Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Qaabacha Seera 8 - KITAABA WAAQA

1 Seera anini arra isani kenne kana jabeesa guuta, aka isani jiraattani, hortani lafa AABBO Waaqi ababoota teesani kakhate fud'attani.

2 Aka AABBO Waaqi keesani ganna afurtama kana, lafa aloo ta gamooji tana keesa isaaniini deeme, qaabad'a; inni aka isani ilaalatu gaargala isaniti erge, aka waan garaa keesani keesa jirafi aka isani seera isaa guuttani beekhu.

3 Inni sagale isani d'owe isani agabse, eege sagale manna jed'ani ta taka isanifi abbootini teesani inyaatini isanii kenne. Wonti inni akasi tolcheefi aka nami qit'a ch'allaani injiranne ammo dubbi afaani AABBO Waaqa keesa baatuni jiraatu isani barsiisu fed'a.

4 Ganna afurtama suni keesa woyaani teesani taka jaarte inch'ich'inne, yokhaani miili keesanileeni taka inuranne.

5 Garaa keesani keesa beekha, akuma abbaani ilma ufi ka jallatu d'aane qajeelchu AABBO Waaqileeni akasuma d'aane isani qajeelcha.

6 Tanaafi akuma AABBO Waaqi isaniini jed'e tolcha: aada isaa gula fidama, isa sodaad'a.

7 AABBO Waaqi keesani lafa gabbotini isani d'ufa — lafa galaanafi maddaafi bisaani lafa jala oliyaani, baleefi gaareeniti baafatani, qabdu;

8 lafa dargaye, garbu, zabibu, oda, okhoku, ejersafi damma qabdu.

9 Achiti isani imbeeloftani, yokhaani womafu ingaabitani. Lafa suni d'akhayeeni isii sibiila baafte, gaareeni isiile keesa sibiila diima qotani.

10 Isani nyaattani quuftani, maro lafa gabbo inni isanii kenneefi AABBO Waaqa keesani galata deebiftani.


Gorsa aka nami Waaqa indeene gorsani

11 Eegad'a, aka AABBO Waaqa keesani indeene; seerafi aada isaa ta anini ara isanii kenne tana guutu illakisina.

12 Hojja nyaatani quuftani maneeni dadansa jaarratani keesa teetani,

13 ka loonifi reeni teesanifi qarsifi worqi teesanifi wonti isani qabdani ch'ufti lafa ira dabarte.

14 Eegad'a aka kiyyibdani ufi saaddani, AABBO Waaqa keesani ka lafa Misiri, ta tisse iti taatani, keesa isani baase indeene.

15 Inni lafa aloo ta gamooji ballo hamtu, fulla bofi had'aa qabuufi qaanjibbuni jirtu keesa isaniini deeme. Lafa goddu d'eebicha ta bisaani inqamne suni keesa inni ch'alalaqa d'akha keesaa bisaani isanii yaase.

16 Lafa gamooji ta aloo suni keesati sagale manna jed'ani, ta ababooti teesani taka inyaatini, isanii kenne. Inni aka isani ilaalatu gaargala isaniti buuse, aka eegi tana isani eebise, waan dansa isaanii kennu.

17 Eegad'a, aka garaa keesa, Nu irre teennafi jabeenna keennaani duuroomne injenne.

18 Qaabad'a, nami irre duroomtanini isanii kennu AABBO Waaqa keesani. Wonti inni akasi tolchufi, waan inni wold'aqisa inni ababoota teesani woliini tolfate, haga arrale gula deemuufi.

19 Deebitani AABBO Waaqa keesani inded'ina, yokhaani Waaqa d'ibiti garagaltani kad'attani inhojatina. Yo isani akasi taatani, anini arra Inuma dootani jed'e isani gorsa.

20 Yo isani AABBO Waaqa d'agayu diddani, akuma gosa taani ta inni isani dura balleese isanile balleesa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan