Qaabacha Seera 4 - KITAABA WAAQA1 Jennaani Musani waan biyyaani jed'e, seerafi waan anini isaani barsiise ch'ufa jabeesa guuta, aka lafa AABBO Waaqi, ababoota teesaniini, isanii kennu fud'attani. 2 Waan anini isani barsiise waan d'ibi iti indarina, ammalle womale keesaa imbaasina. Seera AABBO Waaqaa keesani, ka anini isaanii kenne, jabeesa guuta. 3 Isani waan AABBO Waaqi gaara Baal-Peoriti tolche yayu gartani. Inni nama artiti Baal-Peori kad'ate ch'ufa imballeese, 4 ammo isaani ka AABBO Waaqa keesani d'ugeefattani gula yaatani arrale inuma jirtani. 5 Anini akuma AABBO Waaqi kiyya naani jed'e ya seera ch'ufa isani barsiise. Lafa amma isani diquma fud'attani iti inqubatini suni keesaleti, seera kana jabeesa guuta. 6 Garaa tokooni jabeesa guuta, gula deema, aka akanaani gochiti d'ibileeni aka isani qaroo beetu. Hojja seera kana ch'ufa d'ageetani, gochiti tunini, akami qaroomafi hubacha akana tana qabdi? jette wolgaafati. 7 Gochiti tokoleeni ta, ato haga feetu jabdu taatele, waaqa aka AABBO Waaqa keenna jiru, ka hojja isiini gaargala qabdu worrati gadi d'iaate qarqaaru qabdu injirtu. Inni hojja nu qarqaarsa isa kad'annu ch'ufa, nu d'agaya. 8 Gochiti tokoleeni ta ato aka feetu jabaatele, seera d'uga aka anini arra isani barsiise kana qabdu injirtu. 9 Kurfefad'a, eega! Aka dansaa mid'aafad'a, aka waan ilaani gartani kana haga jirtani indeene. Ilmaani teesaniifi ilmaani ilmaani teesanile, 10 waan guyya isani AABBO Waaqa keesani gaara Sinaiti dura ejitani iti hima. Inni gaafasi waan naani jed'e, Biyya wolti baasi, anini worra waan anini jed'uuni d'agayu fed'a, aka worri waan anini jed'uuni kana barate, jabeese, ilmaani worrale aka isiini na sodaatu barsiisu. 11 Ilmaani teesani iti hima, aka isani duri d'at'ani hunda gaara aarii dumansa d'osse bobai ibida waaqati eje jala ejaanjitani. 12 Ammalle aka AABBO Waaqi ibida keesa isaaniini dubbate, ammo ka isani, dubbi isaa male waan isa fakaata tokole inarginile ch'ufa iti hima. 13 Inni aka isani wold'aqisa inni isani woliini tolfate kaani jabeesitani ya isaniti hime — isani Seera kud'annaani inni d'akha lamaani hahafalicha kaani irati t'aafe jabeesitani guutuu maltani. 14 AABBO Waaqati seera ch'ufa ka isani lafa isani amma fud'atani iti qubachu geetani tana keesati guutu maltani worra barsiisi naani jed'e. Aka waan harkaani boch'ani kad'atani nama seerani 15 Gaafa AABBO Waaqi ibida keesa gaara Sinai irati isaniini dubbate, isani waan isa fakaata tokole ingarre. Tanaafi ira jirti teesaniifi aka dansaa mid'aafad'aa hubad'a, 16 aka isani waan boch'ani kad'attani d'iira yokhaani nad'eeni 17 yokhaani bineensafi, simpirre, 18 waan garaani lafa ira loatifi qurt'umi, mid'aafatani ch'ubbu intolchine. 19 Ufi eegad'a aka ilaalacha keesa seentani waan gubbati gartani adu jia, yokhaani Urjiifa guddiftani kad'atani inhojanneefi. AABBO Waaqi keesani yayu waan kana biyya taani d'ibii kenne, aka worri kad'atu. 20 Ammo isani worra inni lafa Misiri ta aka boola ibida keesaa baase, haga arrale nama ufi isani tolfate. 21 Maro teesanifi AABBO Waaqi keesani naati dallane kakhate atini galaana Yordani taakite lafa anini worra Israeliti kennu inseentu naani jed'e, 22 Anini galaana gama intaaku, lafuma tana keesati dua, ammo isaani taakitani lafa gabbo suniti ya qubachu geettani. 23 Jabaad'a, aka wold'aqisa AABBO Waaqaani woliini tolfatani kaani indeene. Jecha isaa jabeesa, aka waan boch'ani kad'atani tokole ufii imid'aafanne. 24 Wonti akanatiifi AABBO Waaqi keesani aka bobaa ibida jira; inni nama isaani morku inoobsu. 25 Ato lafa suni keesati turtani ilmaanifi akhakhotale d'altani waan boch'ani kad'atani mid'aafattani inch'ubbamiina. wonti akanatiifi fuula AABBO Waaqa durati wonti kunini waan hamtu, ammalle isa dallansiifti. 26 Lafafi gubbaleeni arra d'uga tiyya aka, hojja isani na d'ugefachu diddani, lafa ira hobaatani. Lafa Yordanini gama, ta isani diquma iti inqubatini taanile guddo keesa inteetani keesa isani balleesani. 27 AABBO Waaqi gosa ch'ufa keesa gargari isani firfirse, aka fiigi keesani nama tatake tahu. 28 Achiti isani waaqoota heddu harki namaa mid'aase, waaqa mukhatifi ka d'akha, ka wo arge yokhaani ind'ageenne ka wo nyaate yokhaani insuumne kad'attani hojattani. 29 Achiti isani AABBO Waaqa keesani barbaaddani duuba yo isani garaa tokooni barbaaddani, inuma gartani. 30 Yo wonti hedduuni isaniti buute, gaargali isani qabate, isani eege AABBO Waaqa keesaniti deebitani d'ugeefatani. 31 Inni Waaqa naasuti, isani lakise imballeesu, ammalle wold'aqisa inni abbooti teesani woliini tolfate kaani inded'u. 32 Waan dabre, ka gaafa isani ind'alatini, ka haga gaafa Waaqi nama lafati uume asi, lafa ch'ufa ke yaa, barbaada, laala. Wonti guddooni akana taka yayu taate? Nami tokoleeni taka waan akana kana yayu d'agaye? 33 Nami tokoleeni, ka Waaqa ibida keesa dubbate, aka isani d'ageetani kana d'agaye lubbu bulle injira? 34 Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche. 35 Wonti AABBO Waaqi waan kana ch'ufa isani garsiisefi, aka, isa male, waaqi d'ibiini injirre, isani garsiisa. 36 Inni qonqo isaa gubbaa isani d'ageesise, aka akasiini woi isaniti himu, lafa tana iraleti ibida isaa qulqullo isani garsiise ammalle ibida suni keesaa isaniini dubbate. 37 Waan ababoota teesani jaalateefi inni isani fohate jabeenna isa guddaani lafa Misiri keesaa isani baase. 38 Ato isani ga d'uftanu inni gosa jabdu irre qabdu taani jabeenna isaatini lafa tana keesaa isani duraa gusse, lafa isaani arrale teetani tana. 39 Tanaafi arra inded'ina qaabad'a AABBO Waaqi Waaqa gubbatiifi lafale, isa male kad'ibini injiru. 40 Aadaafi seera isaa, ka anini arra isanii kenne kana ch'ufa d'ugeefad'a, duuba isanifi ilmaani teesanileeni nagayaani teetani. Ammalle isani lafa AABBO Waaqi keesani isani kennu tana haga jiru jireenna keesa teetani. Dira heddu Yordanini ilaboru ka iti baqatani 41 Jennaani Musani dira sadi ka Yordanini ilaboru kobaa baase, 42 aka nami nama nyaapa isaa intahini danu ijeese iti baqate nagayaani achi tau. Nami sunini dandae dira kana tokoti baaqata, aka inijeemne. 43 Gosa Reubeni, dira Bizeri ka gooro lafa aloo gubba jiru, kennaniifi; gosa Gadi, dira Ramothi, ka lafa Gileadi keesa jiru, kennaniifi gosa Manasele, dira Golani, ka lafa Bashani keesa jiru, kennaniifi. Aka Seera Waaqa namaa kennani 44 Musani Seera Waaqatifi barsiisa isaa gumi Israeliti kenne. 45-46 Gaafi inni seera kana kenneefi sunileeni eegi worri lafa Misiri keesaa bahe, bale galaana Yordanitini ilaboru jirtu, ta dira Beth-Peoritini gama jiru. Fullaani suni lafa hayyu Sioni, jed'ani ka gosa Amori ka dira Heshboni ke jirti. Hayyuuni suni ka duri Musafi gumiini Israeli, gaafa lafa Misiriti d'ufte dabsate. 47 Worri lafa isatifi lafa Ogu, hayyu Bashani, ka gosa Amori ta Yordanini ilaboru jirtu fud'ate. 48 Lafti tunini haga dira Aroeri, ka afaani galaana Arnoni iraa baate, mirga, gaara Sirioni ka maqaani d'ibiini Amoriti ejite. 49 Ammalle lafti galaana Yordanitini ilaboru haga bitaa galaana sooda, ammalle ilaboru gula, haga hunda gaara Pisga ch'ufti, lafa sunini takaa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya