Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Qaabacha Seera 30 - KITAABA WAAQA

1 Anini arra eebaafi abaarsa wolbira isanii qaba, toko gula baha. Hojja wonti kunini ch'ufti isani taate, ka isani gosa d'ibi keesa fulla AABBO Waaqi isani iti firfirse teetani isani waan anini jed'e kana inqaabatani.

2 Yo isanifi ilmaani teesani AABBO Waaqati deebitani garaa keesani ch'ufaani seera isaa, ka anini arra isanii kennu guutani,

3 AABBO Waaqi keesani isani naha. Inni gosa d'ibi ta inni keesa isani firfirse keesaa isani deebise, ammalle isani horsiisa.

4 Ato muumme lafati isani firfirsanile, AABBO Waaqi keesani wolti isani deebisa

5 aka isani lafa ababooti teesani duri keesa teete deebitani, fud'attani iti qubatani. Duuba ammalle inni ababoota teesanile ira isani daraarse isani horsiisa.

6 AABBO Waaqi keesani garaa keesanifi ka ilmaani teesani laafise, ufii isani saalfachiisa aka isani garaa keesani ch'ufaani isa jaalattani, lafa suni keesati bultani.

7 Inni abaarsa qara isani abaare ch'ufa nyaapa keesani ka isani jibbe isaani dabseti deebise,

8 isanileeni isaa saalfattani, seera isaa, ka anini arra isanii kennu kana, guuttani.

9 AABBO Waaqi waan ch'ufa keesa isani horsiisa; isani ilmaani heddu d'altani, looni guddo horattani, mid'aani guddole oobru teesani ira argattani. Inni akuma gammaddani ababoota teesani horsiise isanile horsiisa,

10 ammo isani isaa saalfattani seera isaa, ka kitaaba kana keesati t'aafani, ch'ufa guutu maltani. Ammalle garaa keesani ch'ufaani isati deebiu maltani.

11 Seeri anini arra isanii kennu kunini jabaate isani ind'ibu, yokhaani isani ira infagaatu.

12 Seeri suni achi isani ira fago gubba injiru. Isani waan, Eentu guba deeme nu gadifuud'a, aka nu ch'aqamne guunnu? jettanifi inqabdani.

13 Yokhaani seeri suni baariini gama injiru. Isani waan, Eentu baariini taake nutiini d'ufa aka nu ch'aqamne guunnu? jettanifi inqabdani.

14 Ammo akasiiniti, dubbini d'aatuma teesani jirti, afaani keesanifi garaa keesani keesa jirti.

15 Arra anini waan lama wolbira isanii qaba toko fohad'a waan dansaafi waan haamtu, duafi jireenna, toko gula baha.

16 Yo isani seera AABBO Waaqa keesani, ka anini arra isanii kennu guuttani isa jaalatani, isaa saalfattani, seerafi aada isaa ch'ufa gula yaatani, isani hortani daraartani, AABBO Waaqi keesani, lafa isani fud'attani iti qubachu geetani tanati, isani eebisa.

17 Ammo yo isani isa iraa deebitani ch'aqasu diddani nami d'ibiini isani sobe waaqa d'ibi isani kad'achiise,

18 anini arra isaniti hima, isani imbaddani. Ammalle isani lafa galaana Yordanitini gama, ta isaani fud'attani iti qubachu geettani, keesati inturtani.

19 Tanaafi anini amma waan kana lamaani wolbira isani qaba, duafi jireenna, eebaafi abaarsa, aka lafafi gubbaleeni d'uga isanii taatu. Tanaafi jireenna fohad'a, aka jiraattani.

20 AABBO Waaqa keesani jaalad'a, isaa saalfad'a, iraa ingorina: duuba, yo akasi taatani, isanifi ilmaani teesani, lafa AABBO Waaqi ababoota teesani Abrahamufi Isaaqofi Yakobo inkenna jed'e kakhate, keesati lubbuuni teesani d'eeratti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan