Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Qaabacha Seera 7 - KITAABA WAAQA

1 Hojja AABBO Waaqi keesani lafa isani fud'attani iti qubachu geetani tanaani isani d'ufe, inni gosa lafa suni keesa jirtu isani duraa baasa. Inni gosa torba gugurdo ta gosa teesani ira jirtuufi ta ammalle irre isani ira qabdu isani duraa baasa: gosa Hiti ta Girgashi ta Amori, ta Kanaani ta Perizi, ta Hivi ammalle ta Yebusi.

2 Ammalle hojja AABBO Waaqi keesani worra kana harka keesaniti kenne isani worra dabsattani. Worra ch'ufa haguma worri gahunu balleesuu maltani. Wold'at'ani golli woli intahina, diqole worraa innahina.

3 Woli infuud'ina, ilmaani teesani dubra worraa infuud'iini, ilmaani worraleeni dubra teesani infuud'iini;

4 wonti akanatiifi yo akasi taatani worri ilmaani teesani AABBO Waaqa iraa gorse waaqa d'ibi kad'achiisa. Yo wonti sunini taate, AABBO Waaqi isaniti dallane maro tokotu isaani balleesa.

5 Duuba waan isani taatani, fulla worra ta woyyu ch'ufa balleesa, d'akha woyyu ka worri old'ad'aabe ch'ufa ch'ach'absa, akheekha waaqa worra ka Asheri jed'ani ch'iraa balleesa, waan worri boch'e aka waaqa yaamatu ch'ufa gubba balleesa.

6 Wonti isani akasi tahu maltanifi waan isani worra qulqullo AABBO Waaqa keesaniitifi. Gosa lafa ch'ufa keesa jirtu keesaa AABBO Waaqi isani fohate, gumi ufi isani tolfate.

7 Waan isani heddatani gosa d'ibi ira jiraattanifi AABBO Waaqi isani jaalate isani infohanne; isani qarale gosa ch'ufa ira diqo.

8 Ammo AABBO Waaqi isani jaalate kakhu inni ababoota teesani kakhate guute. Tanaafi inni jabeenna isaa guddaani isani baase, harka Farao, hayyu Misiri, ka isani tisse isaa taatani keesaa isani baase.

9 Beekha, AABBO Waaqa keesani ch'allati Waaqa, ka dubbi ufi guutu. Inni wold'aqisa ufi guute, jaalala ufile d'aloota kunki ka nama isaa jaalate seera isaa guutu agarsiisa;

10 ammo nama isaa jibbu maruma tokotu balleesa.

11 Duuba tanaafi waan isani barsiisani kana guuta, gula yaa: aadaafi seera anini arra, isanii kenne kana jabeesa guuta.


Eeba nama Waaqaa saalfatu
( Qaabacha Seera 28.1-14 )

12 Yo isani dubbi tana ch'aqaftani garaa tokooni gula deemtani, AABBO Waaqi keesani wold'aqisa isani wold'at'ani kana guute jaalala ufii isani garsiisa, akuma inni ababoota teesaniti kakhate.

13 Inni isani jaalate isani eebisa, aka isani daraartani ilmaani heddu d'alttani; inni oobru teesani eebise, duuba isani mid'aani, daad'i, d'ad'ale keesa argattani ammalle inni isani eebise loonifi reele horattani. inni waan kana ch'ufa lafa inni ababoota teesani kakhate keesati isanii kenna.

14 Gochiti tokoleeni ta aka keesani eeba akana tana argatu injirtu. Isani keesa nami namafi horiini isa maseenu injiru.

15 AABBO Waaqi fayyad'aba ch'ufa isani iraa d'owa. D'ukubi hamaani isani lafa Misiri keesati argattani kaani deebie isanitini ind'ufu, ammo nyaapa keesani ch'ufa itiini d'ufa.

16 Gosa ch'ufa ka AABBO Waaqi keesani harka keesaniti kennu balleesa diqole inahiinaafi. Waaqa worraa inkad'atiina, yo kad'attani ya t'urura keesa buutani.

17 Isani hegeri, gochiti tunini nura guddo, nu akami dandeenne lafa tana keesa baamna? injed'ina.

18 Insodaatina; waan AABBO Waaqi keesani Faraofi worra Misiri ch'ufa tolche qaabad'a.

19 Gaargala hama isani ila teesaniini gartanifi waan jabdu ka mamatiifi irreefi harka jaba AABBO Waaqi isaaniini baase qaabad'a. Akuma inni worra Misiri gaafasi balleese, akasuma worra isani sodaattani kana ch'ufale balleesa.

20 Inni worra mudamsiise, worra baqate d'okhatule balleesa.

21 Tanaafi worra kana insodaatina. AABBO Waaqi keesani isani woliini jira; inninu Waaqa gudda ka sodaatani.

22 Tokuma tokooni gosa tana ch'ufa, ato isani d'uftanu, isani duraa balleesa. Dandeetani maruma tokooni imballeesitani, wonti akanatiifi, yo isani akana tolchitani, bineensi ala lafa ira dabre isani dabsatafa.

23 AABBO Waaqi keesani worra harka keesaniti kenne, haga worri badduti, worra mudamsiisa.

24 Inni hayyoota worra harka keesaniti kenne, isaani worra ijeeftani, maqa worra lafa keesaa balleesitani. Nami tokoleeni dandae isani ind'owu, haga isani worra ch'ufa balleesitaniti.

25 Waan worri boch'e aka waaqa kad'atu ch'ufa guba balleesa. Qarsifi worqi waan suniti jirtu d'araatani infud'atina. Yo akasi taatani ya t'urura keesa ufi buuftani wonti akanatiifi wonti suni waan AABBO Waaqi guddo jibbu.

26 Waan Waaqi jibbu kana tokole mana keesani keesa inkayina: hegeri abaarsi waan suni isaniti deebia. Waan aka waaqa kad'attani kana ch'ufa jibba, tufad'a, wonti akanatiifi AABBO Waaqi ya waan suni ch'ufa abaare.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan