi didani, yokhaani galatale isa indeebisani. Ammo heregi worra ya daallae, mataani worra ka qalbi inqamne ya dukanae.

22 Qalbi qamna ufiini jed'ani, ammo daalle tahani;

23 fulla sila Waaqa indoone ulfeesani waan harkaani boch'ani ka nama yokhaani simpirre yokhaani bineensafi waan lafa ira loha fakeesani ulfeesani.

24 Waan nami akana daalleefi, Waaqi ya worra lakise, aka waan hamtu ka garaani worraa d'araufi tolchani waan ch'eera woli tolchani.

25 D'uga Waaqaa lakisani waan d'ara tolchani, Waaqa ka waan ch'ufa uume lakisani, waan inni uume kad'atani ulfeesani. Inni haga hegeri ha guddifamu! Amini.

26 Maro waan nami tolchuufi, Waaqi ya waan hamtu ka ch'eera worrati lakise. Nad'eeni ya aada ufi ta rifane lakifte waan aada male taate.

27 D'iirtileeni ya nad'eeni lakifte wolid'araate. D'iirti waan ch'eera woltolchite, akanaani gaargala argachu malte nafa ufi keesa argatti.

28 Maro biyyiti waan d'uga Waaqa barachu diddeefi, inni ya qalbi hamtuti worra lakise, tanaafi waan tolchu himmalini tolchani.

29 Ya hameennafi ch'ubbufi sabdoomafi t'uriini guutamani; wolqot'isani, wolijeesani, wolhad'ani, wolsobani, wolhamatani. Duddaduuba wolnyaatani,

30 hameenna woli dubbatani; Waaqa jibbani, kiyyibaani, ufi saadani, ufi guddisani; kara heddu ka hameennaani tolchani heregani; worra ufiti insaalfatani;

31 hameenna gula yaani, kakhu ufi injabeesani, nama d'ibi inahani yokhaani iyaalani.

32 Worri aka Waaqi nami waan kana gula yau duaa male jed'u imbeekha. Ammo taatule waan kana tolchu illakisani, ammalle nama waan kana tolchule wolti quufani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan