Qaabacha Seera 33 - KITAABA WAAQA1 Tunini eeba Musani, nami Waaqa, ato induiinu, gumi Israeliti eebise. 2 AABBO Waaqi gad'ufe; aka adu lafa Edomuti bahe, gumi isaa gaara Parani iraa iti ifse. Malaikaani qulqullooni kuma kud'ani isa woliini jirti, harka isaa ka mirga bobaa ibidati jira. 3 AABBO Waaqi gumi ufii jaalate, nama ufii qorqorata. Tanaafi nu isaa jala teenne seera isa baranna. 4 Seera Musani nu worra Yakobooti keenne, aka seeri sunini keenna tahu, ch'aqamne guunna. 5 Akanaani AABBO Waaqi hayyu gumi isaa Israeli tahe, gaafa jaaroleefi gochiti worra ch'ufti wolti baate. 6 Musani waan gosa Reubeni akana jed'e: Gochiti Reubeni haguma jirtu inhobaiini, ha jiraatu, ato worri gosa diqo taatele. 7 Waan gosa Yuda inni akana jed'e: Ee AABBO Waaqa qonqo gosa worra Yuda ch'aqasi, gosa taanini wolti deebisi. Worraa kalchi, AABBO Waaqa nyaapa worra iraa d'owi. 8 Waan gosa Lawi inni akana jed'e: Ee AABBO Waaqa atini fed'i tante kara Urimutifi Thumimutiini nama agarsiifte, gosa Lawi, hojattu tante ta d'ugaatini dubbatta; atini Massati worra laalate, fulla bisaani Meribati d'uga worraa agarte. 9 Worri abbaafi, haad'afi, oboleyaanifi ilmaani isaani ira si jaalate, sii saalfate, dubbi tante ch'aqase wold'aqisa kanke jabeese. 10 Worri ijoolle ufii ta Yakobo aada tante barsiise, Seera kanke ilmaani Israeli barsiisa; worri sorio fulla sorio iti qalaniti sii baasa. 11 Tanaafi, AABBO Waaqa, gosa worra eebisi jabeesi, huji worrale ee jed'i fud'ad'u. Nyaapa worrale ch'ufa ququrt'i, hobaasi, aka worri deebie inkaane. 12 Waan gosa Benjamini inni akana jed'e: Tunini gosa AABBO Waaqi jaalate qorqoratu: inni guyya ch'ufa worra tisse keesa qubata. 13 Waan gosa Yusufu inni akana jed'e: AABBO Waaqi lafa worraa bokaya iti buuse madda worrale burqisisinna. 14 Ammalle adu baase mid'aani worraa dansa, ka woga ch'ufale, bilcheesina. 15 Gaari worra, ka haguma duriti jiru, ha mid'aani dansaani guutamu. 16 Lafti worraa ha waan dansa ch'ufaani guutamtu. Waan dansa AABBO Waaqi, ka gurbi bobeetu keesa dubbate, dansuma ufiitini eebisu. Eebiti tunini ch'ufti ha gosa Yusufu d'aqabduti waan inni oboleyaani isaa ch'ufati gudda taheefi. 17 Yusufuuni haga korma looni jabaata, gaafa aka gafarsa qaba. Gaafi sunini toko ilmaani kunki heddu ta Manase, kaani ilmaani kunki kud'ani heddu ta Efraimu. Gaafa sunini inni gosa ch'ufa tumate haga muumme lafaa d'iiba. 18 Waan gosa Zabulonifi Isakari inni akana jed'e: Gochiti Zabuloni ha bunaqa worra ka bisaani keesatini duromtuti. Gochiti Isakari ha worrati horate deebantu. 19 Worri gaara worraati nama gosa d'ibi yaame, sorio adaa achiti baasa. Worri galaana keesafi maansa afaani galaana keesa woi guurate woi horata. 20 Waan gosa Gadi inni akana jed'e: Nami gosa Gadi lafa guddo kenneefi ha eebifamu. Gochiti Gadi aka nyeench'aa gaade kurfefate, aka harkaafi gube mataa tarsaaftu. 21 Worri lafa lafa ch'ufa ira dansa ufi fud'ate, qooda nama gosaa mataa kennaniifi. Worri seerafi aada AABBO Waaqa guute, gaafa jaaroleeni Israeli wolti baate. 22 Waan gosa Dani inni akani jed'e: Gochiti Dani kuble nyeench'ati, ta Bashani keesaa ch'eetu. 23 Waan gosa Naftali inni akana jed'e: Gochiti Naftali eeba AABBO Waaqa guddo argatte; lafti worra galaana Galilaya ia iraa baate bita qajeelti. 24 Waan gosa Asheri inni akana jed'e: Gochiti Asheri gosa taani ch'ufa ira eeba argatte. Oboleyaani isaa ch'ufti ha nama ch'ufa ira isa jaalatu lafti isaleeni ha guddo d'ad'a qabaatuti. 25 Balbala fullo dira isaa ha sibiilani ch'ufani, isa ha guyya ch'ufa aka dansaa qorqorataniti. 26 Isani worra gosa Israeli, Waaqi aka waaqa keesani jiru tokoleeni injiru, ka woi yaabate guddinnaani gubbaa deeme dumansa keesa deeme qarqaarsaani isanii d'ufu. 27 Haguma jiru jireenna AABBO Waaqi ya isani qorqorate, harki isaa haga duriti ya isani olqabe. Inni nyaapa keesani isani dura gusse, ch'ufa hobaasa isaniini jed'e. 28 Tanaafi ilmaani Yakobo nagayaani teeti, lafa mid'aanifi daad'iini miju keesa, ta fit'eesi gubba lafa jiisu. 29 Ee Israeli, isani gammachu akami qabdani! Gochiti aka teesani tokoleeni injirtu ta AABBO Waaqi baase. Wonteefi goraadeeni teesani, ta nyaapa isani ira d'owarte isani dabsachiiftu AABBO Waaqa. Nyaapi keesani, lubbu nu baasa jed'e isani kad'ata, ammo isani ira ejaanjaattani. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya