Qaabacha Seera 26 - KITAABA WAAQA1 Eegi lafa AABBO Waaqi keesani isanii kennu fud'attani iti qubattani, 2 nami keesani ch'ufti mid'aani qara inni muratu dadu keesa kaye, fulla AABBO Waaqi keesani fohate, ta iti kad'atani taani, ha geesuti. 3 Duuba qaallicha guyya suni huji harkaa qabu gara isaa d'aqa waan jettani, Nu arra AABBO Waaqa keennati himna, aka lafa inni ababoota teennati kakhate fud'anne iti qubanne. 4 Duuba qaallichi kaani dadu isani iraa fuud'e fulla sorio AABBO Waaqa iti baasani taani dura kaya. 5 Duuba AABBO Waaqa durati isani dubbi tana jettani: Ababooni keenna nama gogodaanu, ka gosa Arami, ka worra ufii fud'ate lafa Misiri keesa qubate tae. Worri gaafa achii d'aqe nama diqa, ammo eege gosa guddo irre qabdu tahe. 6 Worri Misiri waan hamtu nu tolche nu dabse tisse nu tolche. 7 Duuba nu AABBO Waaqa ababoota teennati bone, inni boha teenna d'agaye gaargalafi d'ibafi d'ipu teenna arge. 8 Inni harka isaa jabaani lafa Misiri keesaa nuu baase, waan mamatiifi ka mamisa tolche, nama sodaachise mudamsiise. 9 Inni arma lafa aananifi dammi aka lola yauni nu d'ufe nuu keenne. 10 Tanaafi amma nu AABBO Waaqa mid'aani qara muranne bamanaafi. Duuba dadu suni AABBO Waaqa dura kaya, isa kad'ad'a. 11 Waan dansa AABBO Waaqi keesani isanifi worra keesaniti kenne jed'a galata deebisaafi: ammalle isanifi worra Lawitifi keessuma isaani keesa jirtuleeni woliini gammada. 12 Ganna sadeeso ch'ufa, mid'aani argattani ch'ufa kud'ani keesa toko worra gosa Lawi fa, worra gosa teesani intahinifa, ilmaani hiyyeeyifa, nad'eeni hiyyeeyifa keenna, aka fulla nami jiru ch'ufati nyaatani quufani. Eegi waan kana tolchitani, 13 waan AABBO Waaqaani jettani, Qoodi qulqullooni Waaqaa baasani mana keenna keesati inhamne, nu yayu worra gosa Lawifa, worra gosa teenna intahini fa, ilmaani hiyyeeyifa, ammalle nad'eeni hiyyeeyile akuma atini nuuni jette kennine. Nu seera kanke tokole inch'absine, yokhaani indeene. 14 Nu gaafa bone taka qooda suni inyaanne yokhaani mana keenna keesaale taka infuune, gaafa qulqullo intahini; ammalle nu taka nama due jenne qooda suni keesa fuune d'ibaayu imbaamne. Nu ya dubbi AABBO Waaqa keenna ch'aqamne. Nu waan atini tolchi nuuni jette ch'ufa ya tolchine. 15 Fulla tante qulqullo ta gubbati gadi laali, worra kanke ka Israeliti eebisi; ammalle lafa atini ababoota teenna kakhate nuu kennite, ta aananifi dammi aka lola yau jed'ani eebisi. Gumi AABBO Waaqaa 16 Arra AABBO Waaqi keesani seerafi aada tana ch'ufa guuta isaaniini jed'a: tanaafi garaa keesani ch'ufaani jabeesa guuta. 17 Arra ya AABBO Waaqa keenna jettani himattani; ammalle nu ya AABBO Waaqa gula yaane, seerafi aada isaa guunne, dubbi isa gula yaane jettani. 18 Arra AABBO Waaqi ya gumi ufii isani tolfate, akuma inni duri kakhate; ammalle inni, seera kiyya ch'ufa guuta isaniini jed'a. 19 Inni gosa d'ibi ch'ufa, ta inni uume ira isani guddisa, isanileeni isa faarsitani maqa isaa guddiftani. Ammalle, akuma inni kakhate, isani gumi qulqullo AABBO Waaqa keesani taatani. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya