Qaabacha Seera 32 - KITAABA WAAQA1 Ee gubba, dubbi tiyya d'agayi, ee lafa, aka dansa naa ch'aqasi. 2 Barsiisani tiyya aka bokaya roobde, dubbini tiyyaleeni aka fit'eesa woi jiifte; akuma ebele buuyo irati harrifte, aka shaesa marra irati roobdi. 3 Anini maqa AABBO Waaqa faarse, gumiini isaaleeni guddinna isaa odeesiti. 4 AABBO Waaqi jaba aka d'akha, ka wonti inni tolchu ch'ufti d'uga. Inni Waaqa d'uga, ka d'ugeefatani, ka qajeelafi d'ugaa tolchu. 5 Isani worra dugeefataniiniti, ka gumi isaa tau himmaliini, gosa nama sobdu, ch'ubbiti. 6 Aki isani AABBO Waaqa tolchitani akana; daawe woma imbeenne tana? Inni AABBO keesani ka isaani uumeeniti? Inni isani daraarse gosa isani intolchine? 7 Waan duri, ka dabre, qaabad'a, abbooti teesani waan tahe gaafad'a, jaarole odu duri odeefad'a. 8 Gaafa ka waan ch'ufa ira jiru lafa gosaa qoode, gaafa inni ilmaani namaa gargari baase, inni gosa ch'ufa lafa kenneefi, gumi Waaqa gula. 9 Ammo qoodi AABBO Waaqaa gumi isaati, Yakobooni d'aala isaati. 10 Inni lafa alooti isa arge, lafa bubbiftu gamoojiti fuud'e qorqorate, akuma ufi jabeesu jabeese. 11 Akuma risaani ilmaani ufi barisu barsiise, koola ballise jala ch'ee qabu, AABBO Waaqi Israeli qaba. 12 AABBO Waaqa ch'allati gumi ufiitini deeme, ka qarqaarsa waaqa d'ibi inqamne. 13 Inni lafa dirre quubsise, mid'aani oobru nyaachise. Inni d'akha keesaa damma worra quubse qarsa keesaa d'ad'a kenneefi. 14 Looni keesaa ititu kenneefi, ree keesaa aanani kenneefi, ammalle hooliyefi laleesafi looni keesaa gabbinna kenneefi, dargaye dansaafi daad'i qullo zabibu obaase. 15 Gumiini Waaqa horte gabbatte, ammo AABBO Waaqa didde; worri lafa ira dabre ch'ufti gabbate, moora baase. Duuba Waaqa worra uume wollaalani. D'akha worra baase didani. 16 Worri Waaqa d'ibi kad'ate, AABBO Waaqa obsa d'owe, wonti hamtuni worri tolche isa dallansiifte. 17 Waan waaqa intahini, jinni, sorio baasanifi waaqa worri duri imbeenne, hareesa kale d'ufe, ka ababooti worraa taka insodaatini. 18 Isani Waaqa keesani ka isani uume wollaaltani Waaqa isani d'ale ch'aqasu diddani. 19 AABBO Waaqi akasi arge jennaani dallane, ilmaani isaa ta d'iiratifi dubrale dide. 20 Waan jed'e, Anini deebie worra kana inqarqaaru, ammalle muumme waan worri iti deemu laala; wonti akanatiifi worri kunini worra mata jajaba, ka dubbi nama ind'ageenne. 21 Worri kunini ya waan waaqa intahini kad'ate obsa na d'owe, waan boch'ani kad'ataniini na dallansiise, tanaafi anini gosa gosa intahini fuud'e, akasiini isani obsa d'owe, gosa daalle fuud'e isani dallansiisa. 22 Dallansuuni tiyya aka ibida bobeete, boola fulla Ekherani jirtuleti woi gubdi: Dallansuuni suni lafafi waan isiini baaftule ch'ufa balleesite, gaarale ch'ufa ibidaani gubdi. 23 Anini waan hamtu ch'ufa worra irati tuule, t'iya tiyya ch'ufaani worra had'a. 24 Worri beelafi qand'ooni hobae, d'ukuba hamaani raawata. Anini bineensa ala, ka worra nyaatu, iti erge bofi had'aa qabu worra idda. 25 Woraani kara keesati nama balleese, gaargali taka inargini worra keesati nama qabata; kaimi ka d'iiratifi ka uwaleeni raawate, daimafi jaaroleleeni hafto d'abdi. 26 Anini sila worra hobaase aka nami tokoleeni worra inqaabanne. 27 Ammo anini kiyyiba nyaapa worra sodaad'a, worri hegeri ufi d'aade, AABBO Waaqaniti, nuti worra harka keennaani hobaase jed'a. 28 Israeliini gosa woma imbeenne, ta qalbi womatu inqamne. 29 Worri waan worra dabsatanifi inhubatu, ammalle waan tahe inargu. 30 Nami toko akami nama kuma toko dabsata? Yokhaani nami lama akami nama kuma kud'ani dabsata? Yo AABBO Waaqi worraa worra lakise, Waaqi guddaani worra yalabahe male. 31 Nyaapi worraa imbeekha aka waaqi worraa laafa, ammalle waaqi worraa, haga Waaqa Israeli irre inqamne. 32 Daad'iini nyaapa worraa Sodoma keesa d'ufte, oobru Gomora keesaa baate: zabibuni worraa had'ooftu, ta mid'aani had'aa qaba baaftu, 33 akuma daad'i had'aa bofaa ira mid'aasani. 34 AABBO Waaqi waan nyaapa worra tolche qaabate, guyya worra gaargalchani eegata. 35 Inni haalo baafate worra gaargalcha; guyyaani worri baddu ya d'iaate; guyyaani worri d'umatu ya ala hobae. 36 AABBO Waaqi hojja aka irreeni gumi isaa laafte argu worra baasa; ammalle hojja laafinna worra isaa hojattu argu innahaafi. 37 Duuba AABBO Waaqi gumi isaatini waan jed'u, me, waaqi hedduuni irre qabu, ka isani d'aabbatani? 38 Ka gabbinna sorio teesanitiini quubsitani, daad'i sorio teesani obaaftani? Waaqi sunini ch'ufti ha amma tana d'ufe isani qarqaaruti! Ha orie d'ufe isani jabeesuti! 39 Me amma ilaala, Waaqi d'uga ana, ka d'ibiini injiru. Anini ijeese jireesa, madeese fayyisa, nami tokoleeni na indabsatu. 40 Anini harka kiyya olfuud'e kakhad'a, aka anini Waaqa jiru, 41 ka woraana kiyya qare, d'ugaani tissu. Anini nyaapa haalo baafad'e, nama na jibbule balleesa. 42 Anini t'iya tiyya d'iiga worra quubse, goraadeeni tiyya fooni worraa nyaattee hobaafti. anini nama na had'u tokole illakisu, ka madeesanifi ka qabanile infit'a. 43 Isani gochiti ch'ufti, gumi AABBO Waaqa faarsa; wonti akanatiifi inni nama worra ijeesu gaargalcha. Inni nyaapa ufi haalo baafate, daba gumi isaa ch'ufa araaramaafi. 44 Musafi Yoshuani, ilmi Nuni, sirba kana, ka nami ch'ufti d'agayu, biyyaa sirbani. D'aamsa eege ka Musani d'aamate 45 Musani dubbi gosa Israeli barsiisu ch'ufa buufate jennaani 46 waan jed'e, Dubbi anini isani arra barsiisu tana jabeesa, garaati qabad'a, ilmaani teesanile ch'ufa barsiisa, aka isiini dubbi seera kana ch'ufa jabeesite guutu. 47 Dubbini tunini dubbi tabaatiiniti, waan jireenna keesaniti. Yo jabeesitani guuttani, lafa galaana Yordanitini gama ta isaani amma iti qubachu geetani tana keesati, guyyaani keesani d'eerata. 48 Guyyuma suni AABBO Waaqi waan Musani jed'e, 49 Gaara Nebo, ka fulla gareeni Abarimu, lafa Moabu keesa, dira Yeriko gama ilaboru; jiru d'aqi kori, lafa Kanaani, ta anini worra Israeliti kennu, aka dansaa daawad'i. 50 Atini akuma oboleesi kanke Harunini gaara Hori irati due gaara suni irati doota; 51 wonti akanatiifi isaani lachu gumi Israeli durati na ch'eersitani. Gaafa isani fulla bisaani Meriba jirtani, d'aatu dira Kadeshi, lafa aloo ta Sini keesati, gumi Israeli durati na saalfachu diddani. 52 Atini lafa anini worra Israeli kennu suni fago daawata, male, inseentu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya